Showing posts with label beekumsa. Show all posts
Showing posts with label beekumsa. Show all posts

Nikoolaas Tesilaa Beektu laataa wanta inni addunya kanaaf buuse?



✵Gaafa 𝑟𝑒𝑚𝑜𝑡𝑒'dhaan bakkuma jirtu teessee Tv irraa waan feete jijjiirrattu argannoo isaa fayyadamaa jirta.

✵Gaafa 𝑠𝑤𝑖𝑡𝑐ℎ fayyadamtee ibsaa bantus argannoon isaa keessa jira.

✵Ogeessonni fayyaa dhukkubsattoota gaafa raajii kaasan (x-ray) argannoo isaa fayyadamu.

✵Sagale-guddiftuu, raadiyoo fi bilbilakee dabalatee, waan 𝑤𝑖𝑟𝑒𝑙𝑒𝑠𝑠'dhaan daddarbu kamuu gaafa fayyadamtu argannoo isaa fayyadamaa jirta.

Tesilaan wantoota nuti jireenya keenya guyya-guyyaa keessatti itti fayyadamnu argannoolee dhibbootaan lakka'aman qaba. Garuu nama oolmaa haga kanaa addunyaadhaaf oole kanaaf bakki kenname faallaadha.

Bara 1884 yeroo hojii argannoo isaaf bilchaatetti Toomaas Ediisan biratti qacaramee ture. Ta'us garuu yeroo muraasa booda waliif galuu hin dandeenye. Ediisan karaa daddarbiinsa kaarentii irratti DC wayya yoo jedhu, Teslaan ammoo argannoosaa kan ta'e AC filate. DC'n wantoota akka tirikkaafaa irratti nu fayyada. AC'n garuu fageenya dheeraa deemuu kan danda'uu fi warshaalee humna ibsaa guddaa gaafataniif kan fayyaduudha. Wal morkiin kun isaan gidduutti yoo ka'u, Ediisan beekamtii guddaa waan qabuuf AC'n miidhaa fiduu akka danda'u agarsiisuuf arbi ibsaadhaan qabamee akka du'u godhee Tv'dhaan mul'isee ture; gama baay'eedhaanis irratti duule. Ummatis kanaaf isa balaaleffatanii turan. (Har'a addunyaan kan isheen fayyadamaa jirtu garuu caalmaatti AC'dha). 

Tesilaan ilaalcha siyaasaa yeroo sana turerraa adda ta'e waan qabuuf kara mootummaa hacuucamaa ture; miiltoo wajjin hojjetu irraas qarshii guddaa haalamee ture; laaboraatoriin isaas boodarra jalaa waan gubateef argannoo baay'ee dhabe. Yaadotni argannoo isaa yeroo hatamanittis, "wanti guddaan argannoon dhala namaa fayyadu hojjetamuu isaati" jedhee dhiisaa ture.

Nama kallattii jireenya isaa hundumaan gufuun itti baay'ate ture. Xalayaa yeroo tokko haadha isaatiif barreesse irratti, "Waggaa hamma kanaa dhala namaa gargaaruuf hojii an hojjedhe galata hin arganne; arrabsoo fi tuffatamuu qofan buufadhe." Jedhee ture. Tesilaan yaada kalaqoota hedduudhaaf qabu baay'ee hojiitti hiikuuf danqamee, suuraa irraa akka mul'atutti waan nyaatullee hamma dhabuttis hiyyoomee bara 1943 qofaasaa hoteela keessatti du'ee argame. Argannoolee silaa har'a addunyaa kana fayyadan baay'eetu sammuu Tesilaa duukaa awwaalaman.

Yeroo sanatti dhiibbatamee haala nama gaddisiisuun du'us, har'a maqaansaa ol ka'ee haasa'ama. Waggaatti yeroo tokko jaalattootni isaa addunyaarra jiran baay'een guyyaa dhaloota isaa ni kabajuuf. Abbaa qabeenyaa 1'ffaa kan ta'e Iloon Maski illee maqaa dhaabbata isaa guddicha 'Teslaa' jedhee yaadannoo isaaf moggaase. Gaarummaan osoo bifa qabaattee Tesilaa fakkaatti!

KARAAN KAMIYYUU SIGEESSA FURTUU GALMAAQABAACHUU


Namni bakka golii hin beekne akkamitti kubbaa galchuu danda'a?namni kallatti goolii hin beekne akkamitti gara gooliitti kubbaa dhiituu danda'a?hojiin keenya 90%kan hojjetamee xumuramuu yommuu galma keenya sirritti hubannee kaanu ta'uusaa irraanfachuu hin qabnu.ta'uu baannaan ni deemna,garuu galma hin geenyu,ni haasofna,garuu ergaa hin dabarsinuu,hojii ni hojjenna garuu,waan ijaarru hin qabnu,ni ilaalla garuu hin arginuu ni dhaggeeffanna garuu hin dhageenyu.Tasgabbiidhaan galma qabadhu,ol jedhii galmakee ilaali.waan itti amantetti itti adeemi gahuun kee hin hafuu!Namni tokko karaa dheeraa fi dadhabsiisaa erga adeemee booda karaa lakkuurraa ga'e.sana booda dhaabbatee nama biraa tokko argee'"daandiiwwan kana lamaan keessaa daandiin sirriin isa kami?"jedhee gaafate.Namichii immoo '"eessa deemuu barbaaddaa?jedhe gaaffii gaaffiin deebiseef.kara deemtichiis eessa akkan deemuu amma ammaatuu hin beeku jedheen Namichii daandii lakkuurraa sunis erga akkas ta'ee daandiin lamaanuu sigeessa jedhee deebiseef.karaa adeemtuun sunis erga bakka adeemtu hin beekne yoo taate karaan hundumtuu sigeessa''jedhu fudhatee ergaankee naaf galeera''jedhee callisee.

''Waanti murteessaan bakka dhufte beekuu muti,bakka deemaa jirtu beekuukeeti''Brian Tracy.

NAMNI KOPHEE KAAWWATU HIN JIRU FURTUU CARRAATTI FAYYADAMU


Namootnii carraan gosti tokkichii isaaniif dhufe akkamitti sadarkaa milkoominaa addaa addaa irratti argamuu danda'u?

Namniii hundumtuu maatii tokkoo keessatti dhalatee,maatiin tokkichii hundaa isaanii guddisanii,magaalaa tokkoo keessa waliin jiraatanii,mana barumsaa tokkichaatti baratanii,akkamitti sadarkaa milkoominaa addaa addaa irratti argamuu?

