Dr. Myles Munroe kitaaba isaa "POWER of VISION"


Dr. Myles Munroe kitaaba isaa "POWER of VISION" jedhu irratti waa'ee mul'ataa akkana jedha;

Mul'anni maddaafi abdii jireenyaati. Kennaan kennaa caalu dhala namaaf kennaame kennaa mil'achuu osoo hintaane kennaa mul'achuuti. Mil'achuu yookaan ilaaluun dalagaa ijaati; mul'anni garuu dalagaa onneeti. Ijji ilaalu hedduudha; kan argu garuu muraasa. Waanti lafa kana irratti jabaa yookaan bu'aa buusu hundi, kan mul'ata malee dalagame hinjiru. Argannoo garagaraa, guddina ajaa'ibsiisaafi waantota addunyaa kanaatti boca godhan kamuu yoo fudhanne, maddi kunneen hundaa mul'atadha. Qaroominni hedduun dhalatanii kan guddatan kaka'umsa gaggeessitoota mul'ata qabaniini. Hawaasummaa, diinagdee, siyaasa, aartiifi bobboca, saayinsii fayyaafi walii galaa hundaaf maddi mul'atuma.
 

Kanaafuu, jiireenya mul'atan hoogganame haajiraannu! 

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...