Kuun immoo jaalala dhugadhaan qabamee jaalalli isaas gatii dhabee akkuma onneen isaa madoofteetti hafa ... Addunyaa tana irratti Wanti akka jaalalaa nama miidhuu danda'u jira jedhee hin yaadu. Osoo akka yaada kiyyaatii kan wal jaalate hundi wal argata garuu hireen jaalalaa qooda rabbiiti Akkuma nuti nama tokko jaalannutti
Kan nu jaalatus hedduudha garuu irra caalaan keenna kan jaalanne malee kan nu jaalateef bakkee hin qabnu nama jaalalaan miidhamne saniif yaadaan hiraaruu malee kan jaalala keennaan hiraaraa jiruuf even carraa yaada isaa ibsachuunii danda'u hin laannuuf yaada saa dhageennus deebii gahaa hin laannuuf tuffannee bira tarra haasofni nama saniis qoosa nutti fakkaata .........maaliif garuu???
Jaalalli immoo cubbuudha akkuma ati nama siif miidhame san irratti qoosaa turte hunda dabareen kee ta'ee gaafa sirrattis qoosantu dhufa
Yeroo san waan jaalalti nama gootu siif gala namoota duraan jaalalaan miidhaa turte hundaaf gaafa sirras gahee agarte hubattaaf maa'anaan jaalalaa guyyaa san siif gala
Nuti namoota yoo jedhamnu yeroo bayyee dantaa keennaf malee dantaa namaatif jennee daqiiqaa takkaaf hin dhiphannu mee kan jaalanne qofaaf osoo hin taane kan nu jaalatuufis carraa of tahee jiraachuunii danda'u haa laannuuf kan nama sanii ta'uu dandeenna taanaan jaalalaaf kabajaan nama san simachuu
Kan nama sanii ta'uu hin dandeennu taanaan akka sirraa abdii kutatee of tahee jiraatuuf yaada kee ifaaf bilisaan an kee ta'uu hin danda'u jettee kabajaaf jaalalaan ofirraa geggeessuu itti dabbaramuuf jennee itti kokkolfinee miira addaa keessa galchinee ta dur caalaa jaalalaan nama san miidhuun keenna bor nuufis miidhama taati yeroo san seenaa keessaa bayuu hin dandeenne keessa seenna. Kannaaf jaalalaan hin qoosin jaalalli salphaa miti ..!!!!
No comments:
Post a Comment