Jijjiiramni Sirriin Keessaa Eegala?


Jijjiiramni waan namni dhuunfaan tokko yookaan qaamni biraan wayii namaaf hiixatu yookaan namaaf bocu osoo hintaane, ifaajaafi fedhii ofiitiin kan namaa argamudha. Akkanuma sababni jijjiiramaa dhiibbaa keessaafi alaa ta'uu danda'a; garuu, jijjiiramni inni sirriin isa keessaa eegaludha. Sababni jijjiiramaafi jijjiiramnis walii adda. Kana hubachuufis, wanti jijjiirama fiduu danda'u ofii jijjiirama akka bakka hinbuune beekuun isa dursudha. Wantichi ka'umsa jijjiiramaa ta'a malee jijjiirama bakka bu'uu hindanda'u. Eeyyeen, jijjiiramniifi sababni jijiiramaa walii adda!

Namni tokko rafaa jira haajennu. Nama rafaa jiru kana dammaqsuuf sagaleen waamichaa tokko yoo dhufe, sagaleen sun jijjiirama osoo hintaane ka'umsa yookaan sababa jijjiiramaati. Fakkeenya kanaan jijjiirama kan bakka bu'uu danda'u dammaquu, ka'uu, socho'uufi deemuudha. Deemuu yeroo eegalanis eessaafi maaliif akka ka'an hubachuu yoo dursani. 

Akkanuma, sagaleen dammaqse sun nama biraa irraa kan dhufe dhiibbaa alaati; garuu, kan dammaqe nama biraa abbaa waamicha sanarraan addaati. Kana jechuun, ka'umsi jijjiiramaa dhiibbaa alaa ta'ullee jijjiiramni garuu keessaa eegala!

Gabaabumatti, wanti jijjiirama fiduu danda'u eessaa yoo dhufellee, jijjiiramni sirriin garuu keessumaa eegala. Kanaafuu, qaama alaa osoo hintaane, keessoo keenya haa ilaallu; quba akeekuu qofaa osoo hintaanes, of faana yeroo haaqabaannu. Kanatu fala; yoo kana ta'es, jijjiiramni dhuunfaa keenyaa dhufa. Dhuunfaatti yoo jijjiiramne, jijjiiramuu nama biraaf sababa taana. Kana keessaanis, jijjiirama hawaasa bal'aatu argama. Kun hundi yoo ta'eef, sababni guddaan jijjiirama isa keessaa dhufedha. Akkasi! Jijjiiramni sirriin keessumaa eegala malee, qaama biraan namaa hinkennamu. Kennaas miti!


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...