Showing posts with label galateeffadhu. Show all posts
Showing posts with label galateeffadhu. Show all posts

WALQUNNAMTII SAALAA YEROO LAGUU


☑️  Laguun badhaasa uumati. Akkuma harganuu, nyaachuu sirna uumamaa keessaa isa tokkoodha. Taatee ji'aan uumaa walakkaa dachee kan ta'an shamarree keenya muudatuudha. Laguun (menstruation) jechuun omaa jechuu miti. Laguun waan lagatamuu qabu miti. Gaafa ulfi dhabame ciccituu dhuma sararaawwan gadameessa haguuganiiti. 

☑️  Garuu immoo sirna uumaa bareedaa kana maqaa balleessin irra tuullame xiqqoo miti. Dhiira mitiitii dubartiinuu yaada dogongoraa aadaa hawwaasa kanaaf saaxilamteerti. Hanga dubartii ta'anii uumamuu isaanittirree kan qaana'an baay'edha. Addunyaa irratti yeroo laguun itti dhufe hawaasa keessaa kan of baasan miliyoonan lakka'amu.

☑️  Dubartiin laguun itti dhufe dhiira walqunnamtii saalaa wajjin raawwachuu hin feene laguutu narra jira jetteet yeroo dabarsiti.  Ispoortii hojjachuu yoo hin barbaannes torbanuma torbaniin barsiisaa ispoortii kan gowwomsitu guutte. Kana kan gootuf kaa laguun waan fokkisaa fi jibbisiisaadha kan jedhu waan amantee fudhatteefi.

☑️  Laguun normal ta'e tokko akkuma bishaani qulqulludha haalluu isaatu diimadha malee. Foolii badaa hin qabu yoo dubartittiin rakkoo biraa qabaatten ala. Yoo qaamarra bubbule garuu akkuma dhiiga kamiiyyuu foolii godhachuu danda'a.

☑️  Dhiirri jaalallee/niitii isaa sirritti jaallatu yeroo ishiin laguurra jirtu walqunnamtii saalaa wajjin raawwata. Ammam akka ishii jaallatu ragaa ba'aaf. Osoo itti hin boonne haadha manaa isaa waliin yeroo laguu walqunnamtii saalaa dhiirri raawwatu dhiira miira isaatif osoo hin taane jaalallee/niitii isaatif yaadudha. Kuni garuu dhiira jarjaree humnaan dubartii laguun irra jiru waliin walqunnamtii saalaa raawwatu hin ilaallatu. 

★  Faayidaa walqunnamtii saalaa yeroo laguu:

☑️  Dhukkubbii yeroo laguu nurraa ittisa. Miiraa keessa seenanii gammaduun dhukkuba nama irraanfachiisa. Gadameessi yeroo laguu waan kottoonfatuuf dhukkubbiin nutti dhaga'ama. Yeroo fedhii keenya ba'annus waan kottoonfatuuf dhukkuba kana ni balleessa.  Mataa dhukkubbii irraa ni ittisa. Yeroo laguu mataa dhukkubbii cimaan dubara tokko tokko darbee ni muudata.

☑️  Mukaa'uu ni balleessa. Yeroo laguu akkuma beekamu dubartoonni ni mukaa'u, haalli itti hin tolu, ni ciciinqamu. Yeroo walqunnamtiin saalaa raawwatamu sammuun keenya kemikaala maddisisuun miirri gaarin akka nutti dhaga'amu godha. Sirritti miira keessa seenanii fedhii ofii ba'uu caala maaltu mukii nurraa balleessaree.

☑️  Guyyaa laguun keenya nurra turu nuuf gabaabsa. Dubartii taanee laguun keenya akka nurra turu hin feenu. Kanaaf walqunnamtii saalaa yeroo laguun nurra jiru raawwachuun maashan keenya kottoonfachuun yaa'insa ariitin isaa akka dabalu gochuun dafee akka nurra dhaabbatu godha.

☑️  Fedhii walqunnamtii saalaa ni kakaasa. Yeroo laguu jijijjiirramuu hoormoonitiin walqabatee fedhiin miira keenya kan duraan nun feesiisne yoo ta'e amma sababa kanaaf fedhii horachuu dandeenya.

☑️  Laguun kun akka laaffisoo (lubricant) nu fayyaduu danda'a. Dhiigni yaa'u kun nafsaala dubaraa laaffisuun nafsaalli dhiira dhiibba tokko malee akka sosocho'uuf carraa argata. Nafsaalli dubaraa kan yeroo kaan goggogdee walqunnamtii saalarratti dhukkubbiin itti dhaga'amu sun amma sababa laguutin waan jiituf rakkoon kun ni furama.

⚠️  Walqunnamtii saalaa yeroo laguu raawwatamuuf ulaagan guuttamuu qabu:

☑️  Dubartiin laguun irra jiru walqunnamtii saalaa raawwachuuf gaafa murteessitu wantoota akka moodeesi fi waanuma akka laguu xuuxuf godhatte kamiyyuu dursitee ofirraa baasuu qabdi. Modeesin kan akka forgotten tampon faa osoo hin baafne walqunnamtii saalaa raawwannaan nafsaala keenya keessa waan olbaduuf isa baasisuuf jecha gara buufata fayyaa waan nu geessuf dursinee ofirraa baasun murteessadha.

☑️  Uffata biraa sireerra hafuu. Yeroo laguu akkuma beekkamu dhiigni ni yaa'a. Kanaaf uffata irra bullu dhiigan balleessuu hin qabnu. Kanaaf amma nuu danda'emetti uffata dur irra ciisnurra waa biraa uwwisuudha.

☑️  Mana shaaworiitti raawwachuu. Dhiigni Walqunnamtii saalaa yeroo laguu ni yaa'a. Kan dubartoota tokko tokkoo immoo baay'isee yaa'u danda'aa

Namni waan qabuutti galateeffachuu qaba.


Namni waan qabu irratti galateeffachuu hin dandeenye yoomillee waan hawwus argatu hin galateeffatu. Wanta hin qabne ilaallee galataaf hongoomuu caalaa,kan qabnu lakkaawuu yoo eegalle jireenyi keenya dinqii fi raajii ta'a.   

Tarii rakkoolee adda addaatin marfamtee humna ittiin galateeffatu dhabuu dandeessa,garuu hamma fe'es hammaatu wanta itti galateeffattu hin dhabdu. Qabeenya hin qabdu yoo ta'e fayyaa keef galateeffadhu,meeqatu mana yaalaa ciisaa jira,rakkoo fayyaa qabda yoo ta'e humni fayyina GALATA keessa jira waan ta'eef lubbuun jiraachuu keef galateeffadhu. Ija onnee keetii yoo bante wanta itti galateeffachuu dandeessu heddutuu si marsee jira. 

Al tokko galateeffannaa amala kee yoo godhatte wanti ati itti galateeffachuu dandeessu si marsaa deemu,wal horaa dhufu. Kun seera harkisaati,seera uumaa(The law of nature).Ani ammatti lubbuun jiraachuu koof nan galateeffadha,harganuu koof nan galateeffadha,atihoo maaliif galateeffatta?

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...