Showing posts with label jaalalaa. Show all posts
Showing posts with label jaalalaa. Show all posts

WAAN GAARII YAADU AMALEEFFADHU


Namoonni waan gaarii yaadan jireenya isaanii keessatti bu'a gaarii argatu.  Guyyoota jireenya isaani keessa jiraan hundumaaf ilaalcha gaarii qabu."Guyyaan har'aa badaadha"jedhanii hojii hin dhiisan. Guyyoonni hundumtu gaarii akka ta'anitti ilaalu.Guyyoota hundumaa of kennani hojjetu. Sabaaba kana irran kan ka'e guyyaa guyyatti gara galmaa isaanitti tarkaanfatu.

Waan nama ajaa'ibu guyyaan har'aa kanumaa keeti.Kanaaf guyyaa har'aa maal hojjechuu feeta? Deebiin gaaffii kana salphadha. Galmaa kee milkeessuf hojjetta.Waan gaarii yaannaa taanaan,gufuuf kufaatin kamu yoo nu mudatan milkaa'ina irra nu deebisu hin danda'an.Sabaabinsa,namni waan gaarii yaadu wayita raakkon isa mudatu, furmaata barbaadu irratti xiyyeeffata malee raakkinicha yaade hin dhiiphatu. Wayita raakko nu mudate sana injifannu gara milkaa'inatti tarkaanfachu keenyatti dabalee,keessi keenyas gammaachuudhan guutama.Waan hundaa caalaa immoo amantin nutti mataa keenya irratti qabnu ni dabala.Kun immoo fuulduraattis jabaanne akka hojjennuf nu onnaachiisa.

 Jireenya keenya yoo jaallanne,jireenyis waan nu jaallatuf gaarii nutti barbaadnu nuuf kenna.Kanaafuu,yaadni gaariinif waan gaarii yaadun burqituu dhandhamaa gaariin galaana booru guddaa calaalchiisu danda'udha. Yaadni keenya haalaaf akkata gaarii gubbaa yoo jiraate,waantootni hundinuu akkata sirriif gaariin nuuf hubataamu.

    

GATIIN DHALA NAMAA MEEQA


Ilmatu abbaa isaatiin,"gatiin jireenyaa meeqa abbaa?"jedhee gaafata. Abbaanis dubbiidhaan osoo hin taane gochaan itti agarsiisuuf yaade.Dhagaa tokko fuudhee itti kennee 'deemii gabaa geessi'jedheen. gatiisaammoo quba lama qofa itti agarsiisi afaanin hin dubbatin jedheen.'Gatii fedhan sii kennanis hin gurgurin'jedheen.Mucichis akkasuma godhe.Warri dhagaa irraa bituuf itti dhufan 'gatiin meeqa?'jedhuun;innis quba lama itti agarsiise.Qarshii lama moo?Sitti hin baayyatuu?Jedhaniin.Haa ta'uu ni kafalla yemmuu jedhaniin gurguruu didee gale.'Aabbaa waan naan jette raawwadheera'jedheen.Abbaanis tole mee ammas deemii godambaa(muuziy

eemii)geessi jedheen;ammas mucaan ni geesse. Gatiisaa akkuma duraa sana quba lamaan qofa baasee itti agarsiise.Qarshii dhibba lama moo?Tole ni kafalla jedhaniin.Didee dhagaasaa fudhatee manatti gale.ammas Abbaadhaan raawwadheera jedheen-mucichi. Abbaanis tole mee na hin nuffiniitii amma bakka albuuda itti gurguranitti geessi jedheen.Mucichis dukkaana albuuda itti gurguranitti ni geesse. Gatiisaa gaafatamnaan akkuma duraa quba lamaan itti agarsiise.Qarshii kuma dhibba lama moo? Jechaa dhagaa sanaajaa'ibsiifachaa amman siif kafala jedheen kunis. Mucichi gurguruu didee galeen.Abbaanis agartee ilma koo,dhagaan kun tokkuma, gabaatti qarshii lama,muuziyeemitti qarshii dhibba lama,dukkaana albuudatti immoo qarshii kuma dhibba lama siif kennan dhagaa gatii jabeessa jedhanii. Dhagaa gati-jabeessa ta'uu kan bare warra dukkaanaa sanaadha. Maalif? Maalummaa dhagichaa kan beeku isaan qofa waan ta'eefi. Gatiin jireenyaa kees akkasuma. Namoota gatii kee hin beekne irraa fagaadhu!

Jaallachuufi waliin jiraachuu dandeessa;garuu raawwattee itti hin dhiyaatin.Oolmaafi bultiin kee namoota gatii kee beekan qofa waliin haa ta'uu jedheen jedhama.


