Showing posts with label abdii. Show all posts
Showing posts with label abdii. Show all posts

NUTTIS AS DHIHAADHU ATI ABDII NUUF LAADHU- BEST INSPIRATIONAL PEOM

Gaafa beekaan dubbachuuf arrabnisa xaxamu

Gaafa limiixiin dhufee lafatti uwiffamu

Gaafa hunduu wallaalee bakka deemuuf dhaabatu

Icciitti garaasaatii dhabee namatti himatu


Imimmaan haxaawwachuun maaf darba barri keenya

Abbaa aangoo qabeessa dubbadhu gara keenya

Ogummaan nu baqatee onee jireenyii keenya

Hadaaraa kee dubbadhu olii sumaan eegna


Lafti dhihee bari'uu walisaa walaalee

Jireenyi rakkinaa didee nurratti caallee

Ofirraa dabarsuuf mulqachuus dadhabnee

Suma qofa wamnee sumattin abdannee

Yaa rabbii nun gattin jechuun si kadhannee


Beekadhafi walalaa hundii suma ilaalaa

Ati nutti dubbadhuu yaa rabbii halalaa

Nuuttis as dhiyaadhu ati abdii nuf ladhu


HANGAA YOOMITTI? Xalayyaa jaalala kan baay'ee addaa ta'ee

Si haa ga'uu nagaan jaalalaa koo bakka ati jirtu hundaatti, Shamshamee koo guyyaan si barree kaasse hangaa yoonnatti yoon si jaaladhes ati garuu taasumaa akkan si jaaladhuus baruu hin dandeenye. Eggaa annis hangaa yoomitti bifa kanna deddebi'aa. Hngaa yoomittis abdiin si egaa? Seekondiin yerootti yeron guyyaatti, guyyaan torbeetti, torbeen ji'aatt, ji'ii walliitti dabalamee waggaa jechuun bara lakkosissee. Ani garuu, utummaan jaaladhu dhabbadheen hafee. Sochiis nan dhabbee. Guyyaa. Sin waal baree gammachuun guuttamee jireenya harraa jirachuuf abdiin guutame. Har'aas tannaan abdii kutuu dadhabbeen fannaa kee egaa bahuufi galuu keen hordofaa. Ammaa moo ammaa tole naaf jetta jechuun si barbadaa. Sila waa'ee isa galgalaa dhisiu hangaan maradhee mana bahuutti na fiigsaa yaadnifi qalbiin koo hundii sumaa yaada. Yaada qofa natti ta'ee gonkummaan si argachuu hin dandeenye. Marree egaa hangaa yoomittan si egaa??? Gaaffi kooffis yoomin deebii argadhaa? 

___________________

Namni waa'een jaalalaa isaaf galee jaalalaa hin tuffaattuu. Jaalali waan hundaa oliidhaa. Seerri waaqeffannaa kamiyyuu jaalali wantaa hundaa ol akka ta'ee ni amanaa. Sababni isaa Uummamaa ummamtoottaa kan ta'ee Gooftaa iyyuu sababaa jaalalaaf dhufee addunyaa garbummaa Seexannaa jala bilisaa basee. Kannaaf wantaa hundaa qabnee jaalalaa hin qabnuu tannaan nutti akka Sibilaa rukkunnaan iyyuutti, akkaa sbilaa iyyuuttis. Iyyuu malee fayyidaa biroo hin kenniuu jechuudha. Yoomiyyuu tannaan kan jaalalaa dhugaan jaalttee basee himachuu hin sodattuu. Basee hin himattuu tannaan maalif jaalatterree. 

JAALALAA DHOKSAA MANNA JIBBAA MUL'ATUU wayyaa. Dhoksaannii du'uu mannaa dubbaattanii du'uu wayyaa. 

Maree anis hangaa yoomitti si kadhachaa jiraadha? Moo maalif dhoksaatti na jaalattaa?

_______________


Ani baseen sitti himaadhee,

Maalif dhoksaatti na jaalattee,

Boriif jechaan si abdadhee,

Maalif daftee nan na gantee,

__________________

Lama hin tannu tokkoo malee,

Si hin dhisuu du'aa malee,

Jechuun yeroo hundaan sitti himee,

 Ammaa garuu abdii kuttuu?

