Showing posts with label dubbisuu. Show all posts
Showing posts with label dubbisuu. Show all posts

Ni dandeessa You can do it


➥ Wanti ati kun "hin danda'amu baay'ee ulfaataadha" jettu caaladhumattiyyuu sitti ulfaata.  Faallaa kanaa wanta ulfaatu kamuu kutannoodhaan itti deemnaan baay'ee salphaadha. 

➨ Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama'i! Dhamaatii fi milkaa'inni kee hiika abjuu keeti.

➨ Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta'uun hin jiru waan ta'eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata. 

➨ Jalqabni Milkaa'ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu'is miti, si'uma si'i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji'a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee. 

➨ Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname. 

➨ Diina ofiitii gadi ta'anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru. 

Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati.

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!  

Dubbiisuun akka Nyaatati


Qaama keenya nyaata adda addaa filachuun sooraa oolla. Soorata nuti nyaannu qaama keenya ijaaruuf gahee guddaa qaba,sooranni summaa'a alaa'anis qaama keenya burkuteessuu danda'a. 

Akkuma nyaatan qaama keenya kunuunsinu sammuun keenyas nyaata fedha. Kitaabni nyaata sammuuti. Akkuma nyaanni balfaa'e qaama keenya summeessu Kitaabnis sammuu keenya summeessuu waan danda'uuf Kitaaba dubbisnu haalan filachuu qabna.

Kitaabota sammuu keenya positively jijjiiruu danda'an,kitaabota iccitii milkaa'inaa,ogummaawwan jireenyaa nutti mu'isan qu'achuu qabna. 

Kitaaba gaarii jireenya kee jijjiiruu danda'an hin dubbisin,qu'adhu malee. Siif galee jira mitii,nadhii kitaabichaa haalan xuuxuuf akka saayitistiitti qu'achuu qabda.

Dubbisuun waan gaariidha


Dhaloonni dubbisu, waan baru qaba. Sammuun waan barreessee dhalootaaf waan dubbisu gumaachummoo gatii jaba qaba. Sammuu isaatti dhimma baheera. Sammuun nama, waan tolaas, waan badiis ni kalaqa. Barreeffama keessas kun ni jira. Gama kamiinuu, wanti ati dubbisuutti jirtu, dandeettii yaada sammuu nama tokkooti. Dandeettii hubanna sammuu nama tokkooti. Ogummaa kalaqa sammuu nama tokkooti. Hunda dhugaaf dhara isaa, faayidaaf miidhaa isaa, bu'aaf hir'ina isaa kan hubachuu qabummoo si isa dubbisaa jirudha. Anis innin dubbisaa jiru, akkuma inni barreesse sammuu isaatti fayyadamee, buusee baasee yaada sammuu isaa kana dandeettii sammuu kootiin calalee simachuun qaba. Barreeffama tokko keessatti Arraba gaafan argu isan fudhee arrabatti amaneen ogummaa godhadha miti. Dandeettii arrabsuu danda'uu isaa garuu nan dinqisiifadha. Alex Abraham Kitaaba isaa, Dr Ashabbir jedhu keessatti, Jechoonni inni Arrabaaf fayyadamu, Dubartii Marraabitee irraa dhuftee Ollaa keenyatti galte takka na yaadachiise. Ilma tokkicha qabdu tokka akkatti isheen arrabsitu uggum!😂 Hundan yaadadhe. Yeroo isheedhaan ollaa turres nan kolfa. Gafa kitaabicha dubbisus nan kolfaa dubbise. Barreeffamni akkasi, humna isaati akka jaa'insiifattu si godha. Taatee keessa darbites si yaadachiisa. Ilaalcha Oromoo gaafan dubbisu, Jechootan dagadheef, gochoota maatiin koo, Akkoof Akaakayyuun koo yeroon ijoollee xiqqoo ture dubbataniif, gocha isaan raawwatanin yaadadha. Barreeffamni sin barsiifneef sammuu kee duubatti deebisee hin haaromsine hinjiru. Kanaaf garuu jalqaba; ati nama jireenya jiraatee arge ta'uutu barbaachisa. Jireenya jiraatanii arguu, deebi'anii waan yaadatan qabaachuuf barbaachifti.

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...