Showing posts with label onnee. Show all posts
Showing posts with label onnee. Show all posts

Siifan muladha, Anis sin argaadha


𝗠𝗮𝗱𝗮𝗮 𝗻𝗮𝗿𝗿𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘂

𝗘𝗲𝗹𝗮𝗮 𝘄𝗮𝗴𝗴𝗮𝗮 𝗱𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮

𝗚𝗮𝗹𝗮𝗮 𝘀𝗶𝗿𝗸𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘂

𝗔𝗱𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗵𝗶𝗺𝗮𝗱𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮


𝗜𝗷𝗮𝗸𝗼𝗼 𝗮𝗯𝗱𝗶𝗶𝗸𝗼𝗼𝘀

𝗦𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗵𝗶𝗱𝗵𝗮𝗱𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮

𝗠𝗶𝗶𝗿𝗿𝗶𝗸𝗼𝗼 𝗱𝗮𝗱𝗵𝗮𝗯𝗲𝗲

𝗢𝗯𝘀𝗮 𝗳𝗶𝘅𝗮𝗱𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮


𝗡𝗮𝗮𝗳 𝘁𝗮'𝗶 𝗷𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂𝘂

𝗡𝗮𝗺𝗮 𝗶𝗺𝗮𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗯𝗮𝗮𝘁𝘂

𝗦𝗲𝗲𝗻𝗮𝗮 𝘁𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗴𝗮𝗹𝗰𝗵𝗲𝗲

𝗞𝗮𝗮𝘆𝘆𝗼𝗼 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗳 𝗸𝗮𝗻 𝗸𝗮𝗮𝘁𝘂

WALQUNNAMTII SAALAA YEROO LAGUU


☑️  Laguun badhaasa uumati. Akkuma harganuu, nyaachuu sirna uumamaa keessaa isa tokkoodha. Taatee ji'aan uumaa walakkaa dachee kan ta'an shamarree keenya muudatuudha. Laguun (menstruation) jechuun omaa jechuu miti. Laguun waan lagatamuu qabu miti. Gaafa ulfi dhabame ciccituu dhuma sararaawwan gadameessa haguuganiiti. 

☑️  Garuu immoo sirna uumaa bareedaa kana maqaa balleessin irra tuullame xiqqoo miti. Dhiira mitiitii dubartiinuu yaada dogongoraa aadaa hawwaasa kanaaf saaxilamteerti. Hanga dubartii ta'anii uumamuu isaanittirree kan qaana'an baay'edha. Addunyaa irratti yeroo laguun itti dhufe hawaasa keessaa kan of baasan miliyoonan lakka'amu.

☑️  Dubartiin laguun itti dhufe dhiira walqunnamtii saalaa wajjin raawwachuu hin feene laguutu narra jira jetteet yeroo dabarsiti.  Ispoortii hojjachuu yoo hin barbaannes torbanuma torbaniin barsiisaa ispoortii kan gowwomsitu guutte. Kana kan gootuf kaa laguun waan fokkisaa fi jibbisiisaadha kan jedhu waan amantee fudhatteefi.

☑️  Laguun normal ta'e tokko akkuma bishaani qulqulludha haalluu isaatu diimadha malee. Foolii badaa hin qabu yoo dubartittiin rakkoo biraa qabaatten ala. Yoo qaamarra bubbule garuu akkuma dhiiga kamiiyyuu foolii godhachuu danda'a.

☑️  Dhiirri jaalallee/niitii isaa sirritti jaallatu yeroo ishiin laguurra jirtu walqunnamtii saalaa wajjin raawwata. Ammam akka ishii jaallatu ragaa ba'aaf. Osoo itti hin boonne haadha manaa isaa waliin yeroo laguu walqunnamtii saalaa dhiirri raawwatu dhiira miira isaatif osoo hin taane jaalallee/niitii isaatif yaadudha. Kuni garuu dhiira jarjaree humnaan dubartii laguun irra jiru waliin walqunnamtii saalaa raawwatu hin ilaallatu. 

★  Faayidaa walqunnamtii saalaa yeroo laguu:

☑️  Dhukkubbii yeroo laguu nurraa ittisa. Miiraa keessa seenanii gammaduun dhukkuba nama irraanfachiisa. Gadameessi yeroo laguu waan kottoonfatuuf dhukkubbiin nutti dhaga'ama. Yeroo fedhii keenya ba'annus waan kottoonfatuuf dhukkuba kana ni balleessa.  Mataa dhukkubbii irraa ni ittisa. Yeroo laguu mataa dhukkubbii cimaan dubara tokko tokko darbee ni muudata.