WANTOOTA BU'UURA JAALALA DHUGAA TA'AN MURAASA

 


1,Amanamummaa

2,Obsaa

3,Dhugaa dubbachuu

4,Waliif hubachuu

5,Yeroo waliif kennuu

6,Nama of jidduu galchuu dhiisuu

7,Ejjannoo qabaachuu

8,Boriif yaaduu

9,Fedhii walii eeguu

10,Keessaa walii beekuu

11,Iccitii walii eeguu

12,Dubbattee amansiisuu

13,Uumaa ofii sodaachuu

14,Wal kabajuu

15,Yeroo hundaa walittii gammaduu

Yeroo jaalattuu yeroo kamuu onnee lama qabaadhuu maaliif yoo jattee tokkon yoo kuftee kan hafeen dhaabbattee kaataa garuu amanamaa tahii

Yeroo kamuu ofii kee ol nama hin jaalatiin maaliif yoo jattee namni jaalattee yoo si dhiisee deemee ofii keef dandamachuu dadhabdaa.

Jaalala keessaattii yeroo kamuu amanamaa tahii maaliif yoo jattee dhugaan kee guyyaa tokko ifa baatii

Jaalalaan nama tokko illee hin midhiin maaliif yoo jattee garagaltoo tahee boruu midhamtaa

Jaalalaan fayadamtee nama hin sobin maaliif yoo jattee boruu of duuba deebi'ee ati sobamtaa

Osoo hin jaalatiin siin jaaladha hin jedhiinin maaliif yoo jattee umriin nama bakka tokko hin dhaabbatuu yeroo duraa hin gubiin.

Sobaan jaalalaan siifin du'aa hin jedhiniin maaliif yoo jattee sobaa si fakkeessaa.

Dubartii kammiyyuu wanta tokkon illeen hin midhiin maaliif yoo jattee haatii tee dubartii dha.

Garaan osoo hin taanee onneen nama jaaladhuu maaliif yoo jattee jaalallii garaa deemee galma hin gahuu

Jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu hunda nama garuu onnee tee tokko qofaaf kennii.


GUDARII AMBOOTTAN DARBAA

 


Gudariin Amboottan darba

Nattii odeessa warri Baakkoo

Yaadnikee nabuuse sarbaa
Nabobeessa mar'immaankoo
Naqamterraa garbuun marge
Ani Arjoon xaafii haama
Guyyaa ijaan yoon si arge
Halkan abjuunan siwaama
Qofaa taa'een mataa raasa
Yaadee yaadee yaada kuusee
Garaatu siif nadhamaasa
Siif kiilookoon gadi buuse
Taatee addaa natti fidee
Qaawwa lilmoo naseensisa
Doonii eeguuf obsuu didee
Bishaanirra nadeemsisa
Lamaccaccee naguggubde
Akka afuura gafarsaa
Onneenkoo siif nadhukkubde
Moo lubbuukoon of dabarsa
Hidditee nakeessa kaata
Akka kanniisa gaaguraa
Dhangalaatee narra yaata
Akka hadiida baaburaa
Anaaf hanga geessu geessa
Siidaa jaalalaa ol dhaabdee
Onnee kiyya keessa teessa
Suuqa dhoksaa kortee yaabdee
Karaa ati baatun eega
Barii lafaa bulee ka'ee
Jaalala keetu nareeba
Alangaa fi ulee ta'ee
Jedhee yeroon sittimadhu
Cirii soqi kichuu aarii
Jaalalumaan nasimadhu
Anaaf ta'i michuu gaarii
Gaafa sana narraa gala
Akka huummoo kanan aadu
Lapheekoo naaf jiisuu mala
Guggubee inni nawaadu
Michoomakee cimsuun ala
Anis hamaa siif hin yaadu
Si keessa of barbaada!
Hangan of yaaduun ol
Baayyiseen si'in yaada
Haala kam keessattuu
Hin dhokattu na duraa
Sirraa fagoo jiraadhus
Yaadni kan koo si bira!
Ofi koorra fagaadheen
Adamoo kan keef fiiga
Jireenya kee jiraachuuf
Jireenya kan koo diiga!
Ati garuu tasaa beektu
Siif jecha of dhabuuko!
Bira qabee sitti himuus
Siif galle guyyaa tokko!
Amma garuu natti cime
Humna koo ol natti ta'e
Jaalala koof bakka laatu
Onneen kee naaf na'ee!
🙄

TOOMAAS SAANKAARAA EENYU?



