Waan qaban hin hawwamuu jedhama.


Dhugaadha waanti qabnu hammam gatii guddaa akka qabu, gaafa waanticha dhabne barra. Mee haasawaakoo kana fakkeenyaan gabbisuu laata!

Fayyaa guutuu yeroo qabnutti faayidaan fayyaa nuttin mul'atu; osoommoo torbanuma tokko sababa rakkoo fayyaatiin sireetti gallee, jecha "fayyaa" jettu qofaa miti, faanaa fi sagalee namaa, qaawwa keessaan dharraana.

Ammas, qilleensi qulqulluun(Oksijiniin), safara malee habbuuqqachaa oollu kun, homaa nuttin fakkaatu; garuu gaafa isa dhabne, turtii daqiiqaa shanii keessatti duuna.

Haaluma wal fakkaatuun, jireenyi har'a keessa jirru, maatiin keenya, hiriyyaan amma waliin jirru, waantonni socho'anii fi hin sochoone har'a qabnu kun, ammaaf homaa nutti fakkaachuu dhiisuu danda'u. Inumaa jara kana gasoo waakkiidhaan tutumachaa oolla; kan abaarus hin dhibu; eeyyee, maaltu beeka!

Dhugaa tokko garuu haa beeknu; warreen maqaa dhoofne keessaa tokko gaafa nu biraa dhiban, nuuf mul'atu. Bakka fuunuu dhabna. "Lakkii siniif mul'adha" jetti harmeen gaafa mufachiifnu.

Suura asii gadii kanarraa waa baay'ee barattu jedheen abdadha. Namichi kun itti fakkaatees haa ta'u sassatee, fedhiisaa guuttachuuf eegduusaa ciree balleesse; isa isa balleessuuf karra bane; booda manasaayyuu dhabee birmannaaf harka afarsa. 

Mee osoo namni birmateefi, maal godhaaf?

carraa akkamiitu jiraa?

Yoomiyyuu namni birmate,

bishaanichatti abidda naqee hin himbaabsessu!

Adaraa seeraa jedhee irraan deebisu!

Lolaa miti bo'oodhaan hin dabarsu.

Waan inni gochuu danda'u yoo jiraate, mi'a xixiqqoo waan akka cirfaa fi hullee mixmixaa, godoosana keessaa baraaruudha; sanuu, osoo utubaan jara kana mormatti dirattee jirtu hin jigiini! Maaltu haa ta'u! Dubbiitu ganama bade.

....Kanaafuu

Gaaddisakee cimsii tikfadhu.

Waan bor si gabbisiisurraa ofqusadhu.

Bakka fuutuu dhabda, kana yaadadhu.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...