(1) Yeroo hundumaa sochii irratti argamu
Maaliyyuu yoo isaan mudate sochii isaani hin dhaaban. Yeroo isaani gubuu hin fedhan.
(2) Jijjirama "baga nagaan dhufte jechuun" ni simatu
Mudannoo jijjiiramicha irratti jijjiramicha fiduu irratti isaan mudatus akkasuma ni fudhatu.
(3) Gammachuu dhaabbataa ta'e qabu.
Kufaatin iyyuu yoo isaan mudate akka carraa gaariitti waan fayyadamaniif gammachuun isaani hin hir'atu. Humna isaaniifi qabeenya isaani wanta to'achuu hin dandeenyetti hin qisaasessan.
(4) Namoonni akkasii kun Gaariidha, haqa qofa jaallatu
Waan itti dhaga'amee haasa'uufis eeyyama namaa utuu hin eegin dubbatu. Sodaato miti. Wanta sirrii ta'ee itti mula'te hojjechuuf sodaa hin qaban.
(5) Milka'ina namoonni biroon goonfatanitti ni gammadu
Inaaffa wanti jedhame jireenya isaani keessatti hin mul'atu. Namoota milka'ina argatanitti fuula hin guuran. Milka'ina isaan argatan kanas hin qeeqan.
(6) Mudannoo milka'ina dursee dhufu fudhachuuf fedhii guutuu qabu
Ati kamiin keessa akka jirtu of ilaali. Yoo hanqina qabaatte sirreeffachaa adeemi. Namoota bilchaatoo jedhaman kanatti makamuuf ammuma irraa jalqabii sammuu kee irrattii hojjechuu eegali. Sammuu keef itti gaafatamuummaa kan qabu si qofaadha.
No comments:
Post a Comment