Showing posts with label thankful. Show all posts
Showing posts with label thankful. Show all posts

GORSA DUBARTOOTA HUNDAA

 


【1】 Gonkumaa abbaa manaa kee ijoollee fuulduratti hin loliin (wal hin dhabiin), dubartii beektuun kana hin gootu waan ta'eef.

【2】 Bareedina abbaa manaa keetii mirkaneessuu hin dagatiin! Utuu inni of bareechee xumuree si hin gaafatin!

【3】 Gonkumaa hiriyyaan kee abbaa manaa kee waliin hidhata akka uumtu hin heeyyamiin!

【4】 Gonkumaa yeroo mana fincaanii fi yeroo uffataa hin ariifatin, abbaan manaa kee kanaan waan hin mufanneef.

【5】 Maatiin kee yookaan hiriyyaan kee erga heerumtee waa'ee heeruma kee yaada kaasuu hin qaban, jecha isaan jedhaniif yeroo kee gubuu hin qabdu, yoo isaan dhiisuun si

dirqamsiise dhiisu qabda malee.

【6】 Gonkumaa yaadni kee qabeenya irratti kan xiyyeefatu ta'uu hin qabu, yoo qarshii isaa ol kan argattu ta'ellee walitti fiduu qabda malee.

【7】 Hin irraanfatin abbaan manaa yaadaan dhaggeeffachuu barbaadaati, yaadni kee qabamaa itti ta'uu hin qabu. Walii galtee gaariin gammachuu jireenya ofiiti waan ta'eef.

【8】 Yeroo marii yoo yaadni kee kan Isaa olitti hojjetu ta'e gonkumaa ofii kee isaan olitti of hin madaaliin, kun waliin hojjechuu waan ta'eef.

【9】 Abbaa manaa kee irratti ol-aantummaa hin fudhatin, abbaan manaa mataa haadha manaa waan ta'eef.

【10】 Haati manaa dadhabduun maal-na-dhibdee haadha manaati, isheen qaamnumti isheeyyuu akka dhokfamu hin beektu.

【11】 Abbaan manaa kee akaakuu ittoo nyaataa gaarii fedhaa?? Haala ittoo nyaata kee fooyyessuu yaali! Abbaan manaa nyaatatti waan hin qoosneef.

【12】 Gonkumaa abbaa manaa keetiin hin morkatiin! (wal hin dhabin), Yeroo qabdu hunda seeran fayyadami qabeenyi kee akka dabaluuf.

【13】 Dhufaatii abbaa manaa keen dura burchuqqoo (baattuu bishaanii) qopheessii kaa'i! Akkasumas namni kamiyyuu mana kee yeroo dhufuuf.

【14】 Dubartii waa'ee heerumaa ilaalcha gadhee qabdu wajjin walitti dhufeenya hin uumiin!

【15】 Mana dhaabuun kee siif gatii qaba. Innis akka ilaalcha mataa keetittidha, of jibbaa jiraachuun garuu gatii hin qabu.

【16】 Ijoolleen eebba (kennaa) waaqayyooti. Kanaaf ijoollee kee jaalladhuutii sirritti isaan barsiisi!

【17】 Ati Gonkumaa mana kee too'achuuf dulluma hin qabaatiin! Sababa kamiinuu yaada fi bakka ati manaa fi maatii keef qabdu gonkumaa hir'achuu hin danda'in!

【18】 Haati manaa kadhannaatti jabaattuun baay'ee aboo-qabeettidha! Yeroo hunda abbaa manaa kee fi maatii keetiif kadhadhu! Waan dubbistaniif galatoomaa!!! Waaqayyoo isin haa Eebbisuu.

Namni waan qabuutti galateeffachuu qaba.


Namni waan qabu irratti galateeffachuu hin dandeenye yoomillee waan hawwus argatu hin galateeffatu. Wanta hin qabne ilaallee galataaf hongoomuu caalaa,kan qabnu lakkaawuu yoo eegalle jireenyi keenya dinqii fi raajii ta'a.   

Tarii rakkoolee adda addaatin marfamtee humna ittiin galateeffatu dhabuu dandeessa,garuu hamma fe'es hammaatu wanta itti galateeffattu hin dhabdu. Qabeenya hin qabdu yoo ta'e fayyaa keef galateeffadhu,meeqatu mana yaalaa ciisaa jira,rakkoo fayyaa qabda yoo ta'e humni fayyina GALATA keessa jira waan ta'eef lubbuun jiraachuu keef galateeffadhu. Ija onnee keetii yoo bante wanta itti galateeffachuu dandeessu heddutuu si marsee jira. 

Al tokko galateeffannaa amala kee yoo godhatte wanti ati itti galateeffachuu dandeessu si marsaa deemu,wal horaa dhufu. Kun seera harkisaati,seera uumaa(The law of nature).Ani ammatti lubbuun jiraachuu koof nan galateeffadha,harganuu koof nan galateeffadha,atihoo maaliif galateeffatta?

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...