GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?


Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti siidaa awwaala namootaa daw’achuuf warra isa daw’achiisan waliin mooraa awwaalaa tokko keessa seene. Mooraan sun baay’ee bareeda. Siidaawwan halluu  miidhagaan kuulaman hedduutu keessa jiru. Barreeffamoonni siidaawwan sana irratti barreeffamanii turan garuu namichatti bitaa galan. Wantota dubbise amanuu hin dandeenye. Kanneen armaan gadii barreeffamoota sana keessaa fudhataman:“Piroofeeser Joon Henerii, dhalatanii waggaa tokkoo fi ji’a ja’atti du’an.”“Dokter Deev Waaysong, dhalatanii waggaa afuritti du’an.”“Kaappiteen Ruut Toomaas, dhalatanii ji’a saddeetitti du’aan addunyaa kanattii addaan ba’an.”Barreeffamoota kanaa fi kanneen kana fakkaatan hedduu erga dubbisee booda ajaa’ibsiifachaa gara daw’achiisaa isaa deemuun gaaffii gaafate. “Ani kanan jedhu! Biyya kanatti namoonni gadameessa harmee isaanii keessatti baratanii eebbifamanii ba’umoo? Akkamitti namni waggaa tokkoo fi ji’a ja’atti piroofeesara ta’aa?  Waggaa afuritti doktera ta’aa?” Yeroo kana daw’achiisichi, “Maal sitti fakkaatee? Biyyi kun akka biyya keessanii miti. Biyya keessanitti umriin nama tokkoo lakkaa’amuu kan eegalu guyyaa namichi gadameessa harmee isaa keessaa ba’e irraa eegaleeti. Asitti garuu akkana miti.  Nuti lakkoofsa umrii kan eegallu guyyaa itti namichi seenaa qabatamaa tokko biyya isaatiif hojjete irraati. Aboo nuti gadameessatti hin amannu!” Yeroo kana namichi na’ee akkana jechuun  gaaffii biraa gaafate, “Amma utuu ani biyya kanatti du’ee maal jettanii siidaa awwaala koo irratti naaf barreessituree?”  Daw’achiisaanis, “Seenaa ittiin yaadatamtu kan dhaloota dhufuuf darbu kan hojjette qabdaa?” jedhee gaaffii isaa gaaffiin deebiseef.  Daw’atichi xiqqoo erga itti yaadee booda, “Dhugaa dubbachuudhaaf hamma ammaatti hin qabu!” jedhee deebiseef. “Yoos” jedhe daw’achiisaan; “Yoos siif siidaan hin barbaachisu. Yoo akka tasaa siif ijaarame immoo ‘Obbo eenyu eenyuu, akkuma dhalataniin du’an!’ jedhamee siif barreeffama!” jedhe.  Argitee, seenaa ati waa irraa barachuu dandeessu kana kanan kaaseef akkanumaan miti. Dhimma namichaatu kan koo kana waliin wal fakkaate. “Dhugaa dubbachuudhaaf hamma ammaatti homaa hin qabu!”  Kun anaafis dhugaa dha. Siif garuu hin beeku.Kanas ta’u sana amma murtoo tokko irra ga’een jira.  Seenaan ittiin yaadatamu tokko hojjedhee dirqama eenyummaa koo ba’achuu.  Akkamitti? Mataa koo kan gurra koo lamaan gidduu jiru sirriitti hojjechiisuun!Umrii kamirrayyuu haa jiraannu, anii fi ati walii gallee jennaan wanti jijjiirama hin finneef tokko hin jiru.  Atis akkuma koo yoo murteessite guyyaa kitaaba kanaan wal argine kana irraa eegallee milkaa’ina kaleessa hin turre galmeessuu ni  dande'ee

"Kara siif danda'ame hundumaan, bakka siif danda'ame hundummatti, namoota dandeessu hundumaaf, hamma siif danda'ame hundumaatti, waan gaarii siif danda'amu hojjedhuuf" 

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...