Showing posts with label aduu. Show all posts
Showing posts with label aduu. Show all posts

Yoom iyyuu hin baduu onnee kan koo keessa yaadni kiyyaa sumaa guyyaafi halkan keessaa

 


Ajab yaa haasaashee

Mi'aan akka dammaa

Naan haasawuu feeti

Qalbiin ammaa amma


Kiloolee  sagalee

Yoo isheen dubbattuu

Qalbiin koo san malee

 Waan biraan hubattu!


Yoomiyyuu hin baddu

Onnee kankoo  keessaa

Yeroo mara taa'een

Waa'ee kee odeessa

Bareedduu Harargee

Intala Baddeessaa...

Onneen si jaalattee

Eessuman of geessa.


Waa'ee kee odeessuun

Nat tahe amala

An siin booji'amee

Maaltumaa naa mala


Amala qabeettii

Intala abbaa biyyaa

Kankee naaf kennii koo

Fudhu onnee tiyya

Dheebuu jaalala kee 


Galgala keessa abbaa manaadhaaf bilbilli bilbilama. Abbaan manaatis haadha manaatin "Bor firoonnikoo ni dhufna naan jedhan" jedhee waan bilbilaan dhaga'e itti hima.

Haati manaas akka aaruu wayii taatee " maal hojjechuu dhufu" jetteen. Abbaa manaa: maalan beekaree, garuu dhimma wayii qaabachuu danda'u nagaadhaaf dhufna nan jedhaniiru.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha manaa:isammoo meeqa ta'anii dhufukaa?

Abbaa manaa : isa hin gaafanne...nidhufna naan jennanan tole jedheen malee.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha mana: ana maal na dhiberee haa dhufanika..

Abbaa manaa: qophaa'uu qabna. Keessummaan yeroo dhufu cal hin jedhamu.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha mana: Ani wantan qopheessu tokko hin qabu. Silas waa'ee mana keenyaa isaanu ni beeku.

Abbaa mana: akkasimmaa hin jedhamu wanta bibbitamullee natti himiitii biteen waa qoqopheessinee eegna.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha manaa: waa tokkoyyu hin barbaachisu wanta jiru mi'effatu.

Abbaa manaa: maaltu jira? 

Haadha manaa: bishaanis yoo ta'e... kan biraa wantin qopheessu hin jiraatu

Abbaa manaa: lakkii dhiisi maaf akkas jetta. Namni fira qaba jedheetu nujaallatee mana keenya dhufa mitii...gaafuma ol lixanirre waan afaan kaa'atan haa qopheessinu.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha manaa: haa dhufani wanta jiru nan dhiyeessafi. Akka kanatti utuma wal mormanii lafti bari'a. Abbaan manaatis ganamaan ka'ee waa'ee manicha yoo ilaalu oomtu hin jiru. Cireenis hin jiru. Haati manaatis cal cal jettee hirriibashi tumaa jirti. Yeroo kana argu abbaan manaatis mana dhiisee deeme. Battaluma inni manaa ba'een haati fi abbaan haadha manaa firoota ishee kan biroo wajjin baay'atani gara manaa dhufani. Yeroo kana rifattee lafa seentu wallaaltee gara abbaa manaa isheetti bilbilte....

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha manaa: Maaliif firoonnikee nidhufu jettee natti hin himtu turte. Maalan sigodhe abbaa fi haadhako duratti na qaanessita Abbaa manaa: sitti himeen tureem 

Haadha manaa: Firoonnikoo ni dhufu nan jette malee fironnike ni dhufu naan hin jenne.

Abbaa manaa: Eeyyee garuu fironnikee firoota kooti jedhee wantan yaadufan akkas siin jedhe.

Haadha manaa: amma maal gochuun qaba? Bitaa natti galeera.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Abbaa manaa : keessummeessi kan biraa maal gootaree

Haadha manaa: wanti qophaa'e wantii gaarii tokkolle hin jiruum manni duwwaadha.

Abbaa manaa: maal wayyaree??

Haadha manaa: mana nyaatatiyis ta'u wanta nyaatamu fidii koottu malee..

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Abbaa manaa: ani amma hojiirran jira dhufuu hin danda'u. Ati maaltu sidhibe cal jette wanta mana jiru kenniif. Manichafoohaaraa  miti ni beekuu.

Haadha manaa: wanti tokkoyyuu hin jiruuBishaanillee haa ta'u kenniif jedheen jedhama.

