Galmawwan Saayikooloojii Arfan.


1. Amala addeessuu(describe)

2. Amala ibsuu(explain)

3. Amala raaguu(predict)

4. Amala to'achuu ykn jijjiiruu.(control or change)

Maalummaan galmoota kanaa akka ifa nuuf ta'uuf, mee seenaa mucayyoo tokkoo waliin haa ilaallu.

Eebbiseen barattuu kutaa 7ffaa yoo taatu, barnootashee sirnaan hin hordoftu; hojii manaa kennamus qubaanuu ittiin buutu. Sababa kanaa,

qabxiinshee goda jira.

Barsiisaashee kan ta'e Tolaan, amalashee kana ni arga; ni hubatas(observe and notice). Taateen kun hundi, amala Eebbisee fi hubannaa Tolaa nuuf #addeessa (describe). 

Tolaanis, kanarraa ka'uun, #ibsa(explanation) "maaltu Eebbisee akkas godha?" jedhu argachuu yaade. Haaluma kanaan, ogeessa xinsammuu(psychologist) mana barumsichaatiin mucayyoon sun akka ilaalamtu gaafate. Ogeessichis Eebbisee eega haasofsiisee booda, beekumsaa fi muuxannoo dura qaburraa ka'ee, mucaan kun tarii dandeettii kuufamaa barnootasheetti ishee cimsu bira akka gahuu hin dandeenye #raage(predict). Kanaafis tooftaa waa barsiisu akkasumas mala biraa fayyadamuun ,amala fi ilaalcha Eebbisee jijjiire ykn to'ate(change or control). Eebbiseenis barnootasheetti fooyyofte. Dubbisa olii qalbiitti qabachuun, galmoota arfan saayikooloojii maal akka ta'an waliin haa ilaallu.

1. Amala addeessu.(Describe)

Amala sana ilaalanii hubachuu yoo ta'u, galmi kun gaaffilee, maaltu ta'e?, eessatti ta'e?, yoom ta'e? Haala kam keessatti ta'ee? fi kkf kan hammatudha.

2. Amala Ibsuu.(explain).

Amala ilaalan sanaaf ibsa barbaaduu. "Gaaffii maaliif ta'e?" kan jedhu kan ofkeessaa qabu yoo ta'u, galma amala sanaaf waanta sababa ta'e, baruuf dhama'udha.

3. Amala Raaguu.(predict)

Maaltu akka ta'ee fi maaliif akka ta'e, erga beekee booda, fuldurattoo maaltu ta'a jedhee galma bu'aa eegeree raagudha.

4. Amala to'achuu ykn jijjiiruu(control or change).

Wantoota sadan darban erga baree, mala addaa fayyadamee amala sana jijjiiru ykn to'achuurratti galma xiyyeeffatudha.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...