Hangaa yoomi jechuu dhisuu?

_______________     

Kannaf jaalalee koo waan hundaa dhisee ammaas sin egaa hangaa yoomitti jechaa itti fufaa? Moo maal naf maalta? Hangaa ati Xalayyaa kana naaf deebistutti HANGAA YOOMITTI jechaa abdiin sin eggaa. Deebii kee hangaan argadhutti hiribaas hin rafuu abjuus hin argadhuu.

___________    

Nagaatti Kan si jaalattu,

Abdiin kan si eggattuu,

Beekumsaaf ni beektaa,

Maqaa koos ni dhoftaa,

_____________________

Abdii lammi isa jabbattaa akka abbaa isaa,

Dafee si hin dhisuu garaan na rorrisaa,

Abdiin si argachuuf obsummaan caaldhisaa,

Oromtichaa boonaa jabbaattaa mancassaa!!!


Erga  dagatame tahuus bara hedduu

Tasa deebi'eera taatee mara gidduu

Gaafa san waan tahe yoon nan hima jedhe

Jaalalti mucayyoo waan inni na godhe


Guyyaa gaafa duraa gaafa na jalqabu

Nan qabamen seene yaada saas hin qabu

Guyyuma tokkotti tasa natti dhufee

Hangamuu kadhadhus miila jala kufee


Akkaan ol hin kaanet kaballaa na cufee

Anoo waansaan beeku waan ijji koo tahe

Barbaachi waan tahee climax gahe

Ajaja koo dhiise humna koo ol tahe


Deddeebi'ee laala daangaa meeqa cehee

Nama mana guute tokko arguu didee

Gara san na dirqa humna jabaa fidee

Guyyaadhuma tokkoon ibidda na hide


Erga guyyaa sanii baay'uman barbada

Daqiiqaaf sekondii mara isuman yaada

Yeroon dubbisuufii taa'us nama keessa

Hirriibaaniis tahu halkan walakkeessaa


Isiidhuma yaaduu halakaniifi guyyaa

Waa'ee shee xiinxaluu tahe hojiin kiyyaa!

Of keessaa gad baasee namatti hin himu

Humna koo ol tahee hangamuu na cimu


Ilkaan ciniinnadheen ofiikoon of gubaa

Dhibee falan qabneen ofumaaf of huba

Kuni jaalala moo nat himaa dhukkubaa?

❤️ JAALALA ❤️


๐Ÿ”ด Namicha tokkotu ture. Gaaftokko osoo karaa deemaa jiruu maangoo baay'ee bareedduu tokko argee. itti siqees kutate, baay'ees isatti toltee, nyaachuufis baay'ee gojomma'e.

๐ŸŸข Garuu waan tokko yaadate, haadha manaa isaa baay'ee jaallatuuf fuudhee galuu barbaadee, fuudheefis gale. Haati manaa isaas akkuma galeen nyaata baay'ee mi'aa ta'e dhiheessitee taa'itii nyaadhuu jetteen. Innis battaluma sana harka isaa kiisitti kaa'ee maangoo sana baasee waan kana siifan fide nyaadhu ittiin jedheen.

๐Ÿ”ด Isheen gammaddee harkaa fudhatte. Golatti galtee gaggaragalchitee ilaalte. Achumaan mucaa ishee baay'ee jaalattuu tokko yaadatte. mucichaafis kennuu yaadde. mucaa isheetiifis geessitee kennite. Mucichis baay'ee gammadee harkaa fudhatee yommuu ilaalu isattis baay'ee bareede. Mucichis geessee abbaa isaatiif kenne. Abbaanis baay'ee ajaa'ibsiifate. Harkaa fuudhee iddoo sadiitti kutee. Hundumti isaanii nyaatanii gammadan.

๐Ÿ”ต Jaalala jechuun nama harkaa fudhachuu osoo hin taane waliif kennuunis ni hogganama. Gammachuun, gammachuu nama harkaa fudhachuu duwwaa osoo hin taane namaaf kennuudhas.