☑️  Mukaa'uu ni balleessa. Yeroo laguu akkuma beekamu dubartoonni ni mukaa'u, haalli itti hin tolu, ni ciciinqamu. Yeroo walqunnamtiin saalaa raawwatamu sammuun keenya kemikaala maddisisuun miirri gaarin akka nutti dhaga'amu godha. Sirritti miira keessa seenanii fedhii ofii ba'uu caala maaltu mukii nurraa balleessaree.

☑️  Guyyaa laguun keenya nurra turu nuuf gabaabsa. Dubartii taanee laguun keenya akka nurra turu hin feenu. Kanaaf walqunnamtii saalaa yeroo laguun nurra jiru raawwachuun maashan keenya kottoonfachuun yaa'insa ariitin isaa akka dabalu gochuun dafee akka nurra dhaabbatu godha.

☑️  Fedhii walqunnamtii saalaa ni kakaasa. Yeroo laguu jijijjiirramuu hoormoonitiin walqabatee fedhiin miira keenya kan duraan nun feesiisne yoo ta'e amma sababa kanaaf fedhii horachuu dandeenya.

☑️  Laguun kun akka laaffisoo (lubricant) nu fayyaduu danda'a. Dhiigni yaa'u kun nafsaala dubaraa laaffisuun nafsaalli dhiira dhiibba tokko malee akka sosocho'uuf carraa argata. Nafsaalli dubaraa kan yeroo kaan goggogdee walqunnamtii saalarratti dhukkubbiin itti dhaga'amu sun amma sababa laguutin waan jiituf rakkoon kun ni furama.

⚠️  Walqunnamtii saalaa yeroo laguu raawwatamuuf ulaagan guuttamuu qabu:

☑️  Dubartiin laguun irra jiru walqunnamtii saalaa raawwachuuf gaafa murteessitu wantoota akka moodeesi fi waanuma akka laguu xuuxuf godhatte kamiyyuu dursitee ofirraa baasuu qabdi. Modeesin kan akka forgotten tampon faa osoo hin baafne walqunnamtii saalaa raawwannaan nafsaala keenya keessa waan olbaduuf isa baasisuuf jecha gara buufata fayyaa waan nu geessuf dursinee ofirraa baasun murteessadha.

☑️  Uffata biraa sireerra hafuu. Yeroo laguu akkuma beekkamu dhiigni ni yaa'a. Kanaaf uffata irra bullu dhiigan balleessuu hin qabnu. Kanaaf amma nuu danda'emetti uffata dur irra ciisnurra waa biraa uwwisuudha.

☑️  Mana shaaworiitti raawwachuu. Dhiigni Walqunnamtii saalaa yeroo laguu ni yaa'a. Kan dubartoota tokko tokkoo immoo baay'isee yaa'u danda'aa

Miindaa ofitti amanamummaa dhabuu!


Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiraan nama harkatti busheessurra darbee gatii hin malleenuu of nama sharafsiisa. Isa kan keettii dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa. Harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaama, fakkeenya tokko waliin haa ilaallu. Bara durii.... 

Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahani. Guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbiifi beela hammana hin jedhameen waan hubamaniif fala osooma dhahaa jiranii, namichaa gosaan warra guddaa kan hoolaa salgii isaatti baatee deemu tokko halaalatti argani. Isaan sadan keessaa tokko, "Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?" ittiin jechuun yaada dhiyeesseefii. Yaada kanatti mataa isaa oliifi gadi sochoosuun gammachuun walii galuu isaa ibse inni tokko. Inni hafe immoo, "Hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu akkamittiin akka irraa fudhannuuf falli jira" jechaa fala sana isaaniif dhiyeesse.  

Akkuma walii galtee isaanii gochuuf ka'ani. Karaa namichi irra darbu irra, fageenya murtaa'aan walirraa fagaatanii dhaabbatani. Inni jalqabaarra dhaabbatu namicha hoolaa baatee deemu sanaan, "Maali namichoo! Ati gosa warra guddaa taatee saree salgiitti baattee deemtaa? Namni biraan si argee osoo nama kolfaa si hin godhiin ofirraa darbi saree kana!" ittiin jedhe. Namichi inni hoolaa baatee deemu sunis, "Namichoo! Hoolaafi saree adda baafatteeyyuu hin beektuu? Maraataa! Kan ani baadhee jiru hoolaa malee saree miti. Ana osoo hin taane situ saree baatee jira" jechuun bira darbee deeme. Hoolaa isaa baatee osooma deemaa jiruu, bakka namicha lammataa gahe. 

