JAARSA BEELA'EE DAABBOO GOGAA OF HARKAA QABU


Guyyaa tokko jaarsi beela'e tokko daabboo gogaa harkaa qabu waan ittiin laaffisee nyaatu kadhachuuf naannoo mana nyaataa tokko taa'e. Xinnoo akkuma achi taa'een fooliin nyaataa baayyee nama haawwatu afaan isaa hancufaan guute.Jaarsi kunis daabboo gogaa harkaa qabu ija isaa dunuunfatee akka ittoo fooliin isaa funyaan isaa seenen nyaatutti of amansiisuun daabboo isaa nyaate. 

Haala nama kanaa ilaalaa kan ture abbaan mana nyaataa sanaa,Jaarsa kana bira dhaquun silliqsee qabatee kan funfatteef kaffali jedhee ija itti babaase. Jaarsi hiyyeessi sunis"Anoo qarshii hin qabu.Yoo barbaadde abbaa murtii bira na geessi"jedheen.Namichis abbaa murtii bira geessun wanta uumame marayyuu tokko lamaan itti hime. Xumura irrattis abbaan murtii jaarsi hiyyeessi sun kan funfateef akka kaffalu itti murteesse.

Xumura irratti abbaan murtii kun qarshii akka jaarsichi kanfaluuf itti murtaa'e"Ani ofii koon kaffalaaf"jechuun Abbaa mana nyaaticha ofitti waamun,Saantimoota kiisa isaanii keessa jiru baasun harka isaanii laman gidduu naquun gurra isaatti qabanii'shak shak shak' gochuun sagalee isaa dhageessisan.Itti fufuun abbaan murtii"Deemi egaa ani kaffaltii jaarsa kana irra jiru siif kaffaleera"jedhaniin abba mana nyaatichaan.Namichis walii wallaalee"Maal jechuudha kun abbaa murtii? sagalee isaan dhaga'e malee yoomin fudhadhe"jennaan."Jaarsi kunis foolii isaa fuunfate malee yoom nyaate?"jechuun deebisaniif jedhama.waan gaatii itti hin baafne fudhachuuf hin rakkatiin yeroof humna kee qisaaseessa. 


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...