➾ Waaqayyoo Jaalala dhugaa  nuuf haa kennu๐Ÿ™

➾ Barri keessan kan jaalalaan ife isiniif haa ta'u!

Dubartiin Tokko Durbummaa Qabaachuu fi Dhiisuu Ishii Akkamitti Beekna?


◉ Jaalalleen kee ani durbummaadhanan jira jettee sitti kakachuun ishii waan hin oolledha. Garuu osoo walqunnamtii saalaa hin goone haaluma salphaa ta'een dubartiin tokko durbummaa akka qabdu fi hin qabne adda baafachuu dandeessa.

➊ Gammadduu yoo taate : Yeroo ati waa’ee jireenya boruu itti haasoftu ishiinimmoo diddeetuma waanuma har’aa qofaan gammaddi taanan shakkisiisadha. Har'uma kana addunyaan ishii. Sababiin isaas walqunnamtii saalaa waan jalqabdeef hoormoonii gammachuuf ta’u oomishuu eegalteerti. 

➋ Harma : Harmi dubartii durbummaa hin qabnee kan yeroo kamiirrayyuu ni jajjabaata. Yeroo ati kissing gochaa harkan immoo harma ishii sukkumtu kan danfitee miira keessa galuun ija dunuunfattu taanan intalli tun durbummaa waan qabdu hin se’u.

➌ Fiixee Harma : Dubartiin kana dura walqunnamtii saalaa yoo gootee jiraatte yoo ati fiixee harma ishii tuqxe miira keessa galti. Garuu durbummaan yoo jiraatte miira keessa hin galtu, ofirraa si darbatti. Yeroo ati caafii harma ishii akkuma biloonitti nanaanneesitu calliste si ilaallan dubartin tun muuxannoo walqunnamtii saalaa waan qabduuf durbummaa baayistee ishiirraa hin eeggatin.

➍ Dhangalaa’aa qaamaa saalaa : Dubartiin tokko yoo kana dura muuxannoo walqunnamtii saalaa qabdi taate yeroo ati kissing gootuu si harkatti danfite, yeroo harma sukkuumtu, qaamaa saalaa ishii faa tuutuqxu dhangala’aan dafee qaama saalaa ishii keessaa baay’inaan gadi nam’inaan durbummaa qabaachun ishii mallattoo gaaffii(???) jala jira.

➎ Qinxirii : Yeroo ati gaaraa kissing gochaa harka kee immoo kofa ishii jidduu seensiftee quba keetin yoo qinxirii ishii tuqxe kan miira keessa galtee omaa hin dubbanne taanan, quba keetin qinxirii ishee yoo ati gorogortu kan simmeetidhan si harkatti baqxu taanan jireenyi durbummaa ishii shakkisiisadha.

➏ Nafsaala : Kuni beekamaa waan ta’eef wal nama hin gaafachiisu. Yeroo ati quba kee afaan nafsaala ishiirra walii gadi oftu intalatti kan tolu taanan, yeroo ati quba kee itti geessitu qaamni saalaa ishii callisee quba kee gufuu tokko malee keessummeessa taanan garaa kee kutadhu mucayyoon tun durbummaa hin qabdu.

Ni dandeessa You can do it


➥ Wanti ati kun "hin danda'amu baay'ee ulfaataadha" jettu caaladhumattiyyuu sitti ulfaata.  Faallaa kanaa wanta ulfaatu kamuu kutannoodhaan itti deemnaan baay'ee salphaadha. 

➨ Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama'i! Dhamaatii fi milkaa'inni kee hiika abjuu keeti.

➨ Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta'uun hin jiru waan ta'eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata. 

➨ Jalqabni Milkaa'ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu'is miti, si'uma si'i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji'a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee. 

➨ Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname. 

➨ Diina ofiitii gadi ta'anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru. 

Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati.

➦ Wษ‘ษ‘n beektษ‘nii fi dubbistษ‘n dhษ‘lootษ‘ษ‘f dษ‘bษ‘rsษ‘ษ‘. Wษ‘liin bษ‘rษ‘nnee wษ‘liis hษ‘ษ‘ bษ‘rsiifnu!  

