HIN KEESUMMEESIIN


Waraabessa gara jabeessa tokkotu mandara wayii keessa jira ture, gaaf tokko waraabessi kun Horii (saawwan)mandara sana keessa jiran nyaatee fixuuf ka'e. Namoonni nannoo sanaas gara jabummaa waraabessa sanaa arganii isa waraananii ajjeesuuf murteefatanii waliin mari'atani.

Akkuma jedhanis walii galani gamaf gamasiin eeboo qabatanii osoo barbaadanii naannoo ta'e keesatti arganii kallattii hundaan itti marsanii gara isaatti fiigaa dhufani. Waraabeessi kunis dhaabadhee hin ilallu jedhe kallatti barbaaddatee fiigee Mana qaalittii abbaa mana hin qabneetti fiigee balbala rurrukutee "warrakoo maaloo mana narraa banaa?" jedhe.

Haati manaa ilma ishee tokkittii wajjin jiraataa turte kunis " mal maal taate ?" jettee gaafatte. innis "Maalo na ajjesuuf na ari'aa jiru mana keessa na dhoksi" jedheen.Ishenis ol galchitee mana keessa dhoksite. Jarri Waraabeessicha ari'aa turan faana miilasaa hordofanii yommuu mana sana bira gahan faanni miilasaa bade Balbala manichaa rurukutanii "jara manaa waraabessi tokko as mana keessa jiraa ?"jedhanii gafatan haati manaa kunis "as hin jiru" jette. jarris shakkanii "maalo nutti himi faanni miilasaa as gahee bade bitaas mirgas hin deemne asumatti dhaabate" jedhani isheen garuu jabeesitee "Gonkumaa an hin argine" jettee sobde dhoksite. 

Bulee boromta isaa Waraabessi kun guyyaa waan ta'eef bosonatti galuu barbaadee garuu waan sodaateef achuma bule. Gaafa guyyaa lamaffaa baayyee waan beela'eef galuu barbaadee ammas waan sodaateef achuma ture. Beela isaa obsuun waan itti ulfateef osoo haati mucaa bakkee jirtuu mucaa ishee cacabsee,ukkamsee nyaate. Haati mucaa yommu bakkeedhaa ol galtu mucaan hin jiru. Waraabesichi gaarii waan itti fakkateef isa hin shakkine turte.Ammas garuu Waan beela'eef hamuummachuu jalqabe utaalee miila qaalittii kanaa qabate.  isheenis yommus mucaashe kan nyate akka isa ta'e bartee humnaf sagalee qabduun"Uuuuuuuuu maaloo naa birmadhaa" jette iyyite. 

Namoonni ollaa kaleessa Waraabessicha barbaadaa turanis "mal mal maltu ta'e" jedhanin. isheenis iyyaa guddaan"Waraabessa kaleessa mana keessa dhoksee ture mucaa koo nyaatee anatti darbuufi maalo naaf birmadhaa" jette iyyite namooni sunis kaleessa maliif dhoksite harra maliif baafte jedhanii gara manatti deebi'ani. 

Cubbuu ofitti keessummeesitee of keessa dhoksitee isa faana firoomtee hin taa'in,ofirraa ari'adhu, of ta'ii jireenya kee jiraadhuu.cubbuuf ofiin kennin Hojiinsaa ajjeesuu fi balleessuu waan ta'eef gaaf tokko si balleessaa hin_keessummeessin ofirra ari'adhu.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...