Bareeda keetini onnee na boojite
Simbo-qabeettittii kuullee afaan dammaa
Guyyuun si dharra'a si'umaafan dhimmaa
Ani si jaaladhe jaalala onneerraa
Situ giiftii tiyya uumama hundarraa
Hunda caaltuu wayii haadha bareedinaa
Yoomuma naaf dhufta yoom wal arginaa
Karaa irraa gorraan innis si sirreessu
Waan gaarii hojjannaan inni si jajjabeessu
Gufatteetoo kufnaan kan si kaasu lafaa
Cabakeef dhiphatee kan siif cabu nafaa
Inni dirqii malee onneen si jaallatu
Inni kufee ka'ee si waliin jiraatu
Isa laali hirbuun kee guutaan cinaa bitaa
Isa darbiteetoo waaqa ni komattaa?
No comments:
Post a Comment