Cheguvericha Afirikaa TOOMAAS SAANKAARAA

Umrii isaa 33tti aangoo qabate.Waggoota afuriif biyyittii bulche(1983-1987).Maqaa biyya isaa bara kolonii Faransaay Apper Voltaa(Upper Volta) jedhamaa ture Burkinaafaasootti jijjiire.

Lammiiwwan biyyattiis Burkinaabee jedhamanii akka waamaman taasise.Burkinaabee jechuun namoota qajeeloo jechuu yoo ta’u,Burkinaafaasoon biyya namoota qajeeloo akka jechuuti. 

Leellisaa Paan-Afrikaaniiziimiiti. Imperiyaalizimiif jibba olaanaa qaba. Kunis,ilkaan biyyoota dhihaa keessa isa galchee ture. Jechasaa ‘He who feeds you, controls you’jedhuun beekama. Callaan jechichaa, kan si sooretu si to’ata jechuudha. Kanaafis, gargaarsa alaa kamuu hinbarbaadu jedhe. Akkuma jedhes humna biyyaa ijaare.

 Bu’uraalee misoomaa adda addaa humna biyyaatiin waliin gahe. Barnoota, geejjiba, fayyaa irratti baldhinaan hojjete. Umrii ji’oota sadii keessatti lammiilee biyyattii 35,000 ol ta’an barnoota bu’uuraa barsiisuun barreessuufi dubbisuu dandeessise.

 Waggoota afur biyyattii bulche keessatti uwwisa barnootaa biyyattii % 13 irraa gara % 73tti ol guddise.Torban tokko keessatti daa’imman biyyattii miliyoona 2.5 ta’an talaallii dhukkuboota garagaraa akka argatan taasise. Abbootii qabeenyaa irraa lafa fuudhee qonnaan bultootaaf hire.  Kanaanis, nyaaataan akka of danda’an taasise.

Aangoon isaaf ummata tajaajiluudha. Akkuma nama kamuu jireenya gadi aanaa gaggeessaa biyya bulchaa ture. Konkolaataa dulloomtuu tokko, saayikilii tokko, gitaarota sadiifi wantoota bu’uraa namni kamuu jiraachuuf barbaadudha qabeenyi isaa. Ijoolleen isaa mana barnootaa mootummaatti ijoollee hiyyeessaa waliin baratu. 

Geenneen biyyattii (haati warraa isaa) qacaramtee hojjettuu mootummaa tahuun hojjetti. Ministiroota biyyattiis jireenya irraa hafaa barsiifatan dhiisisee galii biyyatti hundaan jijjiirama biyya isaa irratti xiyyeeffate. Kun hundi hojiiwwan inni bara bulchiinsaa isaa waggaa 4tti hojjete keessaa muraasadha.

Lafti namoota qajeeloofi onneerraa biyya isaanii jaalataniif yeroo dheeraa hinkennitu.  Onkoloolessa 15, 1987 shira nama waahila qabsoo isaa ture Bileeyiz Kampaworeetiin fonqolchi mootummaa irratti taasifamuun ajjeefame.Dargaggeessichifi qabsa’aan sabaa yaadaafi jaalala biyya isaa waliin umrii 37tti  dacheerraa gargar bahuuf dirqame.

Cheguvericha Afirikaa TOOMAAS SAANKAARAA

DHUKKUBOOTA JAALALAA(WAANTOOTA WALITTI DHUFEENYA JAALALAA MIIDHAN(5)n


1.Waantoota xixiqqoo wal diduu. Waantoota xixiqqoo yoo wal didan yeroo sanaaf salphaa fakkaata. Fakkeenyaaf… “meeshaa kana fuudhii achi kaa’i” jechuun kana yoo jenne kun waan salphaa fakkata yoo inni tokko"lakki"jedhe sammuun keenya galmeessaa deema.Dhuma irratti gara dubbii ijoo “ati dhimma kiyya hin qabdu”jechuutti dhufa.

2.Yoo wal lolan wal cufuu. Jaalala keessaatti wal loluu ykn mufachuun waanuma jirudha.haa ta’u garuu namoonni tokko tokko lola isaanii walitti dubbachuudhaan baafatu. Kaan immoo wal cufaniitu eenyu akka dura haasofsiisu akka adurree fi hantuutaatti wal eeggatu. Abbaan dura haasofsise gad-aantummmaadha jedhanii yaadu. Kanaaf yoo wal lolan wal cufuun amala taanaan hammuma wal lolan jaalalli badaa deema.Sababa lolaa osoo hin taane sababa WAL CUFUU! Kanaafuu wal hin cufiinaa.

