WAAN QABATTEE JIRTUU SIRRIITTI BEEKII


Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiran nama harkatti busheessurra darbee gatii hin malleenuu of nama sharafsiisa.

Isa kan keettiti dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa.harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaatuma fakkeenya tokko waliin haa ilaallu mee dura.

 Bara durii.... 

Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahani.guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbiifi beela hammana hin jedhameen waan hubamaniif fala osoo barbaadaa jiranii,namichaa gosaan warra guddaa kan hoolaa gateetti(gurmuu)isaatti baatee adeemu tokko halaalatti argani. 

Isaan sadan keessaa tokko"Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?" ittiin jechuun yaada dhiyeesseefii.inni tokkos yaada kanatti mataa isaa oliifi gadi sochoosuun gammachuudhan walii galuu isaa ibsate.Inni hafe immoo,"hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu akkamittiin akka irraa fudhannuuf falli jira"jechaa falaa sana isaaniifan dhiyeessa jedhe. 

Xumuranii akkuma walii galtee isaanii gochuuf ka'anii karaa namichi irra darbu irra,fageenya murtaa'aan walirraa fagaatanii dhaabbatani.      

Inni jalqabaarra dhaabbatu namicha hoolaa baatee adeemu sanaan,"Maali namichoo ati gosa warra guddaa taatee saree gateettii keetti baattee adeemtaa? Namni biraan si argee osoo nama kolfaa si hin godhiin ofirraa darbi saree kana!"ittiin jedhe. 

Namichi inni hoolaa baatee adeemu sunis,"Namichoo hoolaafi saree adda baafatteeyyuu hin beektuu?๐—บaraataa! Kan ani baadhee jiru hoolaa malee saree miti.๐—ฎna osoo hin taane situ saree baatee jira"jechuun bira darbee adeeme. 

Hoolaa isaa baatee utuma adeemaa jiruu,bakka namicha isa lammataa gahe.namichi karaarra dhaabbatee jiru kunis hin callisne.dabaree isaa,"Har'ammoo saree gateettiti baachuutu eegalamee safuu! hollee bullee,waan hedduu arginee dhageenya.maal taatee jirta namanaa?"yeroo inni jedhuunii,kan hoolaa baatee jiru sun akka duraa ija jabaatee ifachuu hin dandeenye.ifachuu dhiisuurra darbee iyyuu nahee jira.miira sodaa makateen,harka isaan qaqqabachaa hoolaa ofirratti ilaalaa,"Hoolaa mitimoo kanaan baachaa jiru kun?hoolaadhuma Sareen kana hin fakkaattu"jedhee bira darbee adeeme. 

Shakkiin baay'een humna isa irratti godhatee jira.hoolaafi saree ta'uu adda baafachuuf ofitti odeessaa adeema.  

Isaa akkanaan jiruu nama isa sadaffaa bira gahe.kan sadaffaa sunis"maaliif maqaa warra kee warra guddaa nyaatta?Saree baattaa?isayyuu gateettiti!osoo namni biraan sin argiin lafa buusii badi!"jedheen.kana dhagahee qilleensa jidduu hin galchine kan inni hoolaa lafa buusee fiigichaa eegale. 

Akka kanatti jarreen hoolaa isaanii fudhataanii galanii qalatanii nyaatanii jedhama!

Barbaachisummaa waan baatee jiruu beekuu dhabuun isaa hoolaa isaa isa dhabsiise.qabeenyi isaa hoolaa ta'uu isaa wallaalchisee jechi saree jedhu isa salfachiise.kun miindaa waan qabatee jiru wallaaluti,miindaa ofitti amanamummaa dhabuu isaati. 

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...