raawwattuudha. Hammuma ati sammuu kee keessatti waan hojjatuuf deemtu san sirriitti bareechitee beeyte hojiin isaatis miidhaga. Fakkeenyaaf mana ijaaruu/ijaarsisuu feeta yoo ta’e jalqaba sammuu kee keessatti mana akkamii? Kan kutaa meeqa qabu? Kan dizaayiniin isaa akkamii?fi wantoota kana fakkaatan sirriitti beekuu qabda. Gaafas waan barbaaddu san sirriitti lafarratti dhugoomsitee arguu dandeetta. Haaluma walfakkaatun jireenya jiraachuu feetus akkasumatti sammuu kee keessatti bareechitee beekuun barbaachisaadha. Hammuma sammuu kee keessatti waan feetu san sirriitti beekuu dandeettu qabatamaanis hojiitti geeddaruu dandeetta waan ta’eef. Barreessaan
kitaabichaa as biratti waan tokko akka goonu gorsa nuuf Kenna. Innis jireenya keenya keessatti Kaayyoof Galma jiruu keenyaa ( Personal Mission Statement) akka barreessinuudha. Mee nama akkamii tahuu feena? Boru gaafa Adduunyaa kanarraa boqannu nama akkamii jedhamnee yaadatamuu feena? Mee waan kana waraqua irratti
katabi, of gaafadhu! Gaafas waan hojjattu hunda saniin walqabsiistee hojjachuudhaaf siif mijata.
No comments:
Post a Comment