YAA LEENCAA

 


Odoo gatiikee Beeknee

Silaa mukarra hin bultu

Barattii badeef malee

Daggala keessa hin galtu 

Barbaaddu lafaan dhooftee

Mataa gubbaarra teessaa

Maqaan keeyyuu mootiidhaa

Hammuma maqaa geessaa

Silaa ati hoogganaadhaa

Hundumaa ni ergattaa

Siree gubbaarra ciistee

Dammaaf cooma murattaa

Teessoo si jalaan deemu

Bookaf nadhii unnattaa

Aduun dirra kee hin nyaatu

Maasara keessa ooltaa

Kan feetetti hammaattee

Kan feetettimmoo toltaa

Miila keetis dhiqanii

Dibanii si nyaachisuu

Nyaatan barbaadadhaaf

Olif gad sin kaachisuu


~Ilaa.........


Ilaa mee yaa mootikoo

Ajajaa warra Guddaa

Ati ulfeeffamaadhaa

Mootii mootota hundaa

Waan tokko si gaafadhuu

Hundumaa ni dandeessaa

Beekaf wallaalaa hin jettuu

Hundayyuu ni dhageessaa

Garuu hanguma yoomiitti

Roobaf aduun dhaanamtaa

Gogaan kee miidhagaadhaa

Duutullee barbaadamtaa

Otoo guddaa taatee jirtuu

Maalif daggala teessaa

Maqaa kee yoo waaman

Hundumtuu si ulfeessaa

Baankiwwan biyya keenyaa

Maqaa keen moggaafamuu

Warshaalee bebbeekamoon

Maqaa keen oomishamuu

Gamoo babbareedaniis

Maqaa keen ijaaramaa

Warri sodaatamaaniis

Kabaja keen waamamaa


~Akkamiin hin beeknuree....


Akkanan waamamuukee

Dhageenyee quba qabnaa

Maaf hin beekne ni beeknaa

Akkamiin garaa dhabnaa?

Egaa yaa Leencotakoo

Dhaamsa tokkon siif dhaama

Har'aan booda maqaakee

Mootii jedheen si waamaa

Eeyyeen ati mootiidhaa

Daggalli siif hin maluu

Waangoo maasaraa yaasi

Inni daggala haa galuu

Hunduu si'iin of waamaa

Guddisee of dhaadhessuu

Hanga yoom kaa mootiikoo 

Mee kan bosona teessuu

Kabajamoo leencota koo

Addunyaan tun keessanii

Maqaan keessan ulfaadhaa

Hamma Maqaas geessanii

Maqaan kee mootiidhaa

Hooggansas ni dandeechaa

Teessoon kee maasaraadhaa

Baroodii kaa YAA LEENCAA

Walaloo Gowwaa


Samii lafa  jalaa 

Dhukataa hin mul'anne 

Halkan  gurraacha limixi 

Kan gufuu,hin gufanne 


Isa aduun itti qorree 

Yandoon itti bulluqu 

Karri dhugaa dhiphateefi 

Uraa lilmoon lulluuqu 


Kan nyaatu hin furdanne

Huqqataa hidda mixii 

Midhaan jedheetu bukeessa 

Corroqa akka lixii 


Guyyaa sireerra oola 

Halkaniin isa joorsa 

Jiruu bineensaan morka 

Akka waraabessaa 


Lafti jalli samii 

Samii gubbaan lafa  

Foon isaaf  lafeedha 

Lafeen ammoo nafa 


Ergaa alagaaf jedhee 

Miila cabaan  okkolfata

Damma lammii gola kaahee

Diinotasaaf  raqa baata 


Coomaaf daadhii mana  firaa

Alaalatti baqata 

Mana warra diinaa dhaqee 

Hanqaarii kajeellata 


Isaaf  guyyaan  halkani 

Halkani immoo  guyyaa 

Obbolaaf du'a sirbee 

Alagaaf naasuu  iyya  


Waldhabaa luka  Harree 

Shafoon koophee biqilche 

Hin qabu gowwaan akkaataa 

Gamni boonyaan ililchee

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...