Showing posts with label Amanamuun. Show all posts
Showing posts with label Amanamuun. Show all posts

❤️ JAALALA ❤️


🔴 Namicha tokkotu ture. Gaaftokko osoo karaa deemaa jiruu maangoo baay'ee bareedduu tokko argee. itti siqees kutate, baay'ees isatti toltee, nyaachuufis baay'ee gojomma'e.

🟢 Garuu waan tokko yaadate, haadha manaa isaa baay'ee jaallatuuf fuudhee galuu barbaadee, fuudheefis gale. Haati manaa isaas akkuma galeen nyaata baay'ee mi'aa ta'e dhiheessitee taa'itii nyaadhuu jetteen. Innis battaluma sana harka isaa kiisitti kaa'ee maangoo sana baasee waan kana siifan fide nyaadhu ittiin jedheen.

🔴 Isheen gammaddee harkaa fudhatte. Golatti galtee gaggaragalchitee ilaalte. Achumaan mucaa ishee baay'ee jaalattuu tokko yaadatte. mucichaafis kennuu yaadde. mucaa isheetiifis geessitee kennite. Mucichis baay'ee gammadee harkaa fudhatee yommuu ilaalu isattis baay'ee bareede. Mucichis geessee abbaa isaatiif kenne. Abbaanis baay'ee ajaa'ibsiifate. Harkaa fuudhee iddoo sadiitti kutee. Hundumti isaanii nyaatanii gammadan.

🔵 Jaalala jechuun nama harkaa fudhachuu osoo hin taane waliif kennuunis ni hogganama. Gammachuun, gammachuu nama harkaa fudhachuu duwwaa osoo hin taane namaaf kennuudhas.

➾ Waaqayyoo Jaalala dhugaa  nuuf haa kennu🙏

➾ Barri keessan kan jaalalaan ife isiniif haa ta'u!

Dubartiin Tokko Durbummaa Qabaachuu fi Dhiisuu Ishii Akkamitti Beekna?


◉ Jaalalleen kee ani durbummaadhanan jira jettee sitti kakachuun ishii waan hin oolledha. Garuu osoo walqunnamtii saalaa hin goone haaluma salphaa ta'een dubartiin tokko durbummaa akka qabdu fi hin qabne adda baafachuu dandeessa.

➊ Gammadduu yoo taate : Yeroo ati waa’ee jireenya boruu itti haasoftu ishiinimmoo diddeetuma waanuma har’aa qofaan gammaddi taanan shakkisiisadha. Har'uma kana addunyaan ishii. Sababiin isaas walqunnamtii saalaa waan jalqabdeef hoormoonii gammachuuf ta’u oomishuu eegalteerti. 

➋ Harma : Harmi dubartii durbummaa hin qabnee kan yeroo kamiirrayyuu ni jajjabaata. Yeroo ati kissing gochaa harkan immoo harma ishii sukkumtu kan danfitee miira keessa galuun ija dunuunfattu taanan intalli tun durbummaa waan qabdu hin se’u.

➌ Fiixee Harma : Dubartiin kana dura walqunnamtii saalaa yoo gootee jiraatte yoo ati fiixee harma ishii tuqxe miira keessa galti. Garuu durbummaan yoo jiraatte miira keessa hin galtu, ofirraa si darbatti. Yeroo ati caafii harma ishii akkuma biloonitti nanaanneesitu calliste si ilaallan dubartin tun muuxannoo walqunnamtii saalaa waan qabduuf durbummaa baayistee ishiirraa hin eeggatin.

➍ Dhangalaa’aa qaamaa saalaa : Dubartiin tokko yoo kana dura muuxannoo walqunnamtii saalaa qabdi taate yeroo ati kissing gootuu si harkatti danfite, yeroo harma sukkuumtu, qaamaa saalaa ishii faa tuutuqxu dhangala’aan dafee qaama saalaa ishii keessaa baay’inaan gadi nam’inaan durbummaa qabaachun ishii mallattoo gaaffii(???) jala jira.

