Showing posts with label lilmoo. Show all posts
Showing posts with label lilmoo. Show all posts

Dubbiisuun akka Nyaatati


Qaama keenya nyaata adda addaa filachuun sooraa oolla. Soorata nuti nyaannu qaama keenya ijaaruuf gahee guddaa qaba,sooranni summaa'a alaa'anis qaama keenya burkuteessuu danda'a. 

Akkuma nyaatan qaama keenya kunuunsinu sammuun keenyas nyaata fedha. Kitaabni nyaata sammuuti. Akkuma nyaanni balfaa'e qaama keenya summeessu Kitaabnis sammuu keenya summeessuu waan danda'uuf Kitaaba dubbisnu haalan filachuu qabna.

Kitaabota sammuu keenya positively jijjiiruu danda'an,kitaabota iccitii milkaa'inaa,ogummaawwan jireenyaa nutti mu'isan qu'achuu qabna. 

Kitaaba gaarii jireenya kee jijjiiruu danda'an hin dubbisin,qu'adhu malee. Siif galee jira mitii,nadhii kitaabichaa haalan xuuxuuf akka saayitistiitti qu'achuu qabda.

Walaloo Gowwaa


Samii lafa  jalaa 

Dhukataa hin mul'anne 

Halkan  gurraacha limixi 

Kan gufuu,hin gufanne 


Isa aduun itti qorree 

Yandoon itti bulluqu 

Karri dhugaa dhiphateefi 

Uraa lilmoon lulluuqu 


Kan nyaatu hin furdanne

Huqqataa hidda mixii 

Midhaan jedheetu bukeessa 

Corroqa akka lixii 


Guyyaa sireerra oola 

Halkaniin isa joorsa 

Jiruu bineensaan morka 

Akka waraabessaa 


Lafti jalli samii 

Samii gubbaan lafa  

Foon isaaf  lafeedha 

Lafeen ammoo nafa 


Ergaa alagaaf jedhee 

Miila cabaan  okkolfata

Damma lammii gola kaahee

Diinotasaaf  raqa baata 


Coomaaf daadhii mana  firaa

Alaalatti baqata 

Mana warra diinaa dhaqee 

Hanqaarii kajeellata 


Isaaf  guyyaan  halkani 

Halkani immoo  guyyaa 

Obbolaaf du'a sirbee 

Alagaaf naasuu  iyya  


Waldhabaa luka  Harree 

Shafoon koophee biqilche 

Hin qabu gowwaan akkaataa 

Gamni boonyaan ililchee

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...