Showing posts with label afaan. Show all posts
Showing posts with label afaan. Show all posts

Bilbila lafa hin kaa'u naaf bilbiltaan eega


Sin yaadu seetee bar hedduun si yaada

Har'a qofaaf miti boriif sin barbaada

Halkan waarii ka'een bilbila koo darara

Text keen hawwee naaf kottuka hadaraa


Bilbila lafa hin kaa'u naaf bilbiltaan eega

Akkattaan jiraadhu anifi rabbiitu beeka

Har'a si dhabus of cinaa nan eega guyyaan jira

Eessa badde jedhaatoo sinis naaf barbaadaa yaa fira


Dhugaadha ni dhufta abdiinan si eega

Sin jaaladha kiyyaa koo onneen keettu beeka!!

Yeroo lubbuun jirtu


Gaafa lubbuun jirtu gaafa ati fayyaa

Akka itti kuftuuf siif qota hallayyaa

Erga ati duutee hobbaafatte mara

Waan addunyaa xumurtee gaariis tahee yaraa

Siif booya gadoodee buusee imimmaan dharaa!


Innoo sin fayyadu yeroonsaa dur taree

Gaafa itti duultu uummatteetoo garee

Of booda deebi'ee har'an tahu kalee!

Gaafa san bineensa gootee itti duultee

Maqaa isaatirra kosii meeqa tuultee

Akka itti kufuuf qotaa boolla meeqa

Irratti darbachaa daangaa malee qeeqa


Waan wal him fakkaanneen balleesita maqaa

Galmee hayyootaarraa qalama keen haqaa

Arrabsoo barbaada ganda meeqa dhaqaa

Turte gaafas yeroo jirtu kan saa lubbuun

Waliim walit hidhaa maqaa isaa cubbuun


Har'a inni deemee boqochuu saa barraan

Jaalala ummanni isaaf qabu garraan

Eegalte fakkeessuu quuqamaa akka malee

Osoo hin saalfatin wanta jette kalee

Booya sobaa boocha godhattee hamilee

𝘉𝘖𝘊𝘈 𝘕𝘈𝘍𝘚𝘈𝘈𝘓𝘈 𝘋𝘜𝘉𝘈𝘙𝘈𝘈


◉ Akkuma dubartoonni bocaa fi bifaan gargar ta'an nafsaalli isaanis dubara irra gara dubaraatti boca, haalluu fi ijaarsa garaa garaatin akka addaa adda ta'eedha.

➊ Nafsaala mataarraa boca akka lafee qabu. Kuni keessattuu dubartoota gaggabaaboo irratti kan mul'atuudha. Dhiirri gosa kana ni jaallata. Sababa salphumatti sirnaan waan qabuufi miira gaarii waan itti dhageessisuuf.

➋ Hidhii nafsaala coomee. Kuni alli nafsaala dubartii foonin kan sirritti guuttameedha. Baay'ee lallaafaa waan ta'eef dhiiratti ni tola. Haaluma salphaadhan raawwachuuf mijataadha. Asitti rifeensi gara keessatti guddatu hin muudatu.  

➌ Nafsaala akka yeroo durbaa. Dhiirri kamiyyuu gosti kun itti tola. Sababiin isaas kuni dhiphaa waan ta'eef rigata cimaa uumuudhaan miirri gaarin dhiiratti akka dhaga'amu godha. Nafsaala dhiiraa jabeessee waan qabuuf baay'ee tolaadha.

➍ Kottee fardaa: Akkuma maqaasaa gosti kun kottee fardaa fakkaata. Akkuma miila fardaa gubbaarratti banamee jalatti walitti galuudha.

➎ Bifa habaaboo kan fakkaatu. Hidhiin keessaa sirnaan mul'ata. Isa ala jiru faana hammaan kan walqixa ta'eedha. Kuni akkuma habaaboo gara hundaanuu hidhiin nafsaalaa kan gadi dacha'eedha. ♨️@iccittijaalalaa

➏ Bifa maggaarrajaa kan fakkaatu. Kuni baay'inaan kan beekkamuudha. Hidhii xiqqaan inni nafsaala irraa kan as jidduutti ba'uudha. Waan hunda haguugee dhoksuu kan danda'uudha. 

➐ Cufaa kan ta'e. Kuni baay'inaan kan argamu miti. Walitti kan cufameedha. Hidhiin nafsaala dubaraa alaa fi keessaa akka malee gabaabbachuun kanaaf sababa ta'a. Hidhiin inni ala jiru isa keessaa haguugun kan duuchee argamuudha.

◉ Gosti nafsaala dubartii kamiiyyuu normal kan ta'eedha. Garaa garummaan bocaa kan uumamu hidhii nafsaala keessa fi alaatti argamu irraa ka'eeti. Ijaan gaafa ilaallamu garaa gara haa ta'u malee keessi isaa tokkichuma. 

Walaloo ~ Afaan dhala namaa


Afaan dhala namaa

haasa'uu hin nuffuu

Warreen gurra laatan

kararratti hafuu

~

Dubbattu dubbataa

callistu sodaataa

Akka feete taatu

namni maqaa laataa

~

Kaayyoo lakkisanii

namaaf gurra laannan

Bakka yaadan mitii

karraa gad hin ba'an

~

Oduu namaa dhiisi

kayyoo keef jiraadhu

Tabba milkaa'inaan

danqaa kee moo'adhu

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...