➎ Qinxirii : Yeroo ati gaaraa kissing gochaa harka kee immoo kofa ishii jidduu seensiftee quba keetin yoo qinxirii ishii tuqxe kan miira keessa galtee omaa hin dubbanne taanan, quba keetin qinxirii ishee yoo ati gorogortu kan simmeetidhan si harkatti baqxu taanan jireenyi durbummaa ishii shakkisiisadha.

➏ Nafsaala : Kuni beekamaa waan ta’eef wal nama hin gaafachiisu. Yeroo ati quba kee afaan nafsaala ishiirra walii gadi oftu intalatti kan tolu taanan, yeroo ati quba kee itti geessitu qaamni saalaa ishii callisee quba kee gufuu tokko malee keessummeessa taanan garaa kee kutadhu mucayyoon tun durbummaa hin qabdu.

Ni dandeessa You can do it


➥ Wanti ati kun "hin danda'amu baay'ee ulfaataadha" jettu caaladhumattiyyuu sitti ulfaata.  Faallaa kanaa wanta ulfaatu kamuu kutannoodhaan itti deemnaan baay'ee salphaadha. 

➨ Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama'i! Dhamaatii fi milkaa'inni kee hiika abjuu keeti.

➨ Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta'uun hin jiru waan ta'eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata. 

➨ Jalqabni Milkaa'ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu'is miti, si'uma si'i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji'a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee. 

➨ Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname. 

➨ Diina ofiitii gadi ta'anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru. 

Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati.

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!  

Walaloo ~ Afaan dhala namaa


Afaan dhala namaa

haasa'uu hin nuffuu

Warreen gurra laatan

kararratti hafuu

~

Dubbattu dubbataa

callistu sodaataa

Akka feete taatu

namni maqaa laataa

~

Kaayyoo lakkisanii

namaaf gurra laannan

Bakka yaadan mitii

karraa gad hin ba'an

~

Oduu namaa dhiisi

kayyoo keef jiraadhu

Tabba milkaa'inaan

danqaa kee moo'adhu

Dubbiisuun akka Nyaatati


Qaama keenya nyaata adda addaa filachuun sooraa oolla. Soorata nuti nyaannu qaama keenya ijaaruuf gahee guddaa qaba,sooranni summaa'a alaa'anis qaama keenya burkuteessuu danda'a. 

Akkuma nyaatan qaama keenya kunuunsinu sammuun keenyas nyaata fedha. Kitaabni nyaata sammuuti. Akkuma nyaanni balfaa'e qaama keenya summeessu Kitaabnis sammuu keenya summeessuu waan danda'uuf Kitaaba dubbisnu haalan filachuu qabna.

Kitaabota sammuu keenya positively jijjiiruu danda'an,kitaabota iccitii milkaa'inaa,ogummaawwan jireenyaa nutti mu'isan qu'achuu qabna. 

Kitaaba gaarii jireenya kee jijjiiruu danda'an hin dubbisin,qu'adhu malee. Siif galee jira mitii,nadhii kitaabichaa haalan xuuxuuf akka saayitistiitti qu'achuu qabda.

Miindaa ofitti amanamummaa dhabuu!


Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiraan nama harkatti busheessurra darbee gatii hin malleenuu of nama sharafsiisa. Isa kan keettii dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa. Harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaama, fakkeenya tokko waliin haa ilaallu. Bara durii.... 

Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahani. Guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbiifi beela hammana hin jedhameen waan hubamaniif fala osooma dhahaa jiranii, namichaa gosaan warra guddaa kan hoolaa salgii isaatti baatee deemu tokko halaalatti argani. Isaan sadan keessaa tokko, "Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?" ittiin jechuun yaada dhiyeesseefii. Yaada kanatti mataa isaa oliifi gadi sochoosuun gammachuun walii galuu isaa ibse inni tokko. Inni hafe immoo, "Hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu akkamittiin akka irraa fudhannuuf falli jira" jechaa fala sana isaaniif dhiyeesse.  

