Erga dagatame tahuus bara hedduu
Tasa deebi'eera taatee mara gidduu
Gaafa san waan tahe yoon nan hima jedhe
Jaalalti mucayyoo waan inni na godhe
Guyyaa gaafa duraa gaafa na jalqabu
Nan qabamen seene yaada saas hin qabu
Guyyuma tokkotti tasa natti dhufee
Hangamuu kadhadhus miila jala kufee
Akkaan ol hin kaanet kaballaa na cufee
Anoo waansaan beeku waan ijji koo tahe
Barbaachi waan tahee climax gahe
Ajaja koo dhiise humna koo ol tahe
Deddeebi'ee laala daangaa meeqa cehee
Nama mana guute tokko arguu didee
Gara san na dirqa humna jabaa fidee
Guyyaadhuma tokkoon ibidda na hide
Erga guyyaa sanii baay'uman barbada
Daqiiqaaf sekondii mara isuman yaada
Yeroon dubbisuufii taa'us nama keessa
Hirriibaaniis tahu halkan walakkeessaa
Isiidhuma yaaduu halakaniifi guyyaa
Waa'ee shee xiinxaluu tahe hojiin kiyyaa!
Of keessaa gad baasee namatti hin himu
Humna koo ol tahee hangamuu na cimu
Ilkaan ciniinnadheen ofiikoon of gubaa
Dhibee falan qabneen ofumaaf of huba
Kuni jaalala moo nat himaa dhukkubaa?
No comments:
Post a Comment