Namoonnii kunniin carraa walfakkaataa argatanii,inni tokko milkoominaan yommuu itti fufu,inni biraan immoo waanuma xixiqqoodhaan gufatee yommuu kufee hafu,waa'een isaa sammuu namaa keessatti gaaffii cimaa uuma .Nmoonni hedduun carraa harka isaanii keessa jiru hin argan,kanaafuu tasumaa itti hin fayyadamanii.carraa tokkoo argachuun waan tokkodha.carraa sanatti fayyadamuun immoo waan biraadha.Namootni tokko tokko carraa fuula isaanii dura jiru arguudhaaf ija isaanii banuu dhabuun isaanii sarara kaampii milkoominaaafi daandii milkoominaa addaan baasuudha.Waggoota hedduun dura namootni lama biyya  Awurooppaa baa'ee guddatte keessatti kaampii turan.gara biyya boodatti haftuu tokkootti faabrikaa kophee akka dhaabaniif ergamani.Biyyaa hiyyeetti sana keessa namni kophee miillatti kaawwatu hin jiru.Namni biyyichaa hundumtuu miilla qullaa adeema.Namoota ergamaan lamaan keessa tokko gaafa torbaan sadii akkaas jedhee kaampii isa keessaa dhufeetti dhaamsa dhaame,Biyyaa namni tokkouyyuu kophee hin kaawwannetti na ergitanii kophee gurgurii yommuu naan jettan maal jechuu keessani?jedhee dhaamee.hojjetaan inni lamata gidduudhumaa sana warra isa ergetti akkas jedhee dhaamee Nmni kophee godhatuu tokkoyyuu hin jiru.kanaafuu biyyichii biyyaa itti gabaan kopheen guddaan daldalamu waan ta'eef kophee isin bira jiru hundumaa ergaa.Faabrikaanis hatattamaan banamuu qaba''jedhe.Namootni lama haala tokkicha keessaa jiraatanii ilaalchaa  addaa addaa qabaatan!Namoota lamaan keessa inni tokko biyyaa namnii kophee kaawwatu hin jirree keessatti akkamitti kopheen gurguramuu danda'a?jedhee yommuu yaadu, namnii inni biraan immoo biyyi sun kophee  kaawwachuu dhabuun isaanii gabaa kophee guddaa hundeessuun akka danda'amutti yaada.

"Namni dhiphisee yaadu carraa isaaf dhufee keessatti rakkoo isa mudachuu danda'u arga,namni ilaalcha gaarii qabu garuu mudannoo badaa isatti dhufu hundumaa keessa iyyuu carraa jiru ilaala"
                               Winston Churchill

WAANUMA HAR'A HOJJETTUUN SEENAAN KEE BARREEFFAMA


@Waanuma ati har'a hojjettu immoo ilmi kee boru hojjeta! 

-Waanuma ati har'a dhoksaatti hojjettutu boru ifatti bahee odeeffama.

Ofiif akkasumas dhala keetiif gaarii fi milkaa'ina yoo yaadde jireenya lafa kana irraa qabdu keessatti waan qajeelaa qofa hojjedhu! Wanta boru ilmi kee ittiin milkaa'u yaadi, hojjedhus! Wantoota gufuu ta'an dhala kee duraa buqqisi! Gaarii keessaa wanta gaariitu baha! Seenaa kee keessaa wanti gadheen akka hin argamne gochuuf dhama'i!

⁃ Amala gaarii qabaadhu!

⁃ Fakkeenya gaarii ta'i!

⁃ Ijoollee kee barsiisi!

⁃ Ijoollee kee eebbisi!

⁃ Karaa qajeelummaa irra deddeebi'i!

⁃ Qulqullummaan jiraadhu!

⁃ Hammeenya baqadhu!

⁃ Seenaa gaarii tokko hojjedhu!

⁃ Dargaggummaa kee kanatti fayyadami!

⁃ Hiriyoota yaada qajeelaa qaban waliin hojjedhu!

⁃ Jireenyi lafa irraa isheen darbitu kun maqaa hin banne akka sitti hin baafnee fi dhalli kee akka ittiin hin gufanne of eeggadhu!

Namni nama sitti hamatu, sis akka hamatu beeki!

➠Namaan yoo wal dhabde, siif dhiisuu diduu isaa miti, dhiisufii diduun kee akka si miidhu beeki!

➠Hir'ina namaa yeroo haasoftu, isa kan kees yaadadhu!

➠Namaan jaalatamuu miti, nama jaalachuu keetiin nama gaarii akka taatu hubadhu!

➠Yoo of tuulte kan sii olii akka jiru, yoo of tuffatte kan sii gadii akka jiru beeki, jidduma

galeessatti jiraadhu!

➠Dubbii madda isaa hin beekne hin odeessin, jal'attee nama jal'ista!

➠Hiriyaa eenyummaa isaa hin beeknetti hin dhiyaatin, eenyummaa kee si irraanfachiisa.

➠Garaa keef jettee maqaa kee hin balleessin!

Hubadhu!

⁃Aariin mufaatii sitti fida.

⁃Eejji kufaatii fida.

⁃Hiriyaa yoo sirraa nyaatu malee, yoo siif laatu

hin jaalanne hin abdatin!

⁃Nyaachuun dura akkuma harka dhiqattu, dubbachuun duras itti yaadi! Callistee dubbannaan nama yookiin si tuffachiisa.

⁃Fayyadama isaa yoo beekte, waan si miidhutu si gargaara, Hin beektu yoo ta'e garuu, innumti si fayyadu si miidha.

⁃Yommuu rakkataaf waa laachuuf harki kee hiixatu, harki rabbii si gargaaruuf akka sitti

hiixatu hin mamin!

⁃Sooressa ilaaltee hiyyummaa keef hin gaddin, ittoon yoo si caale malee buddeenni

tokkuma.

IlAALCHA QAJEELAAN GUDDACHUU


Namoonni keessi isaanii hin hojjetamne balleessuu malee oolchuu hin beekan..."

Keessi namummaa namaa sagalee Waaqayyootiin karaa qajeelinaatti qaramee guddata.

Namni hin hojjetamne ofiis hin hojjetu namas hin hojjechiisu. Namoonni hojjetamuu keessa

isaanitiif xiyyeeffannoo hin kennan yoo ta'e ofii isaaniitii hin hojjetan namoota hojjetanis hin

hojjechiisan.Namni akkuma hojii ala isaa jiru hojjetu keessi

namummaa isaas akka hojjetamu eeyyamuu qaba.Namoonni keessi isaanii hin hojjetamne isaanii balleessuu malee isaanii oolchuu hin argitan.

Mee ilaalaa namoota duubni isaanii kuulamaa keessi isaanii duguugamaa ajjeechaatti jiran. Namoonni akkasii yeroo ilaaltan; suufii qofa, karabaataa qofa, arraba qofa, waadaa qofa

(waan dubbatan hin eegan),raawwadhu jedhu malee ofii hin raawwatan, namoota cubbuu namni biraa raawwate malee kan ofii raawwatan itti salphatu.