Namichi karaarra dhaabbatee jirus hin callisne. Dabaree isaa, "Har'ammoo saree salgiitti baachuutu eegalamee,....safuu! Oollee bullee, waan hedduu arginee dhageenya. Maal taatee jirta namanaa?" yeroo jedhuunii, kan hoolaa baatee jiru sun akka duraa ija jabaatee ifachuu hin dandeenye. Ifachuu dhiisuurra darbee iyyuu nahee jira. Miira sodaa makateen, harka isaan qaqqabachaa hoolaa ofirratti ilaalaa, "Hoolaa mitimoo kanaan baachaa jiru? Hoolaa! Sareen kana hin fakkaattu" jedhee bira darbee deeme. Shakkiin baay'ee humna isa irratti godhatee jira. Hoolaafi saree ta'uu adda baafachuuf ofitti odeessaa deema.  

Isaa akkanaan jirutu nama sadaffaa bira gahe. Kan sadaffaan sunis, "Maaliif maqaa warra kee warra guddaa nyaatta? Saree baattaa? Isayyuu salgiitti! Osoo namni biraan sin argiin lafa buusii badi!" jedheen. Kana dhagahee qilleensa jidduu hin galchine kan inni hoolaa lafa buusee fiigichaa qajeele. Akkanaan hoolaa isaanii fudhataanii galani. Barbaachisummaa waan baatee jiruu dhabuun isaa hoolaa isa dhabsiise. Hoolaa ta'uu isa wallaalchisee salphina sareen salfachiise. Kun miindaa waan qabatee jiru wallaaluu, miindaa ofitti amanamummaa dhabuu isaati.  

Akka hin daganne! Hiree kee sumatu ofiif murteeffata. Eeyyeen sumatu! Gatiin kees madaala keen murtaa'a. Ofitti amanamummaa hir'attee caarrataa ofirratti hin baasiin. Gatii salphaan kan si sharafuuf qophaa'ee jiru hedduu ta'uu mala. Isa manaa baateef duubatti hin deebi'iin. Isa harkatti qabattee jirtus sirriitti beeki. Ofitti amanamummaa dhabdee warqee harka keerra jiru hin darbatiin. Ofitti amanamummaa kee cimsadhu!  

Harka hin kenniin! 

Fayyaa ONNEE keenyaa eeguuf maal gochuu qabna?


1.DHIIBBAA DHIIGAA(BP): 

Yoo dhiibbaan dhiigaa nama tokkoo normal ta'eefi waggaa 40 gadi ta'e; akkasumas, maatiisaa keessaa namni dhiibbaa dhiigaa olaanaa qabu yoo hin jiraanne, waggaa 2tti yoo xiqqaate altokko dhiibbaa dhiigaasaa ilaalamuu qaba.

Garuu, yoo waggaa 40 ol ta'eefi ofiis ta'e maatiisaa keessaa namni dhiibbaa dhiigaa olaanaa qabu yoo jiraate, gorsa ogeessa fayyaa argachuun barbaachisaadha.

2.QORANNOO DHIIGAA(BLOOD TESTS):

Hamma cholestrol qaama keenya keessa jiru beekuuf nu gargaara. Yoo kan olka'e ta'e, dhukkuboota kan akka onneef carraan saaxilamuu bal'aadha.

3.ELECTROCARDIOGRAM(ECG):

ECG'n qorannaa medikaalaa kan rakkoo (abnormality) onnee keenyaa; sochii elektrikii yeroo onneen keenya kottonfatu maddisiisu safaruun kan nutti argisiisudha.

4.ULFAATINA QAAMAA(OBESITY TESTS):

Ulfaatinni qaamaa baay'ee olka'aa ta'e, dhukkuboota onneef akkasumas, dhukkuba sukkaaraaf carraa saaxilamuu ni bal'isu. 

Kanaaf, namni carraa saaxilamuusaa olka'aa ta'e tokko, yeroo hedduu ulfaatina qaamasaa ilaamuutu irra jiraata. 

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...