Akkuma walii galtee isaanii gochuuf ka'ani. Karaa namichi irra darbu irra, fageenya murtaa'aan walirraa fagaatanii dhaabbatani. Inni jalqabaarra dhaabbatu namicha hoolaa baatee deemu sanaan, "Maali namichoo! Ati gosa warra guddaa taatee saree salgiitti baattee deemtaa? Namni biraan si argee osoo nama kolfaa si hin godhiin ofirraa darbi saree kana!" ittiin jedhe. Namichi inni hoolaa baatee deemu sunis, "Namichoo! Hoolaafi saree adda baafatteeyyuu hin beektuu? Maraataa! Kan ani baadhee jiru hoolaa malee saree miti. Ana osoo hin taane situ saree baatee jira" jechuun bira darbee deeme. Hoolaa isaa baatee osooma deemaa jiruu, bakka namicha lammataa gahe. 

Namichi karaarra dhaabbatee jirus hin callisne. Dabaree isaa, "Har'ammoo saree salgiitti baachuutu eegalamee,....safuu! Oollee bullee, waan hedduu arginee dhageenya. Maal taatee jirta namanaa?" yeroo jedhuunii, kan hoolaa baatee jiru sun akka duraa ija jabaatee ifachuu hin dandeenye. Ifachuu dhiisuurra darbee iyyuu nahee jira. Miira sodaa makateen, harka isaan qaqqabachaa hoolaa ofirratti ilaalaa, "Hoolaa mitimoo kanaan baachaa jiru? Hoolaa! Sareen kana hin fakkaattu" jedhee bira darbee deeme. Shakkiin baay'ee humna isa irratti godhatee jira. Hoolaafi saree ta'uu adda baafachuuf ofitti odeessaa deema.  

Isaa akkanaan jirutu nama sadaffaa bira gahe. Kan sadaffaan sunis, "Maaliif maqaa warra kee warra guddaa nyaatta? Saree baattaa? Isayyuu salgiitti! Osoo namni biraan sin argiin lafa buusii badi!" jedheen. Kana dhagahee qilleensa jidduu hin galchine kan inni hoolaa lafa buusee fiigichaa qajeele. Akkanaan hoolaa isaanii fudhataanii galani. Barbaachisummaa waan baatee jiruu dhabuun isaa hoolaa isa dhabsiise. Hoolaa ta'uu isa wallaalchisee salphina sareen salfachiise. Kun miindaa waan qabatee jiru wallaaluu, miindaa ofitti amanamummaa dhabuu isaati.  

Akka hin daganne! Hiree kee sumatu ofiif murteeffata. Eeyyeen sumatu! Gatiin kees madaala keen murtaa'a. Ofitti amanamummaa hir'attee caarrataa ofirratti hin baasiin. Gatii salphaan kan si sharafuuf qophaa'ee jiru hedduu ta'uu mala. Isa manaa baateef duubatti hin deebi'iin. Isa harkatti qabattee jirtus sirriitti beeki. Ofitti amanamummaa dhabdee warqee harka keerra jiru hin darbatiin. Ofitti amanamummaa kee cimsadhu!  

Harka hin kenniin! 

HARKA KEETTI DU'EE


Angafa durbootaa

Mootii bareedinaa

Waardiyyaa onnee koo

Ati naaf ulfina


Bareedina taanaan

Maaltu siin wal gita

Sinboon kee alaalaa

Eenyummaa koo bita


Walgeettin nyaara kee

 Konkonni funyaanii

Qallinni mudhii kee

Addeenyi ilkaanii


Ijji kee gurguddaa

Mudhiin kee kan sonsaa

Ijjannaan koomee kee

Miira kan koo onsaa


Faaya kennaa addaan

 Uumaan tolchee uume

Otoon akka shaamaa

Sumaaf baqee dhume


Otoo siif eegduu tahee

Si na eegsisanii

Otoo cinaa kan kee

Ana teessisani


Otoon carroometoo

Duukaa kan kee buhe

Harka keetti qorree

Harka keetti du'e

Waanuma irra deddeebitu taatee argamta


Fixaan ba'insi jijjiirama ta'ii tokkeen mul'atu osoo hintaane, walitti idaa'ama amaleeffannaa guyyaa guyyaati. Galmi bu'aa waan argachuu barbaaddeeti; tooftaan garuu, adeemsa gara bu'aa sanatti geessudha. Bu'aa har'aa irra daandii imalaa gara bu'aa sanatti geessutti xiyyeeffachuu wayya. 

