Jaalallee qabaatanii halkaniif guyyaa gadduu
Hiriyyaa nama dhiistee akka niitoorkii badduu
Galgala si beellamtee ishee ganama dhuftuu
Yeroo ati bilbiltuufiis gurrarratti si cuftuu
Ishee na waliin teessee mala narratti maltuu
Guyyaa na bira ooltee osoo hin buliin galtuu
Ishee waadaa naaf galtee raawwachuummoo dhiistuu
Sireedhuma tokkorratti achi garagaltee ciistuu
Durba jaalala hin beekne sobaan sammuu gooltuu
Ishee yeroo hunduumaa oliif gadi jooraa ooltuu
Ishee mirgaan dhageessee gurra bitaatiin yaastuu
Ishee na bira teessee bilbila biraa kaastuu!
Narraa qabi uumaa koo sittiin boo'a waaqa koo
Natti qabuu hin dagatiin dubara beektuuf jabduu
Mucaa maatiin guddisee ishee durbummaa qabduu!
No comments:
Post a Comment