i. Hojii Baay’ee Ariifachiisaaf Baay’ee Barbaachisaa ( V.Urgent and V.Important)
ii. Hojii Baay’ee Barbaachisaafii Kan Ariifachiisaa Hin Taane ( V. Important But Not Urgent);
iii. Hojii Baay’ee Ariifachiisaa ta’ee kan hammas hunda barbaachisaa hin taane ( Urgent but Not Important)
iv. Hojii Arifachiisaas hin taane, Kan barbaachisaas hin taane ( Neither Urgent Nor Important) – Waan yeroo qofa namarraa gubu.
Hojiin nuti hojjannu kamiyyuu kanaan alaa miti. Sa’aatiin noti guyyaa guyyaan hojiirra oolchinu hojiiwwan afran kanneen keessaa tokko keessatti madaalama. Afran
kanneen keessaa nuti isa lammataa irratti xiyyeeffannee hojjatuu dandahuu qabna. Maalif yoo jenne, dalagaan tokko hojjatamuun isaa barbaachisaa yoo ta’e hamma inni
barbaachisummaan isaa ariifachiisaa tahee yeroon nutti dhiphatutti eeguun barbaachisaa miti. Kanaaf, waan hojjatamuu qabu yeroodhaan yoo kan hojjannu ta’e ofis dhiphisuu irraa akkasumas yeroo keenyas haala hin taanen qisaasuu irraa of tiksina jechuudha. Haaluma walfakkaatun jireenya keenna keessatti wantoota barbaachisoo hin taanefii kanneen ariifachiisoo hin taane kamiyyuu irraa fagaachudhaan yeroo of jalaa gubnu hir’isuunis baay’ee barbaachisaadha.
Kutaa 2ffaa Ilaali Kutaa 4ffaa Ilaali
No comments:
Post a Comment