Namoonni tokko tokko maaliif nu caalatti hojjetee milkaa'e! Jireenyi maaliif itti tole? Maal argateetu akkas ta'a?Jedhanii duubatti si deebisuuf kiyyoo kaa'anii kufaatii kee ilaaluuf dhama'u! Ati isaanii gadi yoo taate jaalatu.Yoo si ergatan malee ergaa siif hin deeman. Gadi jettee yoo gugguufteef jaalatu! Gonkumaa guddina kee arguu hin barbaadan! 

Ati garuu fuula hinaaftotaa duratti guddina irraa guddinatti darbita.Bakka siif yaadame tokkollee hin hanqattu! Warri kiyyoo kaa'anii si gaadan utuma arganii bira darbitee,waan yaaddetti milkooftee afaan qabachiifta. 

Nama hinaafu utuu hin ta'in nama hinaafsisu ta'i! Yommuu hojjettu hinaafsisi! Yommuu dubbattu hinaafsisi!Yaada fi hammeenya diinatiin qabamtee yeroo hin gubin! Adeemii bira darbi! Waltajjii diinni itti si affeeru hin hirmaatin!Mul'ata keetiif dursa kenni! Eeggannoo barbaachisu hunda taasisi! Guddachuu kee arganii,ittuma caaluu kee hubatanii, dadhabanii booddeetti si biraa hafu.

DHALA DHABUU - INFERTILITY


Wal qunnamtii saalaa hin ittifamne kan gahaa ta'e qabaatanii haatiifi abbaan worraa tokko woggaa tokko keessatti otoo hin ulfaa'in yoo hafan 'dhala dhabuu' jedhamuu danda'a. Haa ta'u malee kanneen woggaa jalqaba keessatti hin milkaayin keessaa wolakkaan isaanii (Parsantii 50) kan ta'an woggaa itti aanu /woggaa lamataa irratti ni ulfaa'u. 

Dhala dhabuun iddoo lamatti qoodamuu danda'a: 

-Gonkumaa dhala argatanii (ulfaa'ani) kan hin beekne (Primary Infertility) fi

-Isaan yoo xiqqaate yeroo tokko ulfaa'anii/dhala argatanii achi booda argachuu dhaban (Secondary Infertility) jedhamee iddoo lamatti qoodama. 

Dandeetiin ulfaa'uu/qabachuu (fecundebility) shamara tokkoo marsaa xurii laguu tokkoon parsantii 25, ji'a sadihii keessatti ammoo parsantii 50, Ji'a Jahatti parsantii 75 fi woggaa tokko keessatti isaan parsantii 85 ol ta'an ni qabatu ykn ulfaa'uu danda'u. 

Kanneen hafan parsantii 10- 15% kan ta'an woggaa jalqabaatiin ulfaa'uu dhabuu danda'u. Haa ta'u malee isaan kanniiniin jala sararree dhala-dhaban jechu keenyaan dura yeroo gahaa ta'e (woggaa dabalata tokko) fi qorannoo gahaa  ta'e dalagsiisuun barbaachisaa ta'a. 

Dhala dhabuun rakkinna shamaraa irraa qofa ta'uu dhabuu danda'a. Akkuma woliigalaatti cimdiiwwan dhala dhaban keessaa parsantii 25 kan ta'an rakkina dhiiraa/abbaa worraa irraa yoo ta'u, parsantii 15-20 kan ta'u ammoo sababa hin beekamneen/ adda bahuu hin dandeenyeen, kan hafe ammoo (% 60) sababa rakkinna shamaraa/haadha worraa irraa ta'uu danda'a. Kanaaf yeroo mana yaalaa qorannoo dhala dhabuutiif deeman isaan lachuu (abbaan worraatiif haati worraallee) argamuu qabu jechuu dha.

Gabaabumatti shamarri takka ulfaayuuf Oovaariin Oovuleeshiiniidhaan killee oomishitee, killeen sun ammoo ujummoo gadaamessaatiin ufiti fudhatamee, achitti (ujummoo gadaameessaa keessatti) isparmiidhaan wolitti dhufee fartilaayizeeshiini godhee, achi booda makaan isparmiif kille (Zaayigootiin) gara gadaameessa deemee, kessaa gadamessaa irratti biqilee, san boodaa  gadaameessa keessatti guddachuu qaba jechuudha. Kanaaf dhala dhabuun rakkinna ta'iiwaan (taatewwan) kanneen armaan olitti kaasne keessaa tokko irraatti mudatuun/uumamuun ta'uu danda'a.

Kanaaf

*Ovariin Ovuleeshiinii/ killee oomishuu dhabuu ykn otoo umriin hin geenye dhaabuu.

*Ujummoon Gadaamessaa (kan Ovariif gadamessa jiddutti argamu) sababa garagaratin (fkn Infeekshinii gadaamessaa yeroo dheeraaf turen, TB qaamaa hormaataa hubeen, Opireeshiinii naannoo saniif taasifame fa'aan) cufamuun killeen akka isa keessa darbee isparmiin wolitti hin dhufne gochuun.

*Zaayigootiin (ida'amni isparmiif killee) sun sababa gara garaatiin keessa gadameessaa irratti biqiluu dhabuun (Fkn haxawamuu gadamessaa yeroo ulfi dhanagala'u godhamuun, ulfa gadaamessa keessa baasuuf yeroo gadaamessa haxawan gadameessi sun godaannisa uumuu, uumamaan halli uumaa gadaameesaa sirrii ta'uu dhabuun, iitaan biraa keessa ykn gadaameessa irratti bahee  jiraachuun).

*Akkasumas dhiira irratti ammoo dhangala'aan dhiiraa sun seelii isparmii dhabuun, seelii isparmii gahaa ykn sirrii ta'e of keessaa qabaachuu dhabuun (sochiin isaa, bocni isaa, hammi isaa, baay'inni ykn laakkofsi isparmii sun gahaa ta'uu dhabuun) sababalee dhala dhabuu dhiiraa keessaa isaan ijoo ta'aniidha. 

Kanaaf jaalalleewwan lama woggaa tokkoo oliif wolqunnamtii saalaa gahaa ta'e (yeroo marsaa xuriin laguu dhufu irraa laakkayanii guyyoota ulfaayuu carraan jiru san irratti salqunnamtii saalaa godhanii) otoo hin ulfaayin yoo hafan isaan lameenuu mana yaalaa deemanii qorannoolee barbaachisoo ta'an garagaraa hojjisiifachuu qabu. 

Haa ta'uu malee kanneen armaan olitti ibsaman ijoo sababa dhala dhabuu ta'anillee, sigaaraa ykn kan biroo aarsuun, Alkoolii heddummeessuun, dhiphinnaaf cinqaan hamaan jiraachuun, wolqunnamtii saalaa gahaa ta'e gochuu dhabuun, ulfaatinna garmalee guddaa ta'e qabaachuun, ispoortii garmalew heddummeessuu irraa cooma qama dhabu (fkn isaan atleetiksi heddummessan), marsaa xurii laguu guyyaa isaa hin eegganne, akkasumas dhukkuboota sirni ittisa qaamaa keenya qaamuma keenya rukutu tokko tokko (autoimmune diseases) hubamuun carraa dhala dhabuu dubartii takkaa kan olkaasaniidha. Kanaaf wontoota as gubbatti eeraman kanaaf jijjirra amalaa gochuufi qoratamanii yaala argachuunis barbaachisaadha.