Gaarummaa yaaduu fi hojechuun ofumaafi.Rakkinni akkasii kun mana baay'etti ni

mullata.Obboloonni keenya doogoggora akkasii irraa of eegaa.Mee seenaa kana irratti eenyutu balleesse jettu?

Deebiisaa isiniifan dhiisa.

Dubbisuun waan gaariidha


Dhaloonni dubbisu, waan baru qaba. Sammuun waan barreessee dhalootaaf waan dubbisu gumaachummoo gatii jaba qaba. Sammuu isaatti dhimma baheera. Sammuun nama, waan tolaas, waan badiis ni kalaqa. Barreeffama keessas kun ni jira. Gama kamiinuu, wanti ati dubbisuutti jirtu, dandeettii yaada sammuu nama tokkooti. Dandeettii hubanna sammuu nama tokkooti. Ogummaa kalaqa sammuu nama tokkooti. Hunda dhugaaf dhara isaa, faayidaaf miidhaa isaa, bu'aaf hir'ina isaa kan hubachuu qabummoo si isa dubbisaa jirudha. Anis innin dubbisaa jiru, akkuma inni barreesse sammuu isaatti fayyadamee, buusee baasee yaada sammuu isaa kana dandeettii sammuu kootiin calalee simachuun qaba. Barreeffama tokko keessatti Arraba gaafan argu isan fudhee arrabatti amaneen ogummaa godhadha miti. Dandeettii arrabsuu danda'uu isaa garuu nan dinqisiifadha. Alex Abraham Kitaaba isaa, Dr Ashabbir jedhu keessatti, Jechoonni inni Arrabaaf fayyadamu, Dubartii Marraabitee irraa dhuftee Ollaa keenyatti galte takka na yaadachiise. Ilma tokkicha qabdu tokka akkatti isheen arrabsitu uggum!😂 Hundan yaadadhe. Yeroo isheedhaan ollaa turres nan kolfa. Gafa kitaabicha dubbisus nan kolfaa dubbise. Barreeffamni akkasi, humna isaati akka jaa'insiifattu si godha. Taatee keessa darbites si yaadachiisa. Ilaalcha Oromoo gaafan dubbisu, Jechootan dagadheef, gochoota maatiin koo, Akkoof Akaakayyuun koo yeroon ijoollee xiqqoo ture dubbataniif, gocha isaan raawwatanin yaadadha. Barreeffamni sin barsiifneef sammuu kee duubatti deebisee hin haaromsine hinjiru. Kanaaf garuu jalqaba; ati nama jireenya jiraatee arge ta'uutu barbaachisa. Jireenya jiraatanii arguu, deebi'anii waan yaadatan qabaachuuf barbaachifti.

Walaloo Gadaa

 


Mana wacaan hin jigne 

Kan utubaan sibiilaa 

Alagaan diiguuf abjootti 

Fagoo teessee alaala 


Karaa keetti  deebinaan 

Gatii dhabnaaf gororihu 

Bofaa gaafa  ajjeesan 

Dura mataa dhahu 


Qoraattii muka keessaa

Maaf nan ciraa of rakkista

Iddasaa takkaa  dhoofnaan 

Dhaabitti goggoksita 


Warreen  Oromoo bituuf 

Caraananii iyyani 

Qoraattii muka keessaa 

Itti ta'e Gadaani

Walaloo Gowwaa


Samii lafa  jalaa 

Dhukataa hin mul'anne 

Halkan  gurraacha limixi 

Kan gufuu,hin gufanne 


Isa aduun itti qorree 

Yandoon itti bulluqu 

Karri dhugaa dhiphateefi 

Uraa lilmoon lulluuqu 


Kan nyaatu hin furdanne

Huqqataa hidda mixii 

Midhaan jedheetu bukeessa 

Corroqa akka lixii 


Guyyaa sireerra oola 

Halkaniin isa joorsa 

Jiruu bineensaan morka 

Akka waraabessaa 


Lafti jalli samii 

Samii gubbaan lafa  

Foon isaaf  lafeedha 

Lafeen ammoo nafa 


Ergaa alagaaf jedhee 

Miila cabaan  okkolfata

Damma lammii gola kaahee

Diinotasaaf  raqa baata 


Coomaaf daadhii mana  firaa

Alaalatti baqata 

Mana warra diinaa dhaqee 

Hanqaarii kajeellata 


Isaaf  guyyaan  halkani 

Halkani immoo  guyyaa 

Obbolaaf du'a sirbee 

Alagaaf naasuu  iyya  


Waldhabaa luka  Harree 

Shafoon koophee biqilche 

Hin qabu gowwaan akkaataa 

Gamni boonyaan ililchee

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...