Gudariin Amboottan darba
Nattii odeessa warri Baakkoo
Nattii odeessa warri Baakkoo
Jaalalli kee midhee naa taassissee saree
Jaalalaan na miitee callisu filatte
Rabbii sif haa lattu kan ati naa gootte.
Jaalalaaf bakka kennun maaf sitti hir'attaa?
Dhugaa an sitti himuu maaf dhara fakkata?
Dhugaan si jaalladhe simadhu fudhadhuu
Baal'isii itti yaadi bakka itti naaf laadhu!
Qufa'uu dadhabee na axxifachiisaa
Hiriyaan dhokfadha suman na yaachiisa
Dhibee dawwa hin qabne na keessatti argamee
Booda akka waa hin jenne ergan an dhabamee!!!
Oonnee wal jaallateef qorichii maaliree?
Gaafa ati na cuftee an na'een wareeree
Waaqayyoo naa cimsuu jedheen of abaaree
Sii dhiisee deemuudhaaf gaaran naa darraree!!!
Soonaan jaalalaa kee guddaa natti argamaa
Naa jaaladhuu jechuun shamshamee dirqamaa!
Barbadaanni argachuuf mirgaa bilisummaa
Dhabbaannii rakkachuun anaammoo biyyummaa???
Simbirroon sun gaaffii akkas jedhu kanniisa sana gaafate. "Erga itti dadhabdee, baay'ee dhamaatee, damma dammeesitee booda namni damma kee si jala hatee nyaata. Kun miira keessa si galchee sin aarsu?" jettee gaafatte.
Kannisni sunis akkas jechuun deebisteef "Waan tokkoyyuu nan aarsu. Sababiin isaa, namni damma koo hatuu danda'a malee ogummaan ittiin damma dammeessu hatuu hin danda'u" jettee deebisteef.
Kanaaf;
➥ Namni waan si keessa jiru, ogummaa Waaqni si keessa kaa'e argee itti fayyadamuu danda'u si qofa dha. Namni biraan gahuumsa dhokataa keessa kee jiru baasee fayyadamuu danda'u hin jiru.
➥ Namni waan ati of keessaa baastee hojjette, itti fayyadamuu danda'a malee, waan ati of keessatti ukkaamsitee irra teesse irraa fayyadamuu hin danda'u.
➥ Kanaafuu, ogummaa keessa kee jiru, gahuumsa dhokataa keessa kee jiru, isa eenyumtuu si jalaa hatuu hin dandeenye kanaan hojjedhu ofiif, dhalootaf bu'aa ta'i!
Of faana yeroo qabaachuun, hawaasummaa fayyaalessa horachuuf bu'uura! Waanti dagatamuun namarra hinjiraanne, of faana yeroo qabaachuun qofummaa hawaasummaa miidhurraa adda. Shaakalli of faana yeroo qabaachuu bu'uura hawaasummaa ta'uurra darbee hawaasummaa hin faallessu, hin miidhus. Hawaasummaa sirriin keessaa eegala. Nama of faana walii galetu maatiisaa waliin nagaan jiraata. Isuma kanatus hawaasummaa fayyaalessa qabaata. Eeyyeen, namni of faana walii hingalle yoomuu walii hingalu.
Qofummaan of faanaa, yeroo of abuuruuti! Ciminaafi dadhabbina, bu'aafi kasaaraa ofii yeroon itti herregatan yeroo kana. Yeroo itti sakatta'insi keessaa gaggeeffamudha. Kan gad taa'ee of sakatta'etu of argata. Abuurraa keessoo! Kan of abuuretus waa abuura. Qofummaa of faanaa qabaachuun of haa abuurru.
Qofummaan of faanaa, yeroo karoora jireenyaa itti baafatanidha! Jireenya dhuunfaa kan namaaf jiraatu hinjiru-abbumasaatu jiraatata. Kanaafuu, of faana ta'anii haalaan karoora itti baafachuun gahee abbaati. Kana gochuun egaa yeroo qofaakee si barbaada.
Of faana yeroo qabaachuun yookaan qofummaan of faanaa, ofitti amanamummaaf bu'uura! Yeroo baay'ee ofitti amanamummaan shakkii keessa kan galu yeroo of faana walii galledha. Namni walii faana walii hingalle osoo hinmurteessiin bakka itti ofitti amanamummaan isaa qoramu deema. Garuu osoo dursee yeroo dhuunfaa isaa of faana qabaatee, murtee dirree dorgeen dura irratti ta'u ofii murteessee ofitti amanamummaan isaa madaalaa gad hinta'u. Kanaafuu, of faana yeroo qabaachuun hundee ofitti amanamummaati.
👉Gabaabummatti, of faana yeroo qabaachuun kaayyoofi! Qofummaa amaleeffatame irraas adda. Hariiroo keessoo fayyaalessa, hawaasummaa hawwataa, of sakatta'anii of beekuufi ofitti amanamummaa nama gonfachiisa. Of faana yeroo qabaadhu!
➨ Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama'i! Dhamaatii fi milkaa'inni kee hiika abjuu keeti.
➨ Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta'uun hin jiru waan ta'eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata.
➨ Jalqabni Milkaa'ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu'is miti, si'uma si'i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji'a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee.
➨ Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname.
➨ Diina ofiitii gadi ta'anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru.
Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati.
➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!
Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...