FAAYIDAA SHAAYII DHUGUUN QABU


Qorannooleen hedduun akka mul'isanitti shaayii dhuguun fayyummaa qaama keenyaaf faayidaa ol'aanaa ta'e qaba. Shaayiin (diimaaf magariisni) wontoota carraa dhukkuba onnee, kaansarii fi dhukkuba sukkaaraan qabamuu hirdhisan of keessaa qaba. 

Shaayii dhuguun:

● Carraa dhukkuba onnee akka tasaa (Heart Attack) fi Istirookii (dhiigni sammuu keessatti jiguu/hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru dhiiga kantareen ykn cooma hidda dhiigaa keessaa fottoqeen cufamuu) daran xiqqeessa.

● Lafeen keenya akka jabaatu godha.

● Koolestiroolii qaama keessa jiru hirdhisuu danda'a

● Dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa ta'e gadi buusuu irratti faayidaa qaba

● Muraa garaa/ garaan yoo nama cinine namarraa laaffisu danda'a

● Nyaata booda shaayii dhuguun gaazii (qilleensa) garaacha keessa jiru salphisuun nyaanni nyaanne akka salphaan nuuf bullaayuuf ni gargaara. Haa ta'u malee nyaata booda shaayi dhuguun albuudni aayiranii jedhamu kan hemoglobin dhiigaa tolchuu gargaaru akka haala barbaadamuun qamatti hin fudhatamne godha. Kanaaf namootni hirdhinna dhiigaa qaban nyaata booda shaayii dhuguu hin qaban.

● Fayyuuma fi jabinna ilkanii irrattis gahee guddaa qaba

● Foolii badaa afaaniis ni hirdhisa

● Sirni ittisa qaamaa akka jabaatu godha

● Qorannooleen tokko tokko akka agarsiisannitti carraa kaansarii sombaa, harmaa, fi piroosteetiitiin qabamuu ni hirdhisa

● Carraa dhukkuba Sukkaraa gosa lammeessoo (Type-II DM) tiin qabamu gadi buusa. Garuu namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban shaayii sukkara qabu haa fudhatanii hin gorfamu.

● Dandeettii yaadachuu, qalbeeffachuu fi fulleffachuu ni dabala


KUFAATIIN KEE KALEESSA HUBANNOO HAR'AATTI


Dogoggorri inni guddan dogoggoruu kee utuu hin taane dogoggora kee irraa barachuu dhiisukeedha. dogoggorri kee kaleessaa mana barumsaakeedhaa irraa baradhu. Obsi moo'amaa kan ittin mootu yoo ta'u of-tuulummaan immoo mo'aa kan ittin mo'amtudha. Kanaaf of- jajuu kee dhiisi.

Gaarumman ati har'a hojjattu Galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf Jallina lafa kaa'ii wan gaggaarii qofa facaafadhu. Kan ati fooyyoftee argamuu qabdu namoota kaanirra utuu hin taane kaleessakeerra ta'uu qaba. Kaleessi kee har'a keerra wayya taanan duubatti adeemaa jirtaati of ilaali.
Kan fagoorraa argitu hunda hin amanin sababni isaas ashabooniyyu gaafa ilaalan shukkaara fakkaatati. Dhiphinni ati dhiphachaa jirtu kun jireenyakee har'a kee balleessetu abdii kee borii dukkaneessa waan ta'ef dafiti of keessaa baasi abdii horadhu. Abdii jechun har'a irra ta'anii boru ilaalu jechuudha. Kanaaf abdiin agartuu kee bori waan ta'ef abdii horadhu jabaadhu!Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa bahan galata jedhi malee of hin goolin. Xiqqoo ati argitee dhabde caalaa guddaa ati hin argine Waaqayyo sif kenna. Yaadi isaa kan kee caalaa. Milkaa'ina kee kufaatii warraa kaanitin madaalta taanan atis kufuun kee dhiyoodha. Kanaaf warra kaan kuffistee milka'udhaf hin yaadini.
Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofadha. Gaafa milka'innike baay'atu hinaaftonnikes lakkofsan danuudha. kanaaf sidinqin.Yoo fakkeessite namni baay'een si jaallata yoo dhugaa dubbatte immoo nama baay'etu si jibbaa. Garuu jajuu warra sobdootatin jallatamtee alli kee ijaarramee keessi kee diigamuurra dhugaa dubbattee nagaa keessa kee baay'isu wayya. Waan hunduma amanuudhaf hin ariifatin. Sababni isaas sobni dhugaarra ariifatee gurra silixaati, Dubbin kee callisuu keerra yoo hiikaa qabaate qofa dubadhu.
Dubbattee hin yaadin yaadii dubbadhu.
Hamii dhugaa fakkatturraa fagaadhu. Gafa quba tokko namatti qabdu 3 gara ketti akka nan'u beeki. Warra maqaa namaa nyattuurra fagadhu dubbii sagalee isaa nyaadhu.
Warri si jibban si'in utuu hin taane milkaa'ina kee jibbaa jiru. Ati ittuma jabaadhuu didii milkaa'i malee warri kun gubatanii baqanii dhumu. Qillensi amma ati itti argantee ittin jiraacha jirtu kun ammuma kanammoo warra kaanif argansu isa dhumaa ta'a. Kanaf gungumuu kee dhiisiti galateeffadhu!, Hiyyeessa jechuun Kan qarshii hin qabne utuu hin taane, kan muldhata fagootti arguu hin qabneedha.

JIREENYA HARKAA Fi MIILLA_MALEE


Niik Vuujiisiich jedhama. Namoota muraasa qofa irratti kan mul'atu dhukkuba Teetiraa Ameeliyaa siindirem jedhamu irraa kan ka'e harkaa fi miilla malee bara 1982ALA biyya Awustiraaliyaatti dhalate. Nersii kan turte haati isaa aadde Daashkaa Buujischiinaa fi abbaan isaa paaster Booriis Vuujiisiich ilmi isaanii angafni haala kana fakkaatuun harkaa fi miilla malee dhalata jedhanii yaadanii waan hin beekneef akka malee akka rifatan dubbatu. Dhibee akkanaa waliin guddatee garafuula duraatti jireenya isaa akkamitti akka jiraatus gaaffii isaanii ture.

