Dubbisuun waan gaariidha
Dhaloonni dubbisu, waan baru qaba. Sammuun waan barreessee dhalootaaf waan dubbisu gumaachummoo gatii jaba qaba. Sammuu isaatti dhimma baheera. Sammuun nama, waan tolaas, waan badiis ni kalaqa. Barreeffama keessas kun ni jira. Gama kamiinuu, wanti ati dubbisuutti jirtu, dandeettii yaada sammuu nama tokkooti. Dandeettii hubanna sammuu nama tokkooti. Ogummaa kalaqa sammuu nama tokkooti. Hunda dhugaaf dhara isaa, faayidaaf miidhaa isaa, bu'aaf hir'ina isaa kan hubachuu qabummoo si isa dubbisaa jirudha. Anis innin dubbisaa jiru, akkuma inni barreesse sammuu isaatti fayyadamee, buusee baasee yaada sammuu isaa kana dandeettii sammuu kootiin calalee simachuun qaba. Barreeffama tokko keessatti Arraba gaafan argu isan fudhee arrabatti amaneen ogummaa godhadha miti. Dandeettii arrabsuu danda'uu isaa garuu nan dinqisiifadha. Alex Abraham Kitaaba isaa, Dr Ashabbir jedhu keessatti, Jechoonni inni Arrabaaf fayyadamu, Dubartii Marraabitee irraa dhuftee Ollaa keenyatti galte takka na yaadachiise. Ilma tokkicha qabdu tokka akkatti isheen arrabsitu uggum!😂 Hundan yaadadhe. Yeroo isheedhaan ollaa turres nan kolfa. Gafa kitaabicha dubbisus nan kolfaa dubbise. Barreeffamni akkasi, humna isaati akka jaa'insiifattu si godha. Taatee keessa darbites si yaadachiisa. Ilaalcha Oromoo gaafan dubbisu, Jechootan dagadheef, gochoota maatiin koo, Akkoof Akaakayyuun koo yeroon ijoollee xiqqoo ture dubbataniif, gocha isaan raawwatanin yaadadha. Barreeffamni sin barsiifneef sammuu kee duubatti deebisee hin haaromsine hinjiru. Kanaaf garuu jalqaba; ati nama jireenya jiraatee arge ta'uutu barbaachisa. Jireenya jiraatanii arguu, deebi'anii waan yaadatan qabaachuuf barbaachifti.
Akka fetee na gottee, Barbaadus na dhistee, kan bira filaate, anattin tufattee
Ani bar....Akkuma dacheettin Nuffii malee si baadha Hin fakkeessu hin akkeessu Dhuguma dhugaan si jaaladha Darbannaa eeboo jecha kee Obsee damdamadhee Imimmaan keessa koos Haqxuudhaan haqadhee Taa'i jettu taa'een Faallessinaan ka'a Siif jedhee meeladheen Okkolee naafa ta'a Atimmoo..... Bishaantu qallateef Loltee na doorsista Akkuma abbaa irreetti Hiitee nat-roorrista Yoo feete na dhibamsiistee Feetummoo na fayyista Hawwitu na ajjeestee Feetu du'aa na kaasta Feetu na boochistee Na mankaraarsita Feetu qirqirsitee Na kokkofalchiista Fuula keerra hin jiru Miirrif yaadni jaalalaa Nan ilaala hin mul'atu Onneen kee halaalaa Egaa....... Ammas siifan hima Isuma akka kalee Homtuu nan gammachiisu Yoo si taate malee Ol baasii gad-buusii Dhaamsa koo hubadhu Fageenya dhiisitii As natti dhiyaadhu Callistee nan cinqin Haalaan nan dubbadhu Dhokattee hin taa'iin Ol ka'ii natti mul'adhu!
Jaarsan itti ergadha
Sirraa fagoo taa'ee
Amman si dharrahuu
Guyyaaf halkan deemee
Ganda keessan gahuu ?
Otoon jaarsa ergee hoo
Abbaan kee ni didaa
Moo si naaf kennee
Walitti nu fida
Dhuka lafee kootii
Intala baadiyyaa
Safuu sabaa guuteen
Si godhadhee kiyya
YAA LEENCAA
Odoo gatiikee Beeknee
Silaa mukarra hin bultu
Barattii badeef malee
Daggala keessa hin galtu
Barbaaddu lafaan dhooftee
Mataa gubbaarra teessaa
Maqaan keeyyuu mootiidhaa
Hammuma maqaa geessaa
Silaa ati hoogganaadhaa
Hundumaa ni ergattaa
Siree gubbaarra ciistee
Dammaaf cooma murattaa
Teessoo si jalaan deemu
Bookaf nadhii unnattaa
Aduun dirra kee hin nyaatu
Maasara keessa ooltaa
Kan feetetti hammaattee
Kan feetettimmoo toltaa
Miila keetis dhiqanii
Dibanii si nyaachisuu
Nyaatan barbaadadhaaf
Olif gad sin kaachisuu
~Ilaa.........
