HUNDUMTUU DUUNEERRAA


Yeroo tokko jedhama,Hojjetaa wangeelaa yeroo dheeraadhaaf waldaa tokkotti baay’ee dadhabee tajaajilaa ture tokkotu ture.Namni Waaqayyoo kun dhugaa barbaada,dhugaa tajaajila, dhugaa barsiisa, dhugaan jiraata ture. Amantoonni inni baay’ee wajjin dadhabu kun garuu akkuma dhaaba irraa sanaa ija gaarii utuu hin taane ija hadhaawaa naqatani.Karaa Waaqayyoo caalaa karaa biraa filatani.Jal’ina akka uffataatti uffatani.Cubbuu akka bishaaniitti dhudha’anii garaa guuttatan.Namni waan kana ilaalee gadde kun gaaf-tokko akkas godhe;Saanduqa reeffaa hojjetee,Daawitii/oflaallee dheeraa ol garagachee keessa godhe.Guyyaa Sanbata guddaas fuudhee waldaa deemee iddoo aarsaa irra kaa’e.Amantoonnis dhufanii waldaa guutan.Waa’ee Saanduqa reeffaa iddoo aarsaa gubbaa taa’u sanaa Hundumtuu wal gaafatee dudubachuutti ka’e.Hojjetaan wangeelaa sun achi ba’ee amantoota erga nagaa gaafatee booda“Har’a nama guddaa nuti qabnutu nujalaa du’e.Hundumtuu toora galaa koottaatii tokko tokkoon ilaalaa jedhe”. Hundumtuu akkuma inni jedhe tti dhufee yoo Saanduqa reeffaa keessa gadi ilaalu of argee deebi’a. Dhuma irratti, “Amma eenyu akka du’e isiniif galeera mitii?” Jedhee amantoota isaa gaafate. Isaanis afaan tokkoon “Hundumtuu duuneerra” jedhan.Bara kana akkas taane Hundumtuu waa’ee nama biraa du’a ga’ii deemuuf eenyu akka du’e iyyaafata malee inni ofii isaa du’aa ta’uu hin beeku.“Iji baar-gamatti argu ciimmaa of irratti hin argu”jedha Oromoon. Amanuu waan hin barbaanneef malee hundi keenya duuneerra.

"Hundi keenya iyyuu ni duuna.kaayyoon keenya bara baraan jiraachuu utuu hin taane,seenaa bara baraan yaadatamu hojjetanii darbuudha"Chuck palahaniuk 

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...