Taphattoonni kubbaa miilaa taphachuuf dirretti seenanii qophaa'aa jiran haa ilaalu.garuu namni tokko akka tasaa muka gooliin itti galu buqqisee sarara gooliin akka gale muldhisu yoo haqe akkamiin gooliin akka gale beekkama?
Bakka goolii itti galchitu gahuukee akkamiin beekta? Dharraa taphaa waan qabnuuf qofa taphachuun bu'aa hin qabu bakka goolii itti galchinu akkamiin akka galchinu beekuu qabna. Galma keenya addaan baafannee hin beeknu taanaan jireenyi bitaa nutti gala.
Bakka deemtu odoo hin beekiin makiinaa ni ooftaa? Hin ooftu akkas taanaan maaliif namoonni baayyeen galma qabatamaa osoo hin baafatin akkanumaan jiraaturee? Ato galma murtaa'aa qabdamoo akkanumatti dirree muka goolii hin qabne keessatti kubbaa taphachaa jirta(anaaf atiis) ammaa jalqabnee galma haa baafannuu
No comments:
Post a Comment