Ilaa mee yaa mootikoo
Ajajaa warra Guddaa
Ati ulfeeffamaadhaa
Mootii mootota hundaa
Waan tokko si gaafadhuu
Hundumaa ni dandeessaa
Beekaf wallaalaa hin jettuu
Hundayyuu ni dhageessaa
Garuu hanguma yoomiitti
Roobaf aduun dhaanamtaa
Gogaan kee miidhagaadhaa
Duutullee barbaadamtaa
Otoo guddaa taatee jirtuu
Maalif daggala teessaa
Maqaa kee yoo waaman
Hundumtuu si ulfeessaa
Baankiwwan biyya keenyaa
Maqaa keen moggaafamuu
Warshaalee bebbeekamoon
Maqaa keen oomishamuu
Gamoo babbareedaniis
Maqaa keen ijaaramaa
Warri sodaatamaaniis
Kabaja keen waamamaa
~Akkamiin hin beeknuree....
Akkanan waamamuukee
Dhageenyee quba qabnaa
Maaf hin beekne ni beeknaa
Akkamiin garaa dhabnaa?
Egaa yaa Leencotakoo
Dhaamsa tokkon siif dhaama
Har'aan booda maqaakee
Mootii jedheen si waamaa
Eeyyeen ati mootiidhaa
Daggalli siif hin maluu
Waangoo maasaraa yaasi
Inni daggala haa galuu
Hunduu si'iin of waamaa
Guddisee of dhaadhessuu
Hanga yoom kaa mootiikoo
Mee kan bosona teessuu
Kabajamoo leencota koo
Addunyaan tun keessanii
Maqaan keessan ulfaadhaa
Hamma Maqaas geessanii
Maqaan kee mootiidhaa
Hooggansas ni dandeechaa
Teessoon kee maasaraadhaa
Baroodii kaa YAA LEENCAA
Walaloo Gowwaa
Samii lafa jalaa
Dhukataa hin mul'anne
Halkan gurraacha limixi
Kan gufuu,hin gufanne
Isa aduun itti qorree
Yandoon itti bulluqu
Karri dhugaa dhiphateefi
Uraa lilmoon lulluuqu
Kan nyaatu hin furdanne
Huqqataa hidda mixii
Midhaan jedheetu bukeessa
Corroqa akka lixii
Guyyaa sireerra oola
Halkaniin isa joorsa
Jiruu bineensaan morka
Akka waraabessaa
Lafti jalli samii
Samii gubbaan lafa
Foon isaaf lafeedha
Lafeen ammoo nafa
Ergaa alagaaf jedhee
Miila cabaan okkolfata
Damma lammii gola kaahee
Diinotasaaf raqa baata
Coomaaf daadhii mana firaa
Alaalatti baqata
Mana warra diinaa dhaqee
Hanqaarii kajeellata
Isaaf guyyaan halkani
Halkani immoo guyyaa
Obbolaaf du'a sirbee
Alagaaf naasuu iyya
Waldhabaa luka Harree
Shafoon koophee biqilche
Hin qabu gowwaan akkaataa
Gamni boonyaan ililchee
GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?
Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...
-
Intalli durbaa kun guyyaa tokko yakka cimaa hojjattee mana murtii dhiyaatte. Adabbiin yakka isheen hojjatteef kennamu silaa hidhaa umrii guu...
-
Gaafa rimottii dhaan bakkuma jirtu teessee Tv irraa waan feete jijjiirrattu argannoo isaa fayyadamaa jirta. Gaafa switch fayyadamtee ibsaa ...
-
➥ Storge/Familial/jaalala maatii Jaalala maatin walii wajjiin qabuudha. Ijoollee fi warri jaalala walii isaan qabaniidha. ➥ Eros /jaalala i...
-
#Bareedinumti jireenyaa maali? Awwaala namni hundi wal qixaan keessatti boqotu yaadaan ilaalaa gaaffilee kana deebisuu haa yaallu! 1. M...
-
Dr. Myles Munroe kitaaba isaa "POWER of VISION" jedhu irratti waa'ee mul'ataa akkana jedha; Mul'anni maddaafi abdii j...
-
Namoota erga du'anii waggaa 200 ol ta'an har'agaruu seenaan isaanii anaafi si warra lubbuun jiran caala kan dubbatamu baay'e...
-
Si haa ga'uu nagaan jaalalaa koo bakka ati jirtu hundaatti, Shamshamee koo guyyaan si barree kaasse hangaa yoonnatti yoon si jaaladhes a...
-
Ajab yaa haasaashee Mi'aan akka dammaa Naan haasawuu feeti Qalbiin ammaa amma Kiloolee sagalee Yoo isheen dubbattuu Qalbiin koo san m...
-
✵Gaafa 𝑟𝑒𝑚𝑜𝑡𝑒'dhaan bakkuma jirtu teessee Tv irraa waan feete jijjiirrattu argannoo isaa fayyadamaa jirta. ✵Gaafa 𝑠𝑤𝑖𝑡𝑐ℎ fayy...
-
@Waanuma ati har'a hojjettu immoo ilmi kee boru hojjeta! -Waanuma ati har'a dhoksaatti hojjettutu boru ifatti bahee odeeffama. Ofii...