NAMA ARRABA LAKKUU



Nama arraba lama qabu agartanii beektuu ykn dhageessanii beektuu? Tarii lakki jechuu maltu.

Garuu akka qorannoon garaagaraa ibsutti bara 1900 keessa qorannoo geggeeffameen namni afaan lama qabu 35 addunyaa kana irra akka jiru gabaaamee ture. 

Akkuma qubni harkaa fi miillaa ykn qaamni biraa sababa hormoonii fi uumamaatiin umamuu danda'an afaan lama ykn arrabni lamas uumamuu danda'a. Kanneen afaanuma tokko keessatti arraba lama qaban immoo akka addunyaatti yoo muraasatanillee dhiira caalaa shamarrantu saaxilamoodha jedha qorannoon. 

Qorannoon bara 1990 keessa geggeeffames, naannoo itti dhalootni qaama guutuu fi rakkoo congenital malformation qabatanitti garuu namoota 50,000 keessaa shamarra tokko qofatu rakkoo arraba lamaan dhalachuudhaan  argamte jedha. Yeroo ammaa garuu ragaan namoota akkasii dhibamaa jira.

Alkasumas kanneen akka miidhaginaatti lakkaa'anii tajaajila baqaqsuudhaan arraba isaanii bakka lamatti baafatanis biyyoota guddatan keessa jiru. Kunis "Tongue bifurcation" jedhama.

Dhugaa dubbachuuf garuu akkuma daa'immummaa irraa olguddataa deemnuun arraba kan biraa biqilchaa deemna. Akkauma qabeenya horataa ykn iyyoomaa deemnuun, akkuma aangoo argataa ykn dhabaa deemnuun, akkuma namaan jaallatamaa ykn jibbamaa deemnuun, akkuma injifataa ykn injifatamaa deemnuu fi kan birootiin arraba lakkuun keenya qummaadaa suuta suuta guddataa deema.

Hiriyaan dhugaa dhibamuun, gaa'elli diigamuun, haqa ofii dhabuun, maqaa walballeessuun, bilisummaan daandiirra turuun, dibaabee garbummaa ho'ifachuun, filannoo wallaaluun wallaalchisuu fi kan biroon  bu'aa arraba lakkuuti.

As fakkaachuu fi achi fakkaachuun muuxannoo hojii arraba lakkuutiin dhufeedha. Kanaaf ejjennoo qabaachuun onnee tokkichaan, arraba tokkichaan gaararraa'ummaa malee jiraachuun akka dhuunfaattis, akka sabaattis, akka biyyaattis bu'a qabeessa.

Hiriyaa fi hidhata hojii arraba lakkuu qabu irraas of eeggachuudha. Ofii keenyaas dogoggora jireenyaatiin arraba lakkuu biqilchinee qabna taanaan suuta suutaan ofirraa kutnee ykn buqqifnee gatuu qabna. Akkasumas arrabaan wal madeessina taanaan ilkeensaa  bu'aadhuma arraba lakkuuti.


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...