Qaama hir'uu ta'ee dhalachuun isaa umurii ijoollummaatti akka ijoollee isaan kaanii hiriyyoota isaa wajjiin utaalee taphachuu dadhabuu qofaaf otoo hin taane mukwa'ummaa (depression) guddaaf illee Isa saaxilee ture. "Maliifan akkana ta'ee dhaladhe?" Gaaffiin jedhu yeroo hundaa keessa isaa ture. Namni harkaa fi miilla malee dhalate tokko jiraatee bu'aa maal akka buusus dafee hin galleef. Miirri abdii kutannaa Isa jeequ illee deggersa maatii isaa fi jeequ illee, deggersa maatii isaa fi hiriyyoota isaan jireenya isaaf ilaalcha gaarii qabaatee waldhaansoo jireenyaa akka itti fufi murteesse. Jaalala guddaa barumsaaf qabu irraa kan ka'e Yuunivarsitiiwwan Awustiraaliyaa keessa jiran keessa tokko kan ta'e Yuunivarsiitii Giriifti irraa digiriiwwan jalqabaa lama fudhateera. Milkaa'inni isaa Kunis namoota hedduuf kaka'umsa guddaa ta'eera. Miira abdii kutannaa fi mo'amtummaa isatti dhagaa'amu mo'achuufhaan gaaffi, "ani maalan hojjechuu danda'a?" Jedhu of gaafate deebii namoota miliyoonotaaf deggarsa guddaa ta'e kenneera 

Nam-cimaan maqaan isaa Jastin_Darti,jedhamu umuriisaa darbe keessatti yeroo tokko garee kubbaa miillaa North Western tiif sarara ittisaa irraa taphataa tureera.Tapha xiyyeffannaan guddaan itti kenname taphachuuf qopha'anii otuu jiranii,dursee leenjisaansaa isa waamee akkas jedheen"har'a akka taphataa guddaa fi beekamaatti taphadhu,kana gochuus ni dandeessa"jedheen.Jastin yeroo dubbatu"leenjisaan keenya maqaa ani hin qabne naaf kenne.Garuu waa'ee kootiif ilaalcha haaraa akkan qabadhu nataasiseera.Yeroo sana mooraalii an ittiin fiigee dirree seene hanga har'aa hin dagadhu Sammuunkoo dursee milkaa'ina gonfate,waan ta'eef maqaa inni natti moggaase suuta suuta akka dinqisiisaattan maqaa kana dhugaa godhee agarsiise!"jedheetu dubbata
Hundumaa dursa sammuu keenya qopheessuun faayidaa guddaa qaba.Injifatamuufis ta'u injifachuuf ilaalchi fi yaadni nuti dursa sammuu keenya keessatti wixineessinu humna guddaa qaba.Waanti nuti taanee mul'annu wanta sammuu keenya keessatti bocanneedha.Siif ifsuuf sammuunkee ajajaa jireenya keetiiti.Wanti sammuukee keessatti dubbatame si ibsu.Mee amma namichi kun taphataa dadhabaatu taphataa beekamaatti ol guddate.Kun immoo kan ta'uu danda'e sammuu isaatti jechoota humna qabantu dubbatame,kun immoo eenyuummaa isaa isa dhugaa kan mul'isaniidha.Hata'u mee sammuun kee milkaa'inaaf qopha'aadha? Jechoota akkamiitu sammuu kee irraa wal qaba,jechoota negetivi moo pozatividha?jechooti akka leenjisaa sanaa mooraalii namatti horan gara sammuukeetti ni dubbatamuu?jechooti pozativin yeroo hundumaa sammuu kee irraa iyyan eenyummaa kee dhugaadha(milkaa'inaa).Eenyummaa kee dhugaa kanaaf sammuukee qopheessi.Kana jechuunkoo sammuukee_milkaa'inaaf_qopheessi jechuukooti.Injifachuuf of qopheessi,maaliif seete sammuukee dursitee nyaata milkaa'inaa soorta taanaan ati ni milkoofta.

Kanaaf fira Koo Yaa nama baarruu kana dubbisa jirtu ati hoo harkaa fi miilla utuu qabdu abdii kutannaa keessa jirta moo mal hojjedhu jette of gaafacha jirta laata? Anis ta'e ati waan xiqqoo ilaalle abdii kutachuu dandeenya garuu akkas ta'uun irraa hin turre abdii kutannaan gufuu milkaa'insa isa guddadha kanaaf abdii hin kutatin ka'i waan hojjechuu qabduttii itti fufi hojjedhu.

SEENAA ABRAHAAM LINKAN


Hoomtuu si miidhuu hin danda’u; eyyama hin laatin.  Abraham Linkan utuu gara pireezedaantii Ameerikaa hin dhufin dura abbaan isaa kophee tolcha ture. Warroota ija gad aantummaan nama ilaalan biratti “Mucaa abbaan isaa kophee tolchu” gara pireezidaantiitti dhufuun baay’ee ajaa’iba kan ta’eef, hedduu aarsee  ture. 

Guyyicha yeroon ga'u Abraham Linkan haasawa jalqabaa taasisuuf mana mareetti argame. Akka tasaa namni dureessi tokko miseensota keessaa ka’ee “Abraham Linkan hoo; Abbaan kee maatii kootiif akka kophee tolche irraanfachuu hin qabdu” yoo jedhu manni maree guutun kolfe; dureeyyichi Abraham Linkan irratti qoose jedhanii waan yaadaniif. 

Namoota tokko tokko garuu uumaman gootummaa addaa waan uffachiisef, Linkan dureeyyicha ija ija keessa ilaalaa akkana jedhe “Gooftaa koo! Abbaan koo maatii keetiif akka kophee tolche nan  beeka, miseensota mana maree kana baay’ee dabalatee; sababni isaa inni akka tolchutti namuu kophee tolchuu waan hin dandeenyef; inni kalaqaa,abbaa cimasdha dha! Kopheewwan isaa kophee qofa miti, bu’aa kennaa lubbuu isaa wanta itti dhangalaase illee dha jedheen.

Mee isinin gaafadha; kophee abbaan koo isiniif tolche irratti komii qabduu? Komii yoo qabaattan ani ogummaa kophee tolchuu waan qabuuf isiniif deebi’ee tolchuu nin danda’a; garuu hangan ani beekutti kopheen abbaan koo tolchu komii tokko illee hin qabu. Nama gamna fi guddaa hojii kalaqu waan ta’eef ani abbaa kootti nin boona.” Manni maree ni callise;namoonni hundinuu mataa gadi qabatani. 

Onneerra kaawwadhu!

Eyyama keetin ala namiiyyuu si miidhuu hin danda’u

Yeroo kamiiyyuu yoo ta’e kan nu miidhu wantoota nu muudatan utuu hin taane, wantoota nu muudataniif deebii nuti laannuu dha

Bidiruuwwan bishaan naannawa isaanii jiruun liqimfamuu hin danda’an, bishaan gara keessa isaanitti galuun yoo ta’e malee; akkuma kana wantoota badaa naannawa kee jiran akka gara keessa keetti hin galle eeggadhu

Homtuu si miidhuu hin danda’u; eyyama hin laatin! 

