Dhugaa koo dhoksittee Soban naa darartee,
Gaafiin si gafadhee Bakka itti sif laadhee,
Jettee na sobuun kee gaariin amaala kee,
Dubbannaan afaan kee gowomsaan gochaa kee,
Hedduu nan na dhibaa raafellee damaqee.
Xura’aa laqqatee Karaarraa erga kaatee,
Sobnii dhugaa ta’ee maaf sitti mul’attee,
Na go'omsuu yaaltee haalla sirreeffaatte,
Amaala kee gattee sobaniis of faaltee,
Kijibbaan guddattee dhugaadhaan xiqqattee,
Osoo hin argattiin garaa gumbii gootte,
Bookoktettu teesse wandaboo marattee,
Isaa sobdu maale sobaamuu kee hin beektuu,
Isa gattuu malee gatamuu kee hon beektu,
Jaalalaafis tannaan addunyaan guutuudha,
Shamaraafiis tannaan midhagduun hedduudha
Haqnii haqaadha addunyaan bal'aadha,
Jaalallo baay’eedha kee kun naaf rakkoodha!!!
Kun sirra hin eegamu dhugaan haa beekamu,
karaan adeemamuu gaddaan xumuramuun,
Jaalala bor dhumuuf haar’aa balleessamuun,
Wantaa bor argamuuf haar’aa dararamuun,
Sittin hin eggallee gabbaanii deebi’uun
Kanatti gammadare sitti garaan aarree,
Sobaaf hin jiraadhuu gadheef harkaa hin laadhu,
Eenyummaa koo dhisee kan biraa hin filaadhu,
Kan nagoottees dhisee lammuu sin jaaladhu,
Dhifamaa sin goodha akka nama tokkotti sirritti jiraadhu,
Kan si achiif garuu karaa kee filaadhu,
Jal’aadhafi qajeellaa addaan baafadhu,
Osoo hin adeemiin sitti akkeekkaadhu,
Tarkanfachuun duraa hubbannaan ejjeedhu,
No comments:
Post a Comment