Akkuma ulfaatinnikee amaleeffaannoo nyaataa ati qabdu mul'isu, beekumsikee idaa'ama hammam barachuukee agarsiisu, haala mataaf miilla hinqabne keessa jiraachuunkee waa'ee amaleeffannaa qulqullinakee waa himu, bu'aankee yeroo tokkoo walitti qabaa amalootakee guyyaa guyyaa madaallii yeroo sanaan duraati.  Waanuma irra deddeebitu taatee argamta. Amalli gaariin yeroo gargaaraakee godha. Amalli badaan garuu yeroo diina sitti taasisa.

#Amallikee har'aa eenyummaakee boruuti waan ta'eef, bu'aan waan taatee argamtuu tolee akka argamuuf deemsakee guyyaa guyyaa sirreessi.

Bututtii sammuu (burnout) maaltu fidaa?


¶ Hojii ofii irraa bu'aa gar-malee guddaa eeguu ykn karoora ifa ta'e dhabuu.

¶ Jireenya ykn hojii ofii irratti to'annaa dhabuu fi Jireenya ofiitiif madaala dhabuu..... hojii, bashanna, hariiroo maatii fi namootaa fi kkf walmadaalsisuu dhabuu.

¶ Haala hojii namaaf hin mijanne, burjaajii ta'e keessaa hojjechuu.

¶ Deggarsa maatii, hiriyaa fi kkf dhabuu.

¶ Hojii walfakkaataa, kan jijjiirama/dorgommii hin qabne hojjechuu.

¶ Nama mara gammachiisuuf yaaluu.

¶ Hojiin namatti baayyachuu, Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu.

¶ Waan hin dandeenye, garmalee nama muddutti waadaa galuu

SHANAN DHANGAALEE SAMMUU IJAARAN


1. Yaadota gaggaarii maddisiisuu❤️

2. Rakkina keessatti gaarummaa yaaduu( optimism)

3. Yaadotakee hojiitti hiikuuf yaaluu

4. Baay’ee Dubbisuu

5. Abdiidhaan jiraachuu

Ani nama hin amanu ~ I do not believe others


Ana qofa miti waan kun nama baay'ee ilaallatti. Maal wangeelliyyuu "Nama jaaladhu malee hin amaniin" jedha mitii?

Hin jedhu wangeelli. Kana namumatu ofii makmaakee dhugoomfachuuf wangeela fakkeessa. Qoyi, mee akkamitti nama hin amanne jaalachuu dandeessa? Yoo amante jaalatta bar. Nama hin amantu taanan nama hin jaalattu jechuudha. Jireenyimmoo jaalala malee duwwaadha😭. Kun rakkookeeti. Silaas ati utuu ofiikee ofiif hin amanamiin namni biraan akka siif amanamu feetaa? Nama dinqitam! Ugaa. "Haati hattuu intala hin amantu" jedhan. Ofiifuu of shakkita anaan akkamitti na amanta jedheen si abdadharee? Sin abdadhu! 

👍Amanamuun waada waliin karoorsanirratti ejjennoo dhaabbataa qabaachuudha.❤️ Atimmoo silaa ofiifis ejjennoo hin qabdu. Boru lafa bituuf karoorsitee finyoo bitta. Hojiitti qajeeltee mana bunaa oolta. Mallaqa qusachuun qaba jette qisaasessita. Hin dhugu jettee #qaradadda. Hin sobu jettee sobda. Yoom ofiif amanamtee beektaa? Ofiikee waadaa diigdee, namni hin amanamu jetta.

Waan gaarii gochuun abbuma fayyada. Ofiif jettu na amani. Bu'aan walshakkuu wal of dhiphisuufi mataa dhukkubbiidha🙈😱. Filannoon ati qabdu gammaduu yoo feete na amanuu qofa. 

Atis ofiif amanamuu yaalii; #Anis_nan_yaala. Waliif amanamuu ofiif amanamuutu dursa. "Naaf_amanamtaa?" Jettee nan gaafatiin!

Nagaatti.

Yaadannoo warra namas ofis hin amanneef haa ta'u

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...