Namni namummaa malee foon afuurri keessa hin jirre, du'aadha


#Bareedinumti jireenyaa maali?

Awwaala namni hundi wal qixaan keessatti boqotu yaadaan ilaalaa gaaffilee kana deebisuu haa 

yaallu! 

   1. Meerre qarshiin nama kabaja akka dhowwannu nu godhu sun?

   2. Bareedinnichi akka boonnuufi of-dhiibnu nu godhu eessa jira?

   3. Meerre konkolaattonni namarratti akka of gurguddifnu nu godhan sun?

   4. Ragaan barnootaafi mirkaneessi hojjettoota biiroo olaanaa nu gochuun hojjettoonni keenya meeshaa sagalee qabu akka nuuf rukutan kan godhan eessa jiru?  

   5. Hiriyyoonni goyyoomsuuf nu marsan sun eessa jiru?

   6. Awwaala keessaatti akkam bareennaa?

   7. Eessa jira qabeenyi nuyi argachuuf jennee lubbuu ilma nama galaafannu?

Duuromuuniifi bareeduun  gaariidha; garuu, namummaan haadursinu (Let humanity be our priority). Awwaalchi bakka tokkicha sooressiif hiyyeessi wal qixxaatanidha. Qabaachuu keenyatti haagammannu; garuu, namummaan haadursu!

#Gatii wanti hin qabne Hunduu gatii hin qabu (Vanity Upon Vanity, All Is Vanity)

√ Qaamolee namaa du'aan booda;

* Guyyoota sadii du'aan booda, qeensoonni qubaa ( fingers nails)ni harca'u.

* Guyyoota 4 du'aan booda, rifeensi mataarraa ni buqqa'a, akkanuma rifeensi qaama keenyarra jiran hundillee.

* Guyyoota 5 booda, sammuun dhooquu jalqaba, foon halluu isaa gadhiisa, harmii (guntutni)fi qaamonni wal quunnamtii saalaa ni burkutaa'u.

* Guyyyoota 6 booda, gogaan foonirraa ni mulqama.

* Guyyoota 7 du'aan booda, qabiyyeen garaa baquun foolii addaa kennu. 

* Guyyoota 60 du'aan booda, qaamni guutuun gara lafee duwwaatti xiqqaata.

   #Kanaafuu maaliif akka malee;

          * Of dhiibna (much pride)?

          * Ofittoos taana (selfishness)?

          * Nama jibbina (hate)?

          * Goomattuus taana (jealous)?

          * Hamaas hojjenna (evil doers?

~~~~     

Namummaan haa dursu!!!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...