Showing posts with label falasmaa. Show all posts
Showing posts with label falasmaa. Show all posts

Gaaffilee Sooqiraates sadan


Namticha tokkotu, kutaa Sooqiraates itti boqotu dhaqee akkas jedheen: "Sooqiraates michuuko, waa'ee hiriyyaakee 'abaluu' waantin dhagahe natti hin tolle" jedhaan. 

Sooqiraates, booratiisaatti akkuma hirkateen, deebii osoon kenniifiin cal jedhe. Namichi ammas, "ajaa'iba! kun isarraa hin eegamu" jedhe, hidhii akka xuuxetti, huuruu bitaaf mirgatti raasaa!

"Namtichi kun salphaatti nan gadhiifne" jechuun, Sooqiraates, walii galtee tokko dhiyeesseef.

"Waa'ee  hiriyyaa koo, kan natti himtu sanaa, akkan dhagahu yoo feete, gaaffilee sadii durseen si gaafadhaatii tartiibaan naaf deebisi," jedhaan.

 Namtichi odichaaf ariifatus, filannoo biraa waan hin qabneef itti walii gale. "Gaaffiin jalqabaa waa'ee dhugummaati," jedhe Sooqiraates, "Waa'ee  hiriyyaa koo, kan dhageesse, dhibbaa dhibba dhugaadhaa?"  Namtichis, "dhibbaan dhibbaallee dhugummaasaa hin beeku" jechuun,  qana'aa, deebiseef "Baheessa! Kan nat himuuf kaate dhugummaa kan hin qabnedhaa jechuudha. Tole, gaaffiin lammaffaa waa'ee gaarummaati, kan nat himuuf jettu kun gaarummaa ofkeessaa qabaa?" jechuun Sooqiraates ammas gaafachuu.

Namtichis, "Waan gaariihoo miti" jennaan, Sooqiraatesis, "dhugummaansaa kanin mirkanoofne, gaarii kan hin taane natti himuu barbaadde; haa ta'u, gaaffii sadaffaa fi isa dhumaa sin gaafadha; Kan natti himuu kaate sun waan na fayyadudhaa? jennaaniin, Namtichimmoo, "lakki! lakki faayidaallee siif hin qabu," jechuun lafa laale.

Yoona kana Sooqiraates, "mee akkamiinan, dhugummaansaa kanin beekamne, gaarii kanin taane, anaan kanin fayyadne, si dhaggeeffachuu   danda'a; sokki na biraa sin dhagahu" jedhee jedhama! Meeqan keenyatu, kan namni nutti odeessu ykn odeessinu dhugaa, gaarii fi faayidaa qabeessa ta'uusaa calalla? Fulduratti waan dhageenyuufi dubbanuf, gaaffilee Sooqiraates sadan kana ulee safaraa haa godhannuun dhaamsa kooti!

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...