Tokkichakoo Kumaa hin arganne gita
Lubbuu du'a geesse sit du'arraa bita
Homtiyyuu si raasee sin qalbii sin hiru
Kanat uumte malee kan si uumeen jiru
Oolmaakeef waan taaksii hin feetu gibira
Saba dhugaa dhabeef ee dhugaan sibira
Garbummaa ka tulluu meelannaaf cabakoof
Imimmaan Qulqulluu imimmaan sabakoof
Si Abbaan qajeeltoo si abbaan furmaataa
Beekta gaaffii keenya kan ammaaf kan qaataa
Hawwineerra arguu deebii gaaffii keenyaa
Yasa dhugaa badeef dachaan baaftu beenyaa
Ya Waaq teessoo jallaa dhiitii achi fageessi
Guyyaa BILISUMMAA as nutti dhiheessi!