Ati ga'umsa keef akeekuun deemsakee itti fufi


Gosti Simbirroo Quraa jedhamtu Risaa faana qoccolti. Risaan Olka'iinsa Simbirroota kaanirraa olaanaa ta'een barrisuu, Waantota du'an kan hin nyaanneef Soorata isaa ofii kiyyeessee qabachuu, Fagootti arguu, Saffisa ajaa'ibaa qabaachuu fi Qeensaaf Rifeensa dullooman ofirraa Qabsoo hamaan Gaaratti ba'uun kattaatte rigee of madeessee haaromsee biqilfachuun beekama. Shaakala godha, waan gochuu barbaadurratti xiyyeeffata. Galma Ga'uumsa kaayyoosaaf aarsaa mara kafala.... Kufaa irra hinmarmaaru, gubbaarra balali'a.....

Egaan Quraan Risaa irra Ba'uun Ciniinti, ni tumatti....garuu Risaan deebii hinlaatuuf. Humnaa fi Xiyyeeffannoo isaa Quraa loluuf hinballeessu.... Kan inni raawwatu Gara Samiitti ol ba'uudha. Deebii xixiqqoof osoo hintaane olka'iinsa isaa irratti fuulleffata. Hanguma Risaan ol adeemuun Quraan qilleensi olka'umsaa dandamachuu dadhabaa deema, hargansuunsaa laafaa dhufa. Risaan Olka'iinsaan balali'uu danda'a, Quraan ammoo hargansuu dadhabuun irraa kufti. 

Guduunfa:- Galma baateef Kaayyoo kee irratti yoo xiyyeeffattu, Lolaaf olola sirratti banamu maraaf deebii hinlaatin. Ati Ga'umsa keef akeekuun Deemsakee itti fufi. Yoo sochii goote, kanneen taa'aniin ni qeeqamta, garuu jara faana teenyaan kan si tuqu hinjiru....teenyaan garuu Galmakee Yaadaan male gochaan hin argitu. Kanaaf Akka Risaa ta'i, Kaayyoo fi mul'ata qabaadhu. Isa faana arreedi, Quraaf simbirri xixiqqoon yoo situqxe deebii dhaabattee hinlaatiniif. Adeemsa Kee gara Kaayyoo qofa godhu.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...