JIREENYA KEESSA JIRTU YKN JAALLATUUF HOJJEDHUU


❍ Waan lama waliin jaalachuun hin ta'u. 

Jiruu gaariis nan jaaladha; harka maradhee taa'uus nan jaaladha"jechuun waan hin malle dha.

❍ Dheebuu bahuuf bishaan dheebuu si baasu barbaadi!

 Hawwii qofaan dheebuun baha utuu jettuu dheebuun hin du'in!

➨ Jireenyi ati har'a keessa jirtu waan hedduuf kan siif hin mijanne ta'uu danda'a. Waan hedduutu sitti gufuu ta'ee jira ta'a; rakkoon kun tarii maatiin wal qabata ta'a. Maatii harka qal'eeyyii; maatii dhabaa irraa waan dhalatteef ta'uu mala. 

➨ Homaa miti yeroo qabda carraaqi!

 Dafqii buufadhu! Wanti gaariin ilmaan sirraa argamaniif akka darbu taasisi!

➨ Abadan abadan rakkoon sirra ture ilmaan keetti ce'uu hin qabu.

 Harka marattee teessee hawwuu qofaan wanti siif darbu hin jiru. Waan amma keessa jirtu kana seenaa gootee odeessitaatii imala keef tarkaanfii jalqabi!

■ Nama dhaabbatu nama deemutu bira dabra❗

"Na boodaa dhufee na dura darbaa?" Jettee komachuun fafa. "Maaliifan dhaabbadhe? Anatu carraa kootti dabarse namni ana hin geenye na darbe" jettee matuma kee komachuutu fala.  

■ Haalli kamiyyuu haaluma kanaan adeemama. 

Nama taa'u, laafaa illee ta'u namuma deemutu bira darba. Kanaaf kaleessa irra har'a, yoo lubbuun jiraatte har'arras boru of fooyyessuuf qophaa'i! 

■ Akkas yoo goote nama si hin geenyeen caalamteeti yeellofta osoo hin taane; nama si caalu darbiteetu gammaduuf jiraatta

Bishaan danfaa jiru keessatti laaltee of arguu hin dandeessu, akkasumatti yeroo aartee jirtu keessatti haqa arguu fi dhugaa hubachuu hin dandeessu! 

Eega bishaan qabbanaa'ee erga tasgabbaa'e booda keessatti of daawwatta! 

➪Kanaafuu,atis tasgabbaa'i❗

       Hin dagatiin❗

√  Jireenya kee keessatti namoota kanneen hin dagatiin: 

➪ Yeroo rakkinaa kan si gargaaran, 

➪ Rakkinarra kan si buusan, fi

➪ Rakkina keessatti kan si dhiisan!

Beekumsa qaban irratti hundaa'ee namoota gosa 4 tu jira.

👉 Isaaniis:

1. Nama hin beekne,akka hin beekne,kan hin beekne.

➪ Wallaalaa Wallaalummaa isaa hin beeknedha.

2. Nama hin beekne,akka hin beekne,kan beeku.

➪ Wallaalaa Wallaalummaa isaa beekudha.

3. Nama beeku,akka beeku kan hin beekne.

➪ Beekaa beekumsa isaa hin beeknedha.

4. Nama beeku,akka beeku kan beeku.

➪ Beekaa beekumsa isaa beekudha.

⚠︎ Ati isaan kana keessaa isa kamimee❓

 


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...