SEEROOTA AJAA'IBAA KOORIYAA KAABAA


1. Kooriyaa kaabaa keessa qaamaa miidhamaan hin jiru! Yoo jiraate ni ajjeefama!

2. Kooriyaa kaabaa keessatti amantii kamiyyuu hordofuun nama adabsiisa! Namni kamiyyuu "Waaqni jira" jechuun dhorkaadha! "Waaqni hin jiru" jedhu!

3. Kooriyaa kaabaa keessatti namni kamiyyuu danaa (style) mootummaa biyyichaatiin rifeensa yoo sirreeffate ni ajjeefama!

4. Kooriyaa kaabaa keessatti uffata bifti isaa cuquliisa (Blue colour wear) uffachuun dhorkaadha! Akka impeeriyaalistii Ameerikaatti ilaalu!

5. Kooriyaa kaabaa keessatti dhirri tokko waa'ee jaalalaa kan durba waliin haasa'u yoo ishee fuudhe qofa!

6. Kooriyaa kaabaa keessatti mootummaa biyyattii duraanii kan ture Kimg Jong 2ffaa namni kamiyyuu yoo cidha godhatu, guyyaa cidha isaa sana dirqamaan bakka awwaalicha mootummaa sana daawwachuu qaba!

7. Kooriyaa kaabaa keessatti magaalaa guddoo biyyattii kan taate #Piyongiyaangi keessa jiraachuun kan dandaa'amu yoo mootummaa biyya sanaa irraa eeyyama qabaatan qofa!

8. Kooriyaa kaabaa keessatti Kompiiteraa fi Konkolaataa bitachuudhaaf mootummaa biyyichaa irraa eeyyama argachuun dirqama!

9. Kooriyaa kaabaa keessatti maqaa mootummaa biyya sanaa ijoollee ofiitiif baasuun dhorkaadha. Osoo mootummichi hin muudamin yoo maqaan mucaa dhalatee dura moggaafame ta'e, gaafa mootummichi muudamu maatiin mucaa maqaa dhala isaanii maqaa mootummaa biyya sanaa irraa jijjiiru qabu!

10. Kooriyaa kaabaa keessatti hanqinni huumna ibsaa waan jiruuf guutummaa biyyattii irraa halkan ibsaan ni bada!

11. Kooriyaa kaabaa keessatti Raadiyoo biyyatti sagalee hir'isu malee cufuun dhorkaadha!

12. Kooriyaa kaabaa keessatti uummata irraa taaksii yookan gibira funaanuun hin jiru!

13. Kooriyaa kaabaa keessatti namni barate 100%dha. Kan hin baranne hin jiru!

14. Kooriyaa kaabaa keessatti namni yoo yakka dalage hanga abba sadiitti maatii hundatu itti gaafatama!

15. Kooriyaa kaabaa keessa poolisiin tiraafikaa dubara male dhirri hin jiru 

AFAAN OROMOO AKKA QUUCARUTTI HIN BIQILLE


Baroota hedduuf uummatni Oromoo mirgoonni diimokiraasiifi namoomaa isaa akka kabajamuuf qabsoo hadhaa’aa geggeessaa ture. 

Mirga  siyaasaa, dinagdee, mirga Afaan isaa barachuu, ittiin dubbachuu, aadaafi duudhaa isaa beeksifachuufi tikfachuuf aarsaan uummanni keenya hin kaffalle hin jiru. Afaan Oromoo afaan barnootaa, afaan miidiyaa, afaan hojii naannichaafi biyyaalessaa ta’ee akka tajaajiluuf  qabsoo taasifameen yeroo ammaa kana Afaanichi kaayyoo qabsoo Oromoo dhugoomsuun afaan tajaajila nannichaa ta'uun afaan barnootaa, afaan miidiyaa, afaan mana murtii ta’uun tajaajilaa kan jiru yoo ta’u Afaan hojii mootummaa Federaalaa ta’ee akka tajaajiluuf ammoo hojiin bal’aan kan irratti hojjetamaa jiru ta’uun eenyu duraallee dhokataa miti. 

Biyyi keenya biyya sabootaafi sablammootaa ta’uu ishee irraan kan ka’e uummanni ishee jaalalaan wal danda’ee waliin jiraata.  Kana keessaatti sabootni afaan ,aadaa, duudhaafi eenyummaa isaanii guddifachuu, ibsachuu, barsifachuu akka danda’aniif mootummaan jijjiiramaa cimee hojjetaa jira. Kanaaf ammoo agarsiiftuun fedhii uummataa giddu galeessa godhachuun yeroo ammaa afaanotni shan afaan hojii federaalaa akka ta’aniif murtoo irra ga’amuu isaati. Kun calaqqee sirna dimokiraasii dhugaafi gaaffii uummataa giddu galeessa godhachuun owwaanna mootummaa agarsiisa.

Afaanni Oromoo yeroo ammaa kana Afaan hojii MNO ta’uun cinatti qo’annoofi qorannoon  ittiin geggeeffamuun Yuuniversiitota biyya kanaa keessatti hanga Digirii 3ffaatti barataamaafi barsiifamaa jira. 

Afaan Oromoo daanga’ee akka hin hafneefis Finfinnee dabalatee  manneen barnoota Naannolee ollaa Oromiyaa jiran keessatti Afaan Oromoon barnootni kennamaa jira. Akka diinni afaanichaa yaadutti Afaan Oromoo xiqqeessuu, balleessuu, laaffisuufi beekamtii dhowwachuu ture. Afaanichi garuu warra mormituufi gaadduu isaa afaan qabachiisuun qaanessee hanga yaadamuu olitti guddinniifi dagaaginni isaa ariifachuu irratti argama.

Sababiin isaa afaanichi akka hin badneefi akka hin quucarrettu waan biqilee waan as ga'eef. 

 Egaa fuulduratti Afaan Oromoo sadarkaa Gaanfa Afrikaatti afaan aartii, afaan dinagdee, afaan miidiyaa, afaan siyaasaafi barnootaa akka ta’uuf carraa amma argametti dhimma ba’uun bakka jirru hundatti guddina Afaan Oromoof haa tumsinu!


Jechoota Jaal Nadhii Gammadaa


1. Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qoodanna, feenu immoo akka barbaannetti bulfachuun mirga keenya.!

2. Osoo alagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu, nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru!

3. Hiree Ummata Oromoo kan murteessu, Ummata Oromooti malee, anatu sii beeka, karaa kana deemtu malee, kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu, Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti!

4. Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun, biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbatanitti galchuu qofaani!

5. Hundi keenyayyuu; Ummanni Oromoo eessaayyuu, harka wal qabannee, waliin dhaabbannee, waan warri Aanoolee itti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannuu.

6. Oromoon tokko. Amantiin addan bahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu. 

7. Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee, namni biraa murteessuu hin danda'u. Kan warra biraa nurratti murteessisu dhidhiibu haa badu.

fi kan biroo jechoota hedduu Ummata Oromoo hundaaf dhaamee jira. 