3.Sammuu namaa keessatti waa dubbisuuf yaaluu ( Mindreading) Jaalaleewwan tokko tokko waan ati yaaddu nan beeka sammuu kee keessatti waliin jedhu. Kana garuu kan beeku rabbi qofadha. Kanaaf waan namni tokko hin dubbatiin akkasitti yaadda ykn akka sana gochuuf ati jedhanii abbaa dursanii lafa kaa’uun,deemee deemee walitti bu'iinsa guddaa fida.

4.Hiriyyaa keessan nama biraa waliin wal hin dorgomsiisiinaa. Hiriyyaan kee nama biraadha, siif adda. Kanaaf nama biraa waliin madaalchiftee, karaa kamiinuu ol-aantummaa ykn gad-aantummaa hin kennin!

5.Hiriyyaa keessan to’achuuf hin yaaliinaa. Hiriyyaan jaalalaan to’atama ykn to’atamti malee qaamaan to’achuun dhumarratti lola fida.

Jaalallee qabaatanii halkaniif guyyaa gadduu hiriyyaa nama dhiistee akka niitoorkii badduu


Jaalallee qabaatanii halkaniif guyyaa gadduu

Hiriyyaa nama dhiistee akka niitoorkii badduu

Galgala si beellamtee ishee ganama dhuftuu

Yeroo ati bilbiltuufiis gurrarratti si cuftuu


Ishee na waliin teessee mala narratti maltuu

Guyyaa na bira ooltee osoo hin buliin galtuu

Ishee waadaa naaf galtee raawwachuummoo dhiistuu

Sireedhuma tokkorratti achi garagaltee ciistuu


Durba  jaalala hin beekne sobaan sammuu gooltuu

Ishee yeroo hunduumaa oliif gadi jooraa ooltuu

Ishee mirgaan dhageessee gurra bitaatiin yaastuu

Ishee na bira teessee bilbila biraa kaastuu!


Narraa qabi uumaa koo sittiin boo'a waaqa koo

Natti qabuu hin dagatiin dubara beektuuf jabduu

Mucaa maatiin guddisee ishee durbummaa qabduu!

Nama jaallattaniif dhiigaa wakkatturree jaalalli kee midhee naa taassissee saree

Nama jaallattaniif dhiigaa wakkatturree

Jaalalli kee midhee naa taassissee saree

Jaalalaan na miitee callisu filatte

Rabbii sif haa lattu kan ati naa gootte.


Jaalalaaf bakka kennun maaf sitti hir'attaa?

Dhugaa an sitti himuu maaf dhara fakkata?

Dhugaan si jaalladhe simadhu fudhadhuu

Baal'isii itti yaadi bakka itti naaf laadhu!


Qufa'uu dadhabee na axxifachiisaa

Hiriyaan dhokfadha suman na yaachiisa

Dhibee dawwa hin qabne na keessatti argamee

Booda akka waa hin jenne ergan an dhabamee!!!


Oonnee wal jaallateef qorichii maaliree?

Gaafa ati na cuftee an na'een wareeree

Waaqayyoo naa cimsuu jedheen of abaaree

Sii dhiisee deemuudhaaf gaaran naa darraree!!!


Soonaan jaalalaa kee guddaa natti argamaa

Naa jaaladhuu jechuun shamshamee dirqamaa!

Barbadaanni argachuuf mirgaa bilisummaa

Dhabbaannii rakkachuun anaammoo biyyummaa???

Ormatii himachuuf iccitti koo gaatta qulaa koo mul'isuun onnee koo na nyaata XALAYAA JAALALAA

Si haa ga'uu nagaan koo 

Kan onnee irraa madduu keessa marimaan koo

Daree koo Simboo koo ati midhagduu kan koo

Ottumaan si egguu baroo darbee tokkoo

Ottumàan si jaalladhu bahee hafuuf anoo

Akkaamin si dhisuu maalinnis si jibbuu dhabee mala anoo


Biiftuunis baatee dhitee yoo barituu

An ammaas sin eggaa maalif nan hin birmattuu?

Nyaadhe dhuguu hundaa takkaallee hin gabbaadhu

Yaadni sii aradaa ati qubbaa na hin qabduu

Bahee galuu hundaa an sumaan akkekkaa

Ta'ee ka'uu hundaa waa'ee keetan seeqaa

Gammaachuu dhabuun koo rakkaadhettan miti

Jàalalaa keettin gubbaadhettanidhaa


DAREE KOO

Bari'ee yoo dhihees dhufee yoo darbees

Wantii dhufuu hin jiruu yaadni koo yeroo huddaa summaattin eggaa jedheen yoon sitti himuus ati nan hubbattuu nas hin qalbeeffattu nas hin yaadattu.

