Gabaa gammachuu jireenya keessatii

Gabaan gammachuu eessa? Karaa isa kamtu geessa? Kaani, Gammachuu dhalcheet Abbaa Gammachuu ta'a Ogeessimmoo iyyaafateet Gammachuu bira gaha!


Dhalli namaa du'a gosa lamaa du'uu danda'a. Mee dursa du'a isa lammaffarraan ka'a. Duuti namaa inni lammaffaan du'a boollaa gadiiti; kana, dabareetu burreedha malee, namni kamiyyuu jalaa miliquu hin danda'u;  Kun taatema uumama yoo ta'u "rabbi jalaa si haa baasu" hin jedhamu. Sababnisaas dhaloonni itti aanu akka dhufu feena taanan, nuyis bakka gadhiisuufiin dirqama.

Duuti inni tokkoffaafi kan baay'ee nama gaddisiisu du'a isa boollaa oliiti; Namoonni tuuta kana keessa jiran, warra eenyuummaasaaniitti saalfatanidha. Warri akkasii saba, afaan, bifa, dhaabbii, maatii fi bakka irraa dhalatanitti qaana'aa jiraatu; Namoonni hundi waa'eesaanii waan yaadaa oolu itti fakkaata; waantoota jijjiiruu hin dandeenyetti dhiphachaa oolu; Miira, jechaa fi haala namaa tilmaamuun hiika itti kennaa jiraatu. Furtuun gammachuusaanii borsaa namoota biraa keessa jira. Namoonni akkasii osoo homaa hin hojjetiin, du'aan du'atti darbu. Du'a isa lammaffaafis saffisa dabalu!

Namni ofiisaa of hin fudhanne namnis hin fudhatu; waaqnillee hin simatu; Jalqabumaa ofiyyuu gateera waan ta'eef kaaniinis ni gatama. Garuu gaafa ofargate jireenya haaraa jiraachuu eegala; Kan baay'ee nama ajaa'ibu garuu ilaalchi kun umurii naannoo afurtamaa booda nama biraa haafuusaati. Achirra yeroo gahan, eenyuullee dhimma namaa akkan qabne hubatu; dhimmi guddaan yeroo sanaa, Hanga ammaa maalan hojjedhee? dhalootaaf maalan kaa'e? addunyaa kanaaf maalan gumaache? ...jireenyikoo, bultiinkoo, qabeenyikoo kan ollaa fi hiriyyootakoo biratti maal fakkaata ? fi kkf irra malee dhimma waa'ee hin baasne sekoondiifiyyuu hin yaadan; hin yaadatanis.

Garuu maal godha! kan kana quba qabu nama hunda miti; Baay'oliin yeroo hojjechuufi jiraachuu qabanitti du'a boollaa oliirra waan turaniif yeroo balleessaniif quba nyaatu; yeroonimmoo duubatti hin deebitu; Osoo haasofnuu, namni hanqina beekumsaa waan qabuuf ofgateetu jireenya qannoo barbaacha fiiga; namni akkasii dhibee cimaa wal'aansa barbaaduun qabameera. Yaalli isaaf ta'u dursa of argachuu qabaadha! Yoo sana ni fayya; achii jireenyi dhamdhamashee mirgistiifii!

.... Eyyeen, of fudhadhu dursa! Hangafa milkaa'inaa santu isa!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...