NAMUMAATU AKKASII


Abbaa fi ilmatu harree oofee gara gabaa deemaa jira jedhan.Utuma isaan Harree isaanii of-fuldura qajelchani haasa'aa adeemani karaa deemtonni tokko itti dhufan " ilaala warra gowwaa kana utuu harree yaabani deemu danda'anii of-fuldura qajeelchani lafoo adeemu."Jedhanin.Yeroo kana abban mucaa"Yaa ilma koo harree utuu qabani lafoo deemu jedhani quba nutti qabaa jiruti koottu ati harree kana yaabi animmo nan harkisa"jedhen.Mucaanis harree yaabee abban harkisaa imala isaani itti fufan.

😳Utuma deemsarra jiranii warri tokkommo itti dhufani" Maali mucaa abaarramaan safuu hin beekne, abbaa lafa oofetu ofisaaf harree yaabaa?" Jedhanin.Yeroo kana mucaan harree irra bu'ee" yaa abba koo kunoo na abaaraa jiru. Anii na harkisaa ati koottu harree kana yaabi" jedhen. Abbaanis harree yaabee mucaan harkisaa karaa isaani itti fufan.

😳 akkuma xiqqoo adeemanin immoo warri tokko karaatti itti dhufani " Maalii abbaa haammaatan akka kanaa? Mucaa isaa lafa oofee ofi isaaf harreetti bahe deemaa?" Jedhanin.Yeroo kana abbaan"Yaa mucaa koo kuno mucaa isa lafa oofe jedhani na abaaraa jiru, kanaaf koottu atis yaabi lama taanee yaabbanne adeemnaati" jedhen. Sana booda laman isaanitu harree sana yaabani karaa isaani itti fufan.

😳Xiqqoo akkuma deemanin ammas warri tokko itti dhufanii"Maali warri hamoon akka kanaa? Akkamitti lama ta'ani harree yaabani adeemu? Sammun isaani xiqumalle hin yaaduu?" Jedhanin. Yeroo kana wan godhan dhabna Harree sanarraa bu'anii  muka 2 ciccimaa isaa qopheeffatani miila fi harka ishee hidhani harrittii lama ta'ani o-lfuudhanii baatanii karaa isaani itti fufan.

😳Takka akkuma deemanin warri tokkommo karaatti itti dhufanii"ohoo ilaala ilaala warra gowwaa kana.Harree kana yaabani utuu deemu danda'anii garuu batani adeemu. Maali warri goowwan akka kanaa?"Jedhanin. Yeroo kana abba fi ilmi harritti lafa ka'ani abbaan ilmaan " yaa ilma koo oduu namaatifu karaa deemu dadhabaa jirra. Kanaaf harree kana asumatti ganneetu anaaf si'i karaa keenya itti fufuu qabna" jedhanii harree isaan fayyaddu kan mana fuudhani bahan oduu namaaf jecha gatanii karaa isaanirra bu'an jedhama.

Baay'ee hin ibsu yaadisaa sirritti sif galeera. Akkuma jara kanaa oduu namaaf jedhee isa fudhatee kahe mullata isaa, ayyaana isaa fi karoora isaa nama meeqatu karaatti gatee golatti galee jira? 

Tarii namni jechi nama madeessee manatti si galche suma isa seenaa kana dubbistu taa'am. Koottuka gabaabsen waa sitti hima. Obbolee yoo furdattes yoo qallattes, yoo dhukkubsattes yoo fayyaa taates, yoo kolfitees yoo fuulakee dumessites, Yoo ol- baates yoo gadi-buutes yoo gaarii gootes yoo balleessites arrabni namaa si biraa hin hafuu waan ta'eef ati galma kee ga'uuf muldhaata kee utuu hin gatiin karaa kee itti fufi.

Kanaaf Yoo sirratti odeessan yoo maqaa kee balleessan yoo sirratti kaka'ani du'attiyyu yoo silaatan sin dinqin. 

Kanas haa ta'u sanas namoota sif odessan caalaa namoota sirratti odeesantu nannoo kee guutee jira wan ta'ef isaanif gurri kee duuda haa ta'u. 

Namni akksi wan ta'ef ati calluma jedhi jireenya kee jiraadhu. 


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...