FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU


Buna dhuguun biyya keenya keessatti dhugaatii isaa irra darbee faayidaalee hawaasummaa hedduuf akka oolu beekamaa dha. Qorannoo baayyeen biyyoota guddataniin as ba’aa ture yeroo baayyeef miidhaa isaa irratti kan xiyyeeffate ture. Yeroo ammaa kana faayidaalee bunni fayyaa namaatiif keessattuu fayyaa sammuutiif godhu qorannoo hedduun as ba’aa jiru.Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu:

FAAYIDAA

1.Dammaqina (alertness) namaaf kennuu isaatiin kan beekamu bunni barattootaa fi namoota hojii halkanii hojjetaniin baayyinaan dhugama. Kanas kan godhu bunni kemikaala Sammuu keessatti argamu adinoosaayinii (adenosine) jedhamu kan nama dadhabsiisuu fi hirriba namatti fidu hir’isuuniidha. Bunni gaafa dhugamu qofa utuu hin ta’in foolii isaatiin illee faayidaa dammaqina namaa kennuu akka qabu himamaa. Kanaaf natti fakkaata namootni tokko tokko gaaf bunni akaawamuu aara isaa fuunfatan kaan immoo borsaa ykn kisii isaaniitti baatanii deemaniif.

2.Kuusaa yaadannoo gaarii akka qabaatan nama godha.Bunni kemikaala assetaayilkooliin (acetylecholin) jedhamu akka baayyinaan burqu gochuu danda’a. keemikaalli kun faayidaa baayyee inni qabu keessa tokko Sammuu keessa yaadannoo (memory) kuusuu dha. Kanaaf yeroo dheeraaf namootni buna dhugan dandeettii yaadachuu isaanii cimsuu irra darbee dullumaan walqbatee dhibee dagachuu (alzhemer) irraa akka ittifaman gochuu akka danda’u bu’aan qorannoo ni agarsiisa .

3.Dhibee mukuu (depression) ittisuu. Namootni yeroo hunda buna dhugan carraan dhibee mukuutiin qabamuu isaanii kanneen hin dhugne iraa dhibbeentaa 15(15%) ni hir’ata.

4.Carraa of ajjeesuu (suicide) hir’isuu. Namootni of ajjeesan baayyeen isaanii sababa dhibee mukuutiin (depression) akka ta’e ni beekama. Egaa dhibee mukuu hir’suun carraa of ajjeesuu namaas 50% ni hir’isa.

5.Lafa hojiitti milkaa’ina akka qabaatan nama godha. Qorannoo haaraan akka agarsiisutti namootni buna dhugan carraan guddina argachuu isaanii ni dabala. Kun kan ta’u bunni dammaqina waan isaanii kennuuf hojii isaaniitti dammaqoo ta’u,darbees carraa namoota baayyee wajjin walii galuu waan argataniif . Kun immoo dhiphuu fi yaaddoo diinagdee hir’isuun fayyaa Sammuu isaanii eega.

6.Harkisa jaalalaa dabaluu. Namootni gaafa buna dhugaa taphatan dammaqinni isaanii fi simboon isaanii waan dabaluuf harkisi jaalalaa isaan gidduu jiraatu ni dabala.

7.Cooma garaa (borcii) irraa hir’isuun ilaalchi namootni ofiif qaban akka dabalu ni taasisa.

MIIDHAA

Bunni yoo garmalee dhugame miidhaalee Sammuu/qor-qalbii armaan gadii fiduu danda’a

1.Garmalee nama dammaqsuun (hyperactive) xiyyeeffannoo nama dhorka. Kun immoo hojii harka ofii irraa sirriitti raawwachuu nama dadhabsiisuu danda’a. Miira nama sossodaachisuu waan namatti fiduuf qormaata(exam) irratti nama miidhuu danda’a.

2.Gara galgalaa yoo dhugame,nama rafuu barbaadu hirriba dhorkuun,qulqullina hirriba namaa jeequu danda’a.

3.Namni dhibee yaaddoo (anxiety) qabu yoo buna garmalee dhuge dhibee kana itti hammeessuu danda’a.

4.Nama dhibee miira gar-lamee (bipolar disorder) qabu akka sadarkaan maaniyaa (mania) isaa itti ka’u gochuun miidhaa biraaf illee saaxiluu danda’a.

Miidhaaleen kun namoota guyyaatti buna minjaala/

siinii 4 ol dhuganitti akka baayyatu hima qorannoon dhiyeenya biyyaa Ingiliziitii ba’e. Ta’us waanti hubatmuu qabu carraan nama mudachuu miidhaalee armaan olii namaa namatti gara gara. kanaaf qaama ofii dhaggeeffachuun madaala ofii argachuun haala fayyaa qabeessa ta’een buna dhuguun firii isaa irraa baayyee,miidhaa isaa irraa xiqqoo makaruu dandeessu.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...