Dubbachuu keen dura madaali yaa firaa arrabni bara kanaa sammuun gargar jiraa

Dubbachuu keen dura madaali yaa firaa

Arrabni bara kanaa sammuun gargar jiraa

Namni akkuma argitetti dubbachuu kee caalaa

Kallattii hubachuu keet fageessee madaalaa


Arrabni ergamtuudha ajaja sammuu eegdi

Sammuun adda baanan bakkee keessa fiigdi

Isa hin beekne laaqxee beekaa burjaajeesiti

Korma dhalchisistee raada maseensiti


Arraba kee hin amaniin sammuu kee abdadhu

Arraabaaf sammuu keen qunnamsisi dubbadhu

Maal dubbachuufan jedhiitii madaali

Osoo hin baafatiin sirriitti ilaali!!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...