DHUKKUBOOTA JAALALAA(WAANTOOTA WALITTI DHUFEENYA JAALALAA MIIDHAN(5)n


1.Waantoota xixiqqoo wal diduu. Waantoota xixiqqoo yoo wal didan yeroo sanaaf salphaa fakkaata. Fakkeenyaaf… “meeshaa kana fuudhii achi kaa’i” jechuun kana yoo jenne kun waan salphaa fakkata yoo inni tokko"lakki"jedhe sammuun keenya galmeessaa deema.Dhuma irratti gara dubbii ijoo “ati dhimma kiyya hin qabdu”jechuutti dhufa.

2.Yoo wal lolan wal cufuu. Jaalala keessaatti wal loluu ykn mufachuun waanuma jirudha.haa ta’u garuu namoonni tokko tokko lola isaanii walitti dubbachuudhaan baafatu. Kaan immoo wal cufaniitu eenyu akka dura haasofsiisu akka adurree fi hantuutaatti wal eeggatu. Abbaan dura haasofsise gad-aantummmaadha jedhanii yaadu. Kanaaf yoo wal lolan wal cufuun amala taanaan hammuma wal lolan jaalalli badaa deema.Sababa lolaa osoo hin taane sababa WAL CUFUU! Kanaafuu wal hin cufiinaa.

3.Sammuu namaa keessatti waa dubbisuuf yaaluu ( Mindreading) Jaalaleewwan tokko tokko waan ati yaaddu nan beeka sammuu kee keessatti waliin jedhu. Kana garuu kan beeku rabbi qofadha. Kanaaf waan namni tokko hin dubbatiin akkasitti yaadda ykn akka sana gochuuf ati jedhanii abbaa dursanii lafa kaa’uun,deemee deemee walitti bu'iinsa guddaa fida.

4.Hiriyyaa keessan nama biraa waliin wal hin dorgomsiisiinaa. Hiriyyaan kee nama biraadha, siif adda. Kanaaf nama biraa waliin madaalchiftee, karaa kamiinuu ol-aantummaa ykn gad-aantummaa hin kennin!

5.Hiriyyaa keessan to’achuuf hin yaaliinaa. Hiriyyaan jaalalaan to’atama ykn to’atamti malee qaamaan to’achuun dhumarratti lola fida.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...