Icciitii Milkaa'inaa Sadan


Namni tokko dirree ogummasaatti, barbaadamummaa, fudhatamummaa akkasumas nageenyummasaa mirkaneessuuf wantoota armaan oliitti heeraman sadan, walfaana horachuu qabaa jedhama. 

1. Competence(Gahumsa)

Gahumsa qabda taanaan bakka hundaatti barbaadamta. Furmaata tokkoof situ furtuu waan ta'eef, hanga ati bakkicha geessutti namni hunduu balbala furmaataa ta'eet siin eega. Situ dhaqee, banee hiika kennaaf.

Gahumsa kee kanaan:

addunyaatu si mararsiifata; kan rakkatetu si iyyaafata; halkan hirribaa si kaafata; rakkoosaaf fala si gaafata; Eeyyeen, gahumsicha keetu kanaan si gahe. Qabda taanaan, ittuu jabeeffadhu; hin qabdu taanaan, hulaasaarra kuti!

2. Character(Amala)

Amalli kee namoota biraatti kabaja akka qabaattu si gargaara. Fudhatamummaakeefis utubaadha. Amala hin qabdu taanaan garuu, gahumsa hagamuu qabaattu, gateettiin namootaa danda'ee sin baatu. 

3. Chemistry(Keemistirii) 

Keemistirii yeroo jennu wal nyaatinsa, yaa'a fi jijjiramummaa ati naannoo kee waliin taasiftudha. Kunis jijjiirama fudhachuu, ilaalchaa fi ejjennoo ofii, irra deebi'anii ilaaluun kan warra kaan waliin walitti araarsuudha. Kana yeroon jedhu, "bakka hundatti amala gaararraa qabaachuu qabda" jechuu osoo hin taane, yaadaafi ilaalcha tokko kanuma koo qofaatu sirriidha jettee rincicaa ta'uu dhiistee, yaada haaraa fudhachuufis qophaa'oo ta'iidha. Kun yoo taane, nageenyikee yaaddessaadha.

Umuriin naannoo sana turuu kees ni xiqqaata. 

Walumaa galatti, Gahumsi kee barbaadamummaakee murteessa. Amallikee fudhatamummaa kee murteessa. Keemistiriinkee nageenyakee murteessa.

Sadan keessaa tokko hir'annaan rakkinni si mudatu......

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...