JIREENYA KEE KEESSATTI YEROO HUNDUMAA SAMMUU MO'ATAAQABAADHU

 


Namoonni moo'ichaa namoota mul'ata qaban qofaa miti, raawwii mul'ata isaaniif kan isaan deeggaru sammuu moo'ataas qabu! Sammuu moo'ichaa qabaachuu yoo baatte, mul'ata kee fiixaan baafachuu hin dandeessu. Akka nama sheekkoo haasa'uutti mul'ata kee namootaaf seenessaa hafta malee, Tarkaanfii barbaachisu fudhattee galmaan ga'achuu hin dandeessu. 

sammuu moo'amaadhaan hojii moo'ichaa hojjechuu hin dandeessu.Dirree dorgommii kamuu seenuun mo'achuuf yaaluun gowwumaadha. Mo'achuu fi moo'amuun sammuu kee keessa jiru.Murteessaan filannoo keeti.Lachuu keessaa tokko filatta; akka filatte taatas. 

Namoonni hedduun mul'ata gurguddaa qabu,sammuu moo'ichaa garuu hin qaban.Rakkoo xiqqoof mo'amu.Waan amanuu qaban dhiisanii waan amanuu hin qabne amanu. 

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...