Maal si jaalachuu koo cubbuu ta'ee jedheen yoon of gaafadhe gonkummàa gonkummaa jaalachuun cubbuu miti, garuu kan jaalattamuu qabuu jaalachuu dhisuun cubbuu ta'uu hin oluu jedhee yaada koottin busee basaa wajjiin kufee kassaa. Kun hundii yoo ta'uu at qubaa hin qabduu qabaa jechuu malee rakkaachuu koo hin beektu


Sif jedhee dhiphaachuu namaan arrabsamuu

Kabalaafi gatamuu

Gonkummaa hin hubbaattu yeroon werrarammuu

Namootta ormattis dabarsee kennammuu

Siif ta'uu dhisuun ormaan garaffaamuu.


Yoomirree guyyaan tokkoo tannuu

Jireenyaa qofummaa irraanfannee bannuu

Bultii ijaarachuun ilmaniis horaannuu

Anoo isaan egaa ati maaf naa gattaa???


DAREE wantaan jedhuu hin qabuu baasee sitti himuuf hedduu naa nuffittaa

Olkaa'aadhe dhisuuf garaan na muffattaa

Ormatii himachuuf iccitti koo gaatta

Qulaa koo mul'isuun onnee koo na nyaata

Akkam godhurree egaa ato na jibbittee

Jaalalaan sif ladhees qileetti darbittee

Kan biraattif ta'uuf ofii kee jiraattee

Jaalalaa koo hundaa qofaatti darbittee.


Anis kanaaf jechaa yoo argittee ilaalii yoo dhabdee hooma miti jechuun yaada keessa koo karaa XALAAYA JAALALAA kana akka si bira ga'uuf yaade. Ammaas taannan an sin hin dhisuu SIN JAALADHA jechuun Waalalloo armaan gadii siif barreessaa.


Osummaan baradhuu ati ofii kee dhuftee

Osummaa hin turinniis nagaa naa gaafattee

Furtuu si harkaa fudheen balbalaa siif bannee

Olee osoo hin bubulliin walliinis taphannee

Yaada garaa keenyas wallummaan qoodannee.


Osoon si jaaladhuu kunoo har'aa as ga'ee

Si wajjiin jiraachuuf hidhadheettaan ka'ee

Kannaf si jaaladhe hundaarraan si filaadhee

Har'aas akkan si hin dhisnee sirrittaan hidhadhee

Jabbaadhee dhabbaadhee,

Si walliin jiraachuuf muradhee hidhadhee!!!

HANGAA YOOMITTI? Xalayyaa jaalala kan baay'ee addaa ta'ee

Si haa ga'uu nagaan jaalalaa koo bakka ati jirtu hundaatti, Shamshamee koo guyyaan si barree kaasse hangaa yoonnatti yoon si jaaladhes ati garuu taasumaa akkan si jaaladhuus baruu hin dandeenye. Eggaa annis hangaa yoomitti bifa kanna deddebi'aa. Hngaa yoomittis abdiin si egaa? Seekondiin yerootti yeron guyyaatti, guyyaan torbeetti, torbeen ji'aatt, ji'ii walliitti dabalamee waggaa jechuun bara lakkosissee. Ani garuu, utummaan jaaladhu dhabbadheen hafee. Sochiis nan dhabbee. Guyyaa. Sin waal baree gammachuun guuttamee jireenya harraa jirachuuf abdiin guutame. Har'aas tannaan abdii kutuu dadhabbeen fannaa kee egaa bahuufi galuu keen hordofaa. Ammaa moo ammaa tole naaf jetta jechuun si barbadaa. Sila waa'ee isa galgalaa dhisiu hangaan maradhee mana bahuutti na fiigsaa yaadnifi qalbiin koo hundii sumaa yaada. Yaada qofa natti ta'ee gonkummaan si argachuu hin dandeenye. Marree egaa hangaa yoomittan si egaa??? Gaaffi kooffis yoomin deebii argadhaa? 

