JIREENYI IMALA MALEE GA'UUMSA MITI- LIFE IS JOURNEY,NOT DESTINATION


❍Qotee bulaa tokkotu ture. Maqaan isaas Haafiz jedhama.Innis sooressadha kanaaf gammadeetu jiraata.qabaa waan ta'eef.Ooyruu qonnaa tokkoo fi sa'a tokko qabaatus takkaa gaddee hin beeku gammadaadha,Garuu guyyaa tokko Hayyichi tokko itti dhufee akkana jedheen"ilaa ati osoo warqii hamma qeensa koo kana argattee abbaa qabeenyaa taata,osoo kan quba koo kana gahu argattee immoo biyya kana bulchuu ni dandeessa"jedheen. Galgala sana irraa kaasee qotee bulaan kun ani dhabaadha sooressa ta'uun qaba ofiin jedhe. 

Kanaafis guyyaa irraa itti yaaduu eegale.Akkamitti akka warqii hamma sana argatutti sammuun isaa boqonnaa dhabe.Ni yaadda'e,gammachuu dhabe.akka hiyyeessattis of lakkaa'ee. 

❍ Gaafa kana ka'ee lafaa fi mana qabu nama ollaa isaatti gurguree deemee warqicha barbaaduuf murteesse.Gurgurees maallaqa hanga tokko maatii isaatiif kennee manichuma keessa nama kana bira akka jiraatan godhee warqicha barbaada sokke.Deemee warqii kana ardii Afrikaa qaxxaamuree Awurooppaa guutuus barbaadee dhabee maallaqa lafa gurgurees fixee qaamaanis miidhamee waan jiruuf maatitti yoo gales maalitti akka galu dhabee utuu of jibbee deemuu galaana Meeditaraaniyaatti of ajjeese. 

❍Namtichi lafa isaa irraa bite kun takkaa ani hiyyeessa jedhee hin beeku.obsa waan qabuufis,jireenya keessa wanti hunduu jira jedhee waan yaaduuf,hin jarjaruu.nama gargaaruunis isatti hin ulfaatu ture. 

Namtichi kun guyyaa tokko osoo laga ooyruu isaa jala yaa'u bira sa'a isaa tikfatuu dhagaa bareedu wayii argatee manatti fuudhee galche.Guyyaa biraa hayyichi ni dhufe. Akkuma olseeneen"Haafiz ni dhufee" jedhee gaafate.Namtichi lafa Haafiz bitee"maaliif jette?"jedheen. 

Hayyichis"warqii kana barbaaduu deeme,isatu argee dhufe jedheeti"jedheen.Namtichi Haafiz akka hin dhufiin itti himee dhagicha gaafa qoratan Warqii qulqulluudha.Garuu kan nama dhibu ooyruun kunis guutuun dhagaa kanaan akka guutamte argani gaafa qoratan jechuudha"

❏ Ilaali!Inni yeruma tokkotti duroomuun akka milkaa'ina jireenyaatti ilaale ni du'e.Jireenya isaatti gadduun warqii xiqqoo barbaacha lafa warqiin guutamte dhabee ofis dhabe. 

❏ Ga'uumsi jireenyaa du'a ta'uu nu argisiise.Garuu inni jireenya jiraatutti gammadaa ta'ee jiraate,jireenya isaa gammachuun dabarse. Haala irra jiraatu irratti gammadaa ta'ii. 

❏ Kanaafuu Jireenyi imala nuti jireenya keenya keessatti gammachuudhaan jiraannudha.

 

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...