# Jaal_Nadhiin nuyiif jecha ba'ee achi buuteensaa dhabamus, nuti dhaloonni seenaa isaa qarree qorree bakkaan gahuun nuuf imaanaa guddaadha!

Jachoof gorsa jaalalaa

1_Kan jaallateef kan maraate tokko

2_Jaalala kan uumu hundi mana hin dhaabu

3_Jaalalli onneerraa, ogumman isa dhugaadha

4_Jaalalaafi marqaa o'aa o'aasa

5_Jireenyi jaalala hin qabne akka muka firi hin qabneeti

6_Onneekee guutu hin jaallattiin dhabuu waan dandeessuuf

7_Jaalalleen yeroo rakkoo yoomiyyu jaalalledha

8_Jaalalle sobaa irra diina dhugaa wayya

9_Jaalalle gadhee irra kophaa ta'uu wayya

10_Jaalatan dulloomu jaalalli hin dulloomu

11_Namni jaalala sobaa waliin adeemu duumessa bokkaa of keessa hin qabne isa ofumaan oofamudha

Gorsa ati amma hojiirraa olchuu qabdu


➊ Yeroo mijaa'aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu!

➋ Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin!

➌ Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari!

➍ Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti!

➎ Miira kee too'adhu malee hin garboominiif!

➏ Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa'u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba.

➐ Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba.

➑ Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti.


Si wajjiinis ta'un bultii ijaaradh


Dhaara bahuun dadhabee

Si walliin haasa'ee

Kannafaan bilbilee lamataa sadaffaa deebi'ee.


Osoon hedduu hin yaaddin yaadi kee naa cimee

Akkan dhaara hin bannes nan jette qabamee

Si filaachuun kiyyaa isa darbuuf miti

Jabannee jiraannee waalin bultii ijaarree

Ilmaannis horaanne sin jechuu kootti.


Yaadi kee silaa gonkaa nan teesisu

Karaa deemu hundaa ijaan si barbaadaa

Kanan arguu hundiis sumaa natti fakkataa

Sobaa kan hin qabnee dhugaa isan dubbaadha

Enyumaa olittis hedduun si jaalladha


Jireenya koo boorif hedduun si abdadhaa

Nagaan naaf jiraadhu ani egerreedha

Barri yoo fagattees gaaf tokkoon si fuudha

Si wajjiinis ta'un bultii ijaaradha!!!

Dandeettii qabnu keessaa yoo baay’ate wallakkaa qofatti fayyadamna


Ati akkamitti of fudhattaa ?wanti ati hojjechuu  osoo dandeessuu, akka waan hojjechuu hin dandeenyeetti of ilaalte sun maalinni? Proofeesarri Wiliyaam jeemsi, yeroo tokko akkas jedhe. “Dandeettii qabnu keessaa yoo baay’ate wallakkaa qofatti fayyadamna” jedhe. Dhalli namaa human guddaa of keessa qabaatuus, cuunfee itti fayyadamuu hin danda’u. Maarree kaayyoon barreffama kanaas, Imaltuun human guddaa keessa isaa jiru baasee akka itti fayyadamu gochuufi. Ati ga’uumsa keessa kee jiru wallalte hin burjaaja’in. “Sa’a abban gaafa cabsee ormii ija ballessa” akkumaa jedhaamuu ofii keetif akka gatii qabdu yoo wallalte, namnii biraan gatii kee isa dhugaa sitti himuu hin danda’u. Eenyummaa keetif gatii kennuu dhiiste yoo ta’e, ga’uumsa keessa kee jiru fayidaa ala taasista. Ga’uumsa keessa kee jiru wallaluun immoo waan hojjechuu dandeessu hojjechuu dhadhabdee, dalga of hubatta.  Kanaaf ammarraa eegaltee, akka dandeessu sammuu keetti himi. Jalqaba waan hojjetamuu qabu, adda baasi. Itti aansii waan hojjechuu danddessu hojjedhu. Dhumarratti waan hojjechuu dadhabde san hojjetta.

Wanti siif galu qabu, jijjiramaaf itti yaadamtee uumamte. Yeoon ergaa kana siif barreessu namoonni addunyaa kanarraa jiraan biliyoona torba darbaniiru. Kanaaf atiis namoota akkas baay’atan kana keessa addatti uumamte. Wantidiscredited ati dagachuu hin qabne immoo namoota kana keessaa kan bakka si bu’ullee hin jiru. Tarii akka tasaa ta’ee obboleessa lakkuu taatanii waliin dhalattan qabaachuu dandeessa. Ta’us inni tasumaa si ta’uu hin danda’uu beekkadhu. Onneen kee isheen guyyaatti si’a hedduu dha’attu; ijji kee, funyaan kee, qaamoleen miira kee hundi bifa nama ajaa’ibuun, itti yaadamanii akka jijjirama olaanaa fiduu dandessutti uumaaman. Hamma kana adda taatee erga uumamtee, maaliif of tuffatta ree?

Diina milkaa’ina namoota hedduu kan nyaate, gaale “Ani hin danda’u” jedhu. Maarree atis hin danda’u jettee, deddeebitee sammuu keettif hin dhaamiin. Hin danda’u jettee yeroo hedduu irra deddeebitee, sammuu keetti himta yoo ta’emmoo hin dandeessu. Maaliif? Keessoon sammuu keetii waanuma hin himtuuf siif mirkanessee, akka hin dandeenye si amansiisa. Kanaaf gaalee hin danda’uu jedhuuf, sammuun kee akka amanuuf hin hayyamin. Ga’uumsi keessa kee jiru dhokataadha. Ati hamma gatii ofiif kennetu geessa! Ati nama rakasaa, waa’ee hin u miti. ”Hamma oftulummaa hin taanetti gatii kee hin xiqqeessin” jedhe gurbaan sun. Ati nama adduunyaan addatti beektudha. Uumama addatti uumame taatee gatii kee hin balleessin.. Hir’ina kee qofaa lakkooftee, cimina keessa jiru hin balleessiin. 

Ilaalcha jechuun maal jechuudha? What mean Attitude?


Ilaalcha jechuun, daandii sammuun keenya waan tokko ittin hiikkatu/ hubatu jechuudha. Jijiiramni amala uumamati. Namni umriin, bifaan, yaadaan, bilchinaan, fi kkf jiijiramaa deema. Haalli qillensaa, saayinsii fi teeknolojiin jijjiramaa deema. Haalli jireenya isa kaleessa fi dhengaddaa irraa saffisaan jijjirameera. Ilaalchi namni haalota garagaraaf qabu, isa waggaa muraasa duraa wajjin wal hin fakkatu. Isa kana keessa jiraachuufis ta’ee gaggeessuuf, dhalli nama ilaalchi isaa jijjiramuu qaba. Waan hundumaa rawwachuuf, ilaalchi namaa kan kaleessa caalaa jijjiramuun barbaachisaadha.

