Waan hundaa dursii argami (be proactive)

Adduunyaa kana keessatti hammi isaa xinnaatus guddatus dhiibbaa uumuu akka dandeettu beekuu qabda. Kana godhuudhaaf immoo yeroo hunda waan Adduunyaan siif dhiyeessitu qofaan masakamuun sirra hin jiraatu. Ati mataan kee dursitee argamuu, waan sitti dhufuu dandahu tokko dursitee tilmaamufii irra aanuun barbaachisaadha. Miira kee toohachuudhaaf aangoo guutuu qabda. Waan namni nama godhu/ namarratti hojjatuuf yaalu caalaa haala nuti waan sana ittiin hubannuutu murteessa. Waan namni siin jedhe toohachuuf aangoo dhabdus waan si godhan saniin miira kee miidhuu dhabuuf garuu aangoo guutuu qabda. Waan namni si aarsa jedhee dubbate ati guutumaan guututti ofirraa qolachuu ni dandeessa. As biratti Geengowwan Ilaalchaa ( Circles of Attitude) lama isiniif qooduun barbaada;

A. Wantoota Ati Toohachuu Hin Dandeenne (Circle of Influence) 

Wanti geengoo kana keessaa waan ati guutumaan guututti toohachuu hin dandeennedha. Fakkeenyaaf namni tokko yoo ganamaaf galgala si dallansiisuuf waan kee dubbataa oole, yoo maqaa kee balleessuuf yaalaa oole, yoo si miidhudhaaf shira xaxaa oolee bule ati nama sana afaan qabuu/yaada isal sana dirqisiistee dhiisisuu hin dandeettu. Hamma fedhe yoo dute qarriffaa isaa irraa cabsuu hin dandeettu Tarii adeemsi seeraa akkuma jirutti ta’ee jechuu kooti. Kanaaf wanti qaama biraatiin sirratti raawwatamu kamiyyuu toohannaa keetin ala jira jechuudha.

B. Wantoota Ati Toohachuu Dandeessu (Circle of Control) 

Wanti geengoo kana keessa jiru hundi waan ati guutumaan guututti toohachuu dandeettudha. Akka fakkeenya asii oliitti ilaalletti namni tokko dalagaa si godhatee waanuma kee qaaqaa yoo oole, nama san gurra dhoowwattee, haasaa isaa sana gatii dhabsiisudhaaf, jalaa cal’istee isa salphisuudhaaf aangoo guutuu qabda. Maalif jennaan, aaruu dhiistee waan sanatti baacuu/ nama sanitti kolfitee inumaa ittiin bashannanuudhaaf aangoon guddaan harka kee waan jiruuf. Gama biraatiin waan kamuu keessatti ilaalcha akkanaa horachuun barbaachisaadha. Waan jireenya kee keessatti si mudatu toohachuu dadhabdus waan si mudate sana akka si hin miinetti keessummeessuun harka kee jirti. Maalif osoo kana godhuu dandeettu akkana na godhan jeten aartaree? Maalif namni biraa akka si miidhee miidhama keetitti gammadu hayyamtaree? Hin hayyamin! 

Kutaa 2ffaa Ilaali

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...