Gaafan qullaa deemu
Ati uffattee deemta
"Maraatuu" naan jechuu malee
Maafan akkan maraadhe
Na gaafattee beektaa?
Maal taate jetteettaa?
Ani afuuffee miti
Kan qilleensan guutame
Ani hattuu miti otoon waan namaa hawwuu
kan sammuu fuudhame
Ani albaadhessa miti
Kajeeltuu waan raqaa
Ani maraatudha
Maraatuu ilma haqaa
Jireenyaan wal dhabee
Jiraa hin jirre ta'ee
Dhuhaafan maraadhe
Dhugaafan raata'ee
-
Sobatu hiita'ee akka tulluu guddaatti ol jedhee dhaabbate
Biyyimmoo itti yaa'ee galgalaaf ganama ho'asaa qaammate
Sobaaf wal ga'iin taa'amee hiriirri ba'ameefi
Cidhi itti godhamee - itti shubbifamee
Harki dhahameefi!
Namni soba kabaje
Namni soba faarse
Qumbii itti firfirse
Ixaana' itti aarse!
-
Dhugaanimmoo haqaaqamee karaarraa jallate
Akka muka qiinqaniin nyaatetti soofamee qallate
Ni ukkaamame- ni sakaalame
Dhoksaatti affeelamee
Dhoksaatti akaa'ame
Dukkana walakkaa
Gorduuba kaa'ame!
Aarsaa dhugaaf ba'etu
Jallinaan qorqame
kan kabajni maluuf
kabaja dhorkame!
-
Hammeenyiifi gidiraan
Kokkeetti na qabe
Biyya abbaa koorrattan
Abbaa ta'uu dhabe
Galaana imimmaanitu
Jiraa na awwaale
Madaan koo baayyannaan
Hooqqachuu wallaale...
Waa'een maraatummaafi
Waa'een caba kootii
Gaaffii deebii dhabe
Gaaffii saba kooti!
No comments:
Post a Comment