Ilaalchi kee hundee milkaa’ina keetiti. Namni ilaalcha gaarii qabu milka’adha.  Namni ga’uumsa olaanaa of keessaa qabu, garuu ilaalchi inni of keessa qabu yookiin inni baatee deemu hanga sirrii hin taanetti, ga’uumsi inni qabu bu’aa hin qabu. Lafa ilaalchi gaariin hin jirree, bakka ilaalchi hamaan itti dagaagetti, firii gaariin hin margu. Milkaa’uuf dura ilaalchi hamaan atti qabdu ilaalcha gaariin bakka bu’uu qaba.

Ilaalcha kee jijjiri “Jijjiramni, ilaalcha jijjirame barbaada.” Ilaalchi kee, utuu hin jijjiramiin, jijjiramni hin jiru. Ilaalchi kee, waan hundaa keeti. Namni waanuma nyaate fakkaata jedhama mitiree? Waanuma keessa kee jiru, baastee mul’ista. Namoonni baay’een waa’ee namootaa biraa beeku. Waa’ee isaanii garuu hin beekaan. “Akka isaatti yookiin akka isheetti” utuun jiradhee, wanti hundinuu anaaf salphaa ture, yommuu jedhaan ni dhageessa. Akka mataa ofitti jiraachuu dadhabanii, jireeenya namoota biroo hawwu. Akkuma jireenya namoota biroo jiraachuu hawwitu, namoonni biroos jireenya kee jiraachu akka fedhaan gochuu ni dandeessa. Ati akka namni biraa itti si beeku osoo hin taane, akka ati itti of beektutu jireenya kee siif murteessa. Kanaaf ilaalchi fi ejjennoon ati mataa keetiif qabdu murtessadha. Ilaalcha gaarii qabannan firii gaarii argatta. Firiin ati argattu ilaalcha atii ofiif, akkasumaas biyyaaf qabdu murteessa. Kanaaf atis ilaalchi kee akkuma burtukaana bilchaatee nyaataan mi’aa qabuu akka ta’uun siif hawwa. Dheedhiin akkuma mi’aa hin qabne, ilaalchi namootaas yoo sirri hin ta’in, nama hin gammachisu. Kanaaf atiis ilaalcha kee jijjiiruuf booddetti hin jedhin.

Gabaa gammachuu jireenya keessatii

Gabaan gammachuu eessa? Karaa isa kamtu geessa? Kaani, Gammachuu dhalcheet Abbaa Gammachuu ta'a Ogeessimmoo iyyaafateet Gammachuu bira gaha!


Dhalli namaa du'a gosa lamaa du'uu danda'a. Mee dursa du'a isa lammaffarraan ka'a. Duuti namaa inni lammaffaan du'a boollaa gadiiti; kana, dabareetu burreedha malee, namni kamiyyuu jalaa miliquu hin danda'u;  Kun taatema uumama yoo ta'u "rabbi jalaa si haa baasu" hin jedhamu. Sababnisaas dhaloonni itti aanu akka dhufu feena taanan, nuyis bakka gadhiisuufiin dirqama.

Duuti inni tokkoffaafi kan baay'ee nama gaddisiisu du'a isa boollaa oliiti; Namoonni tuuta kana keessa jiran, warra eenyuummaasaaniitti saalfatanidha. Warri akkasii saba, afaan, bifa, dhaabbii, maatii fi bakka irraa dhalatanitti qaana'aa jiraatu; Namoonni hundi waa'eesaanii waan yaadaa oolu itti fakkaata; waantoota jijjiiruu hin dandeenyetti dhiphachaa oolu; Miira, jechaa fi haala namaa tilmaamuun hiika itti kennaa jiraatu. Furtuun gammachuusaanii borsaa namoota biraa keessa jira. Namoonni akkasii osoo homaa hin hojjetiin, du'aan du'atti darbu. Du'a isa lammaffaafis saffisa dabalu!

Namni ofiisaa of hin fudhanne namnis hin fudhatu; waaqnillee hin simatu; Jalqabumaa ofiyyuu gateera waan ta'eef kaaniinis ni gatama. Garuu gaafa ofargate jireenya haaraa jiraachuu eegala; Kan baay'ee nama ajaa'ibu garuu ilaalchi kun umurii naannoo afurtamaa booda nama biraa haafuusaati. Achirra yeroo gahan, eenyuullee dhimma namaa akkan qabne hubatu; dhimmi guddaan yeroo sanaa, Hanga ammaa maalan hojjedhee? dhalootaaf maalan kaa'e? addunyaa kanaaf maalan gumaache? ...jireenyikoo, bultiinkoo, qabeenyikoo kan ollaa fi hiriyyootakoo biratti maal fakkaata ? fi kkf irra malee dhimma waa'ee hin baasne sekoondiifiyyuu hin yaadan; hin yaadatanis.

Garuu maal godha! kan kana quba qabu nama hunda miti; Baay'oliin yeroo hojjechuufi jiraachuu qabanitti du'a boollaa oliirra waan turaniif yeroo balleessaniif quba nyaatu; yeroonimmoo duubatti hin deebitu; Osoo haasofnuu, namni hanqina beekumsaa waan qabuuf ofgateetu jireenya qannoo barbaacha fiiga; namni akkasii dhibee cimaa wal'aansa barbaaduun qabameera. Yaalli isaaf ta'u dursa of argachuu qabaadha! Yoo sana ni fayya; achii jireenyi dhamdhamashee mirgistiifii!

.... Eyyeen, of fudhadhu dursa! Hangafa milkaa'inaa santu isa!

Bakka milkaa'inaa, waan guyyaa tokko lamaan gahan miti.


Abjuu ofii kamiyyuu milkeessuuf itti fufinsaan fulduratti suksukuutu furmaata tokkicha. Namni obsaan qabne tokko daandii galmasaatti isa geessu akkuma jalqabeen gulantaa daandii sanaa hunda, takkuma ilaaluun akkan hin danda'amne ofitti himee duubatti deebi'a. Inni milkaa'uuf murteesse garuu gulantaa durasaa qofarratti xiyyeeffachuun fuulduratti tarkaanfata. Amalli akkasii taatee namootaa guyyaa guyyaa kan biroo keessattillee ni mul'ata.

Fknf namni tokko kitaaba dubbisuuf bite ykn ergifate, takkuma fuula kitaaba sanaa hundaa gaggalagalchee fixuun, "hanga kana yooman fixa?" jedhee lafa kaa'a. Ji'a boodas irra deebi'ee, gochuma walfakkaatu hojjeta. Ati garuu amala akkasiitti hin mijoomiin. Waanti hunduu adeemsaan siqa. Yerookee qindeessuun gulantaa sitti aanurra ejjedhu; imali. Innimmoo gulantaa biraatti si dabarsuun buufata galmakeetiitti si buusa.

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...