Kan ani nadhiidha jedhe
Nadhii damma miyooftuu
Bishaan eebichaa caalaa
Natti taate hadhooftuu
Maqaa'shee badaa sana
Maqaa gaariin moggaasee
Mootii godhee moosisee
Gonfoo ulfinaan ol-baase
Turtii ji'oota hin caalleef
Naaf nama gaarii taatee
Amala ishee isa barteef
Gaarii koo akkan faalleef
Korma barbaacha baate
Anaaf dhugaa qofatu
Bakka jiraaf maleessaa
Nadhiin egaa deemteetti
Nyaattee waadaa kaleessaa
Isheen akka yaaddutti
Anaan dhuftee na gatte
Garuu dubbiin faallaadha
Isheen quuftee na gante
No comments:
Post a Comment