___________________

Namni waa'een jaalalaa isaaf galee jaalalaa hin tuffaattuu. Jaalali waan hundaa oliidhaa. Seerri waaqeffannaa kamiyyuu jaalali wantaa hundaa ol akka ta'ee ni amanaa. Sababni isaa Uummamaa ummamtoottaa kan ta'ee Gooftaa iyyuu sababaa jaalalaaf dhufee addunyaa garbummaa Seexannaa jala bilisaa basee. Kannaaf wantaa hundaa qabnee jaalalaa hin qabnuu tannaan nutti akka Sibilaa rukkunnaan iyyuutti, akkaa sbilaa iyyuuttis. Iyyuu malee fayyidaa biroo hin kenniuu jechuudha. Yoomiyyuu tannaan kan jaalalaa dhugaan jaalttee basee himachuu hin sodattuu. Basee hin himattuu tannaan maalif jaalatterree. 

JAALALAA DHOKSAA MANNA JIBBAA MUL'ATUU wayyaa. Dhoksaannii du'uu mannaa dubbaattanii du'uu wayyaa. 

Maree anis hangaa yoomitti si kadhachaa jiraadha? Moo maalif dhoksaatti na jaalattaa?

_______________


Ani baseen sitti himaadhee,

Maalif dhoksaatti na jaalattee,

Boriif jechaan si abdadhee,

Maalif daftee nan na gantee,

__________________

Lama hin tannu tokkoo malee,

Si hin dhisuu du'aa malee,

Jechuun yeroo hundaan sitti himee,

 Ammaa garuu abdii kuttuu?

Hangaa yoomi jechuu dhisuu?

_______________     

Kannaf jaalalee koo waan hundaa dhisee ammaas sin egaa hangaa yoomitti jechaa itti fufaa? Moo maal naf maalta? Hangaa ati Xalayyaa kana naaf deebistutti HANGAA YOOMITTI jechaa abdiin sin eggaa. Deebii kee hangaan argadhutti hiribaas hin rafuu abjuus hin argadhuu.

___________    

Nagaatti Kan si jaalattu,

Abdiin kan si eggattuu,

Beekumsaaf ni beektaa,

Maqaa koos ni dhoftaa,

_____________________

Abdii lammi isa jabbattaa akka abbaa isaa,

Dafee si hin dhisuu garaan na rorrisaa,

Abdiin si argachuuf obsummaan caaldhisaa,

Oromtichaa boonaa jabbaattaa mancassaa!!!

Tarkanfachuun duraa hubbannaan ejjeedhu


Ofii qabanneeffaattee Gubbanaa laphee nàaf latte,

Dhugaa koo dhoksittee Soban naa darartee,

Gaafiin si gafadhee Bakka itti sif laadhee,

Jettee na sobuun kee gaariin amaala kee,

Dubbannaan afaan kee gowomsaan gochaa kee,

Hedduu nan na dhibaa raafellee damaqee.


Xura’aa laqqatee Karaarraa erga kaatee,

Sobnii dhugaa ta’ee maaf sitti mul’attee,

Na go'omsuu yaaltee haalla sirreeffaatte,

Amaala kee gattee sobaniis of faaltee,

Kijibbaan guddattee dhugaadhaan xiqqattee,

Osoo hin argattiin garaa gumbii gootte,

Bookoktettu teesse wandaboo marattee,


Isaa sobdu maale sobaamuu kee hin beektuu,

Isa gattuu malee gatamuu kee hon beektu,

Jaalalaafis tannaan addunyaan guutuudha,

Shamaraafiis tannaan midhagduun hedduudha

Haqnii haqaadha addunyaan bal'aadha,

Jaalallo baay’eedha kee kun naaf rakkoodha!!!


Kun sirra hin eegamu dhugaan haa beekamu,

karaan adeemamuu gaddaan xumuramuun,

Jaalala bor dhumuuf haar’aa balleessamuun,

Wantaa bor argamuuf haar’aa dararamuun,

Sittin hin eggallee gabbaanii deebi’uun


Kanatti gammadare sitti garaan aarree,

Sobaaf hin jiraadhuu gadheef harkaa hin laadhu,

Eenyummaa koo dhisee kan biraa hin filaadhu,

Kan nagoottees dhisee lammuu sin jaaladhu,

Dhifamaa sin goodha akka nama tokkotti sirritti jiraadhu,

Kan si achiif garuu karaa kee filaadhu,

Jal’aadhafi qajeellaa addaan baafadhu,

Osoo hin adeemiin sitti akkeekkaadhu,

Tarkanfachuun duraa hubbannaan ejjeedhu,

YEROO HUNDAA JAALALAA


Sobatin miti dhugaan naa jaalataa,

Bastee natti himuu maalumaaf sodataa,

Kan keessa kee jiruu dubbadhuu hin Soddaattin,

Aniis dhaga'uudhaaf hin jibbuu dhagaadhan,


Isaa kan koo silaa atiyyuu ni beekta,

Baase himuu miti gochaa koon illaaltaa,

Jaalalaa laphee koos madalliidhaan beektaa,

Kannaf sinnaan jedhaa sin jibbuu jaalladha,

Si malee akka hin tannes yeroo hundaan kadhadhaa,


Ijii si ilaaltee lammuu lafa hin ilaaliin,

Onneen si jaallattee kan biraa hin hawwiin,

Jaalalaa kan biraas gonkaa hin eggaallin,

Sirra addaa bahee jiraachuu hin barriin,

Si malee argachuus tassumaa hin yaaddiin.


