KAROORA QABAACHUUN KAROORA DHABUU CAALAA MIIDHAA HAMAA QABA


Yeroo tokko barattootni afur kolleejii utuu baratanii qormaatni akka itti dhiyaate utuu hinhubatin halkan taphataa turanii waan qophii qormaataa hinqabneef ganamaan ka’anii diinii kolleejii bira dhaqanii akka rakkoon isaan mudate ibsaniif.Yeroo gara diinii kolleejii dhaqan giraasoo konkolaataa dibatanii,dhoqqee ofitti dibanii ture.

Firri isaanii waan cidha qabuuf gargaaraa turanii utuu halkan galanii akka gommaan konkolaataa isaanii karaa irratti jalaa dhohe;[halkan guutuu konkolaataa kana dhiibaa hanga kolleejii isaaniitti akka dhufan ibsaniif.

Inni kun akka qorannoofi qophii isaan qormaataaf godhan irratti akka dhiibbaa geessiseef yoo fedhasaa ta’e yeroo qormaataa akka darbuuf gaafatan. Diiniin kolleejichaas erga dhaggeeffatee booda guyyaa sadii booda akka dubbisanii dhufanii qormaata fudhatan heeyyameef.

Barattootni afran(4)sunis galateeffatanii galan. Guyyaa sadii booda yeroo deebi’anii qormaata fudhachuu dhufan qormaanni isaan fudhatan isa kanaan duraarraa adda jedheen.Hundisaanii kutaa dhuunfaasaanii keessatti fudhatu;hunduu qofaa qofaa jechuudha. Erga isaan kutaa qormaataa seenanii booda hundasaanii gaaffii walfakkaataa lama akka kennamuuf taasise.

Gaaffii 1. Maqaan konkolaataa keessanii maal jedhama? (Qabxii lama)

Gaaffii 2. Gommaa kamtu dhohee? A. Isa bitaa duraa B. Isa mirgaa duraa C. Isa bitaa booddee D. Isa mirgaa booddee. (Qabxii 98)

Bartootni kunniin hundi deebiinsaanii adda adda ture. Utuu karoora sirrii qabaatan ta’ee yoom akka qorataniifi yoom akka bashannanan nibeeku turan. Karoorri hundumaaf daran barbaachisaadha. Namni karoora hinqabne kufaatiif nama karoorfateedha.Karoora qabaachuun karoora dhabuu caalaa miidhaa hamaa qaba.

Namni karoora qabu xiyyeeffannoo sirrii qaba. Namni karoora qabu egeree isaaf ofitti amanamummaa cimaa qaba. Eessatti akka deemu nama sirriitti beekuudha. Baasii isaa nama sirriitti to’atuudha. Wantoota isa mudaatu hundumaa madaalee ilaaluu; isa hintaanetti harka kennuu diduuf ofitti amanamummaa qabaata.

Yerootii gara yerootti maal akka hojjetu beeka. Eessatti akka deemu beeka. Duraa duubaan maal akka hojjetu beeka. Namoota waliin dorgaman attamitti caalee akka argamu beeka. Kanaaf karoorri jireenya ilmaan namootaaf barbaachisaadha.

Yeroo hedduu taphattoota jabaatanii leenji’an, jabaatanii taphatan, garuu kubbaa saaphanaa wajjin walagarsiisuu kan hindandeenye ni argina. Haa ta’u malee kaayyoon tapha kubbaa saaphanaa wajjin walagarsiisuudha.

Bakka itti kubba galchanii qabxii lakkoofsifatan hinbeekan taanaan sirriitti taphachuun isaanii kan jijjiirama fudu miti. Akka nama egereesaarratti hojjetuutti karoora jireenyaa sirrii qabaachuu, karoora kana ammoo jabaannee hojiitti hiikuuf dhama’uun murteessaadha.

Yoo karoora qabaannee hojiitti hiikuu hindandeenyu ta’e waan lama banna. Tokkos qabeenyaa, humnaafi yeroo akkasumas borii keenya rratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’uu dadhabna. Inni kun miidhaa guddaadha.Waan hundarra namni karoora malee deemu akka nama dukkana keessa qaqqabataa socho’uuti.

Karoora qabaatee karoorasaa kana ammoo yoo hojiitti hiike ciminasaa kan agarsiisu yoo ta’u, yoo karoorri ba’ee hojiitti hiikuu dadhabe garuu dadhabinasaa calaqqisiisuunsaa hinoolu.

Yeroo deemsa jalqabnu garam akka deemnu sirriitti beekuun gaariidha.Mul’ata sirriis qabaachuun murteessaadha. Maaliif akka barannu, maaliif akka hojjennu, eessa ga’uuf akka deemnu beekuun gaariidha. Har’a eessa akka jirru, waggaa har’aa, waggaa lama har’aafi waggaa sadiifi kudhan har’aa eessa akka ga’uu qabnu ammuma murteessuun irratti hojjechuu jalqabuu qabna.

Namni karoora hinqabne ofirrattis ta’e bakka jirutti jijjiirama nan fida jedhee yaaduu hindandaa’u. Sababiin isaa yoom maal akka hojjetu nama adda baasee hinbeekne waan ta’eef. Kanaaf milkoominaan kan nu ga’u jalqaba irratti maal akka gochuun nuuf ta’u dursinee karoorsuun baay’ee barbaachisaadha. Karoorri maatiif, karoorri barataaf,karoorri daldalaaf,karoorri qotee bulaaf,karoorri gaggeessaaf nibarbaachisa.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...