1- NAMA WALIIN WALITTI DHUFEENYA QABAADHU.
Namni qofaa jiraatuu fi yeroo gammaduuf gaddu nama waliin haasaโu hin qabne carraan rakkoo dhiphina sammuu qabaachuu isaa olkaโaadha.
2- WANTOTA SI DHIPHISAN ADDA BAASII BEEKI.
Wantootni nu dhiphisan tokko tokko kan dhabamsiisuu (avoid) gochuu dandeenyudha. Kanneen qaama jireenyaa taaโaniifi dhabamsiisuun hin danda'amne immoo dursinee itti qophaaโuufi of toโachuun furmaata.
3- HAWAASA KEESSA JIRAATTUUF BUโAA BUUSI.
Namoota naannookeetti argaman gargaaruufi jireenya isaanii jijjiiruun gahee ati addunyaa kana keessatti qabdu sitti argisiisa. Jijjiiramuu, gargaaramuufi fayyadamuu ollaakeetii, hawaasa keetiif sababa yoo taatu, ofiikeetti gammadda.
4- FEDHIIKEE NAMOOTA MURAASATTI HIMADHU KAN ISAANIIS DHAGGEEFFADHU.
Kunis namootni fedhii siin walfakkaataa qaban akka jiran sitti argisiisuudhaan qaama hawaasaa akka taate sii mirkaneessa. Namoonni akka keetii akka jiran sii mulโisa. Qaama hawaasaa taโuun ammoo dhiphina sammuu hedduu namarraa ittisa.
5- BOQODHU.
Hammam hojiin yoo sitti baayyate illee boqochuuf yeroo qabaadhu. Yeroo hirribaa akka salphaatti ilaaltee ofirraa hin hanqisiin. Hirribni gahaan fayyummaa sammuu irratti gahee guddaa qaba.
6- WAAN KEESSA JIRTU SIRRIITTI HUBADHU.
Yeroo baayโee namoonni dogoggora yeroo darbee yaaduufi rakkoo fuulduratti itti dhufutti yaaddaโuu malee waan amma kana keessa jiran hin yaadan, hin yaadatanis. Waaโee guyyaa harโa keessa oollee, waaโee aduu harโa baatee dhiitee, waaโee waan har'a hojjechaa oollee yoo yaadne miidhama keenya nuuf hirโisa.
7- FAYYUMMAA QAAMA KEETIIF OF EEGGADHU.
Rakkoon sammuufi miidhamni qaamaa kunneenii yeroo baayโee walitti hidhata. Kanaaf ispoortii hojjachuu, nyaata sirriitti nyaachuu, muuziqaa jaallattu dhaggeeffachuufi waliin shubbisuu, haga dandeessetti fayyummaa qaama keetii eeggachuun sammuu kee nagaa taasisa.
8- WAAN HAARAA HOJJACHUU YKN BARUU YAALI.
Jireenya kee keessatti yoo waan haaraa bartu yokaan hojjattu, jireenyi kee irra deddeebii taโee sin nuffisiisu. Miirri fiixa baโumsaa, moโichaa, gammachuufi ofitti amanamummaa waan haaraa baruu keessaan argamu.
9- GARGAARSA GAAFACHUUF DUUBATTI HIN JEDHIIN.
Namoonni hedduun gargaarsa gaafachuun mallattoo moโamuu yokaan kufaatii, dadhabina itti fakkaata. Kun tasumaa dhugaa miti. Kanaaf rakkina kam keessattillee gammachuudhaan gargaarsa gaafachuun moโamuu osoo hin taane injifachuudha. Rakkoo sammuun dhiphachuu kana illee taanaan gargaarsa gorsaa gaafachuun furmaata guddadha.
๐Fayyaaf nagaa hin dhabiinaa๐