Dhugummaan sin jedhaa kan ati bareeduu:

Bifaan osoo hin tannee haalafi amalanii,

Jireenyaa hawasaan ilaale madallan

Hundummaa keessa iyyuu si madalaa kassaa,

Kanaaf waa'een kee bifaa qofa miti inni si keessaa hundaarraa ni caalaa.

YEROO HUNDAA JAALALAA!!!!

Waa'ee jaalalee lamani!


1) Jaalalaa dhugaan waal jaalachu isaani laman isaani iyyuu waliif beeku qabu.

2) Yeroo mara waldhageffaachu qabu.

3) Yoo tokkoo bakkeedha arree galee inni tokkoo immoo hammaa namni arree sun tasgaba'utti caaldhisufi qaba.

4) Yeroo maraa wa'ee jaalalaa isaani keessatti waaqayyon yaadachuu qabu.

5) Tasummaa falmii wan tokkoo iyyuu waliin egaluu hin qabaan.

6) Dhugaa walii beeku qabu.

7) Oduu ormaa amanuu hin qabaan.

8) Waan hundaa amanamumaan waliif rawwachuu qabu.

9) Hirriiyaa sadarkaan isaan olii yookiis isaan gadii michoomfachu hin qabaan.

10) Namni addunyaa irraa dubarti yookiin dhiraa miliyonaa ol jaalachu danda'a yookiis dandeessi, Garuu haqan dubartii yookiis dhiraa tokkoo waal jaalatan haala miliyonaan jaalala isaani waliif ibsuu qabu

Ammas si eguu moo kan biraa filaadhu?

 Karaa dheeraa deemen dhaqabee an gabaa  Nama hedduu jaalladheen si qofaaf gagabaa!!

Hedduu nam kadhachuu osoon amalaa sana qabadhee

Maalifaan si dhisaa takkaa si gaafadhee

An wantaa sana hin beeku jaallanaan jaallachuu

Sobaan hin dubbaadhu afaan mi'eeffachuun


Bara hedduu si egee jaalalaa ukkamsee

Basee yoon dubbaadhee sodaa irraanfadhee

Si jubbuudhaaf miti si walliin jiraachuuf hundaarraa filaadhe


Jaallali kan dhugaa dubbaachuuf ulfaataa

Giddiraa hedduufi aarsaa ni gaafataa

An si argachuudhaf baay'ee yoon dhama'ees

Kan koo si godhachuuf hedduu yoon dadhabees


Hin milkaa'in hafnaan maali abdiin kan koo?

Hin argattiin haafnan maali furmaanni koo?

Barbaadani dhabbuun maaf nama dhiphisaa?

Argataanni halluun maaf naa rakkisaa?

Ati kan koo yoo taate maaf si gaddisisaa?

Akkan si jaalladhu ati gonkaa hin hubbaattu

Ammas si eguu moo kan biraa filaadhu???? 

Si wajjiinis ta'un bultii ijaaradha

Jaalali dhugaan dhumaa hin qabu

Bareedinni dhugaan tasa hin darbu

Kan Waaqni eebbissee takkaa hin gabbuu

Kan ifaa mul'isuu Waaqa hundaa qabu


Akkam nagaa bultee ati nagaa kan qabdu

Baay'een si jaalladha bara baraan jiraadhu

Gammachuu jabaata ati yeroo hundaa argadhu


Dhara bahuun dadhabee Si walliin haasa'ee

Kannafaan bilbilee lamataa sadaffaa deebi'ee.

Osoon hedduu him yaaddin yaadi kee naa cimee

Akkan dhara hin bannes nan jette qabamee


Si filaachuun kiyyaa isa darbuuf miti

Jabannee jiraannee waalin bultii ijaarree

Ilmaannis horaanne sin jechuuma kootti

Yaadi kee silaa gonkaa nan teesisu

Karaa deemu hundaa ijaan si barbaadaa

Kanan arguu hundiis sumaa natti fakkataa


Sobaa kan hin qabnee dhugaa isan dubbaadha

Enyumaa olittis hedduun si jaalladha

Jireenya koo boorif hedduun si abdaadha

Nagaan naaf jiraadhu ani egeree keedha

Barri yoo fagattees gaaf tokkoon si fuudha

Si wajjiinis ta'un bultii ijaaradha!!!

Maal si goonaan deemte osoon ani si gorsuu?

Ergan si jaaladhee jaarraa lakkoofsise

Dubbadhee sitti himuun garuu na rakkise

Kabajan siif qabuuf yaaddootti of hambisee

Baasees hin dubbanne keessa koottan dhiise


Garuu yeroo booda atis na hubattee

Akkan si jaaladhu haalakoo irraa bartee

Jaalalaa fi sodaa keessakootii agartee

Natti dhidhiyaatte irruma dabartee


Walitti dhiyaannees yaada waliif qoodnee

Yeroos waliif laannee waliin tattaphannee

Wajjin baanee gallee wajjin dhugnee nyaannee

Osoo hin dubbatiin gochaan Wal jaalanne.


Anis ariifadhee'sin jaaladha' hin jenne

Afaan na hidhamus yaadaan sin daganne

Ati garuu...........

Gochaakoo dagattee arrabakoo ilaaltee

Cinaatti na gattee ormaaf karaa laatte 


Anis yeroo booda aaree bulgaafadhee

Jaalalakoo baasee yeroon si gaafadhe

Ati ustee turraan kan biraan jaaladhe

Jettee yoo dubbattu an baay'een saalfadhe.


Kufta-cabda jedheen osoon si kunuunsuu

Akka daa'imaatti osoon si hurursuu

Kabajan siif qabuuf isan hedduu obsu

Maal si goonaan deemte osoon ani si gorsuu?


Akkan si jaaladhu hoo sirriitti ni beekta

Dubbii afaanii qofaa maaliif narraa eegdaa?

Jaalalan siif qabuhoo gochaan koo sitti hima

Ani siifan gaggaba,siifan wareegama jechuunkoo dirqamaa?

An sifan ummame kan bira hin barbaaduu

Baay'een si kadhadhe jaalalaf qophessee 

Si hin jibbuu jechuun abdii kutuu dhiisee 

Yeroo kamuu sin jibbuu si midhee sin dararu

Siif waanta bira mitii lubbuun nan mararu


Dhugaan naa jaallachu kee dura taa'ii hubadhuu

Si gammachiise tanan lubbu koo fudhadhu

Onneerraa sin jaalladhe ergaan si kaa'ee gubaa

Garaa si jibbu hin qabu naa dhiitu iyuu akka kubbaa


Onneen si jaallatee sagal bibir'ataa

Eessaa koo jibbite ittii kuteen gataa 

Kotuu naa dhungadhuu samuun naa boqataa 

Iftii kee addeessaa mul'atni kee adduu

Jallalii kee yommuu keessaa kiyyan baduu

An sifan ummame kan bira  hin barbaaduu!!!

NAMA TA'U YOO BARBADEE!

1 Jechaa Obsaan Dabarsii!
2 Beela Kolfaan Dabarsii!
3 Rakkoo Taphaan Dabarsii!
4 Yeroo Hojjin Dabarsii!
5 Amma Bakka Galmaa Kee Gessutti Jaalalee Qabaachuf Hin Ariifatin!
6 Akka Naman Ta'a Osoo Hin Taane Akka Koon Ta'aaf Hojjedhu!
7 Hiriyyaa Hin Baay'issin, Sabaabni Isa Hiriyyan Nyaattu Yerootti!
8 Yaada Hin Baay'issin, Sabaabni Isa Yaadni Nyaattu Sammutti!
9 Galmaa Kee Gahuuf Rabbin Kadhaadhu!
10 Yeroo Dadhabdee Xiqqoo Boqod

Bareedni kees adda si ilaalees hin quufu


Najjoo marsee roobe arjo gubbaa cabbii

Yaadni kee na koobe akka gubaa jabbii

An siinan damboobe isa dhugaa Rabbii!


Amboo roobee jiisnaan Maqaleerraa caame

An xaxadhee ciisnaan urrrarraa nawaame

Akka caba lafee lubbuutti nawarga

Halkan baddaa rafee dakattan of arga


Yoom dhuftaa keen eegaam akka diyaaspooraa

Ana nama deegaaf taphatteetta shoora

Yeroon si daawwadhu nyaara keetu kuula

Danda'een dhaabbadhu dachetu naan guula


Miira kootu madda foolii kee yoon suufu

Bareedni kees